bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Galatians 5
Galatians 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Wolabumma'aan akka jiraannuuf Kiristoos wolaba nu baase. Eegasuu jabaadha'aa dhaabadhaa'a! Deebitanii qambara garbumma'aatiin hin qabaminaa'a!
2
Eeganaa ani Phaawuloos akkana isiniin jedha; yoo gadoomtan Kiristoos womaa isin hin fayyadu.
3
Seera maraa akka raawwatu dirqamni irra jira jedhee worra gadooman maraa tokko tokko isaaniitittillee akkasuma ragaa baya.
4
Worri Seeraan qajeellota ta'uu barbaaddan Kiristoosiin irraa fooyamtanii badhaadha Rabbii irraa kuftaniirtan.
5
Nu Ayyaana amanti'iitiin abdii wolabumma'aa waan eeggannuuf.
6
Jaalala amantii Yesuus Kiristoosiin ta'e hujuu malee, gadoomuun yookaan gadoomuu dhabuun waan hin fayyanneef.
7
Isin akka mishaa fiiga'aa turtan; garuu dhuga'aaf akka hin ajajamne eentu isin dhoogge?
8
Sossobbiin akkanaa kun ka isin waame irraa miti.
9
Raacitiin diqqoon dukkuussii maraa hin bukeessa.
10
Waan adda ta'e horoma akka hin yaanne, ani Gooftaa waan keessaniif hedadheera; eennullee ka isin raasu yoo jiraate murtee ufii argata.
11
Haa ta'uu ammo, obboleeyyan tiyya! haga ammaa ani uduu waan gadoomu'uu himee silaa haga ammaa maaf na ari'an? Eeganaa gufuun fannoo Kiristoosiitiin kara'aa dhooggameera.
12
Worri isin jaanjursan sunniin gadoomuu callaa uduu hin ta'in, uf irraallee haa muranii.
13
Obboleeyyan tiyya! Isin wolabumma'aaf waamamtaniirtan; ammoo wolabumnaan keessan foonii akka sababaa hin kennine. Haa ta'uu ammo isin akka garbootaa wolii ta'aa'a.
14
Seerri maruu dubbii tokkoon waan raawwatamuuf innillee, «Goshoo kee akka uf jaalattutti jaaladhu!» ka jedhu.
15
Haa ta'uu ammo isin uduu wol ciniintanii fi wol nyaattan akka wol hin balleessine uf eegaa'a!
16
Haa ta'uu ammo akkana jedha; Ayyaana Woyyu'uun jiraadhaa'a; hawwii foonii sirima hin raawwatinaa'a.
17
Fedhiin foonii fedhii Ayyaanaatiin waan wol faalleessuuf kunniin lamaan waan wol mormaniif kanaafuu waan jaalattan godhuu hin dandeettan.
18
Yoo Ayyaana Woyyu'uun masakkamtan ammo, Seeraa gad hin jiraattan.
19
Hujiin foonii addaata'a; innillee seebaruu, battaa'ummaa, wol hoossuu,
20
waaqa tolfamaa waaqeffatuu, falfaluu'u, diinummaa, wol mormii, hinaaffaa, loluu'u, uf jaalachuu'u, wol fooyuu'u,
21
gumbisuu'u, machii, jireenna adaba hin qabnee fi ka kanniin fakkaatu; akkuma kanaan dura isinitti hime, worri waan kana godhan horoma jeennata hin galan.
22
Daraaraan Ayyaanaa ammo jaalala, gammachuu, nagaya, obsa, arjummaa, mishooma,
23
amantii, gara laafumma'aa fi uf qabu'u; seerri waan akkanaa kanniin dhooggu hin jiru.
24
Worri ka Yesuus Kiristoosii ta'an, hawwii hamaa foon isaanii woliin fannisaniiran.
25
Yoo Ayyaana Woyyuu keessa jiraanne, Ayyaanuma kanaan haa jiraannuu.
26
Ufii wolitti kakka'aa, hinaaffaa duwwa'aan akka uf hin janye.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6