bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Galatians 3
Galatians 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
1
Isin namoota Galaatiya'aa! worra qalbii hin qabne; ija teessan afo'otti Yesuus Kiristoos akka waan faki'iititti fannifame akka dhuga'aaf hin ajajamne eentu muusessaa isinitti buuse?
2
Ani waan tokko callaa beekuu barbaada. Isin seera eegu'uun mo'o dubbii Rabbii dhageettanii itti amantaniin Ayyaana Woyyuu fudhatan?
3
Isin haganuma mara gowwa'aa? Ayyaana Rabbiitiin jalqabdan; amma ammo yaada fooniitiin fixuu barbaaddanii?
4
Kun dhugamaan waan hin fayyanne yoo ta'e, isin waan duwwaa kanaaf rakkoon isin irra gayee?
5
Eegasuu Rabbiin Ayyaana ufii isinii kennu ka isin birattillee maalalee godhu, hujii seeraatiin mo'o amantii dhageetti'iin ta'een?
6
Akkasuma, «Abrahaam Rabbitti amane; amantiin isaallee qajeellumma'aatti laakkayameef»
7
Eegasuu worri amanan maruu ijoollee Abrahaamii akka ta'an beekaa'a.
8
Kitaabnillee Rabbiin worra Yihuudii hin taane amanti'iin qajeelchu dursee argee, «Baniin maruu siin eebbifama» jedhamee Dubbiin Nagayaa Abrahaamitti dursee himameera.
9
Kanaaf worri amanan maruu Abrahaamii amane woliin eebbifaman.
10
Ka hujii seeraatiin ta'e maruu abaarsa jala waan jiraniif, «Kitaaba seeraa mara keessatti ka barreffaman ka jabaatee ittiin hin jiraanne maruu, ka hujii irra hin oolchine maruu ka abaarame!» jedhamee waan bareeffameeruuf.
11
«Qajeelaan amanti'iin jiraata» waan jedhameeruuf, eennullee Rabbiin afo'otti seeraan akka qajeelaa hin taane ifa.
12
Seerrillee amanti'iinii miti. Haa ta'uu ammo, «Namni seera raawwatu seera keessa jiraata» jedhameera.
13
«Ka muka irratti fannifamu maruu ka abaarame» jedhamee waan barreeffameeruuf Kiristoos waan keennaaf abaaramaa ta'ee seera abaarsaa jalaa nu booji'e.
14
Abdii Ayyaanaa amanti'iin akka fudhannu eebbi Abrahaamii gara worra Yihuudii hin taanee karaa Yesuus Kiristoosii irraan isaan akka dhaqqabuuf.
15
Obboleeyyan tiyya! Akka Aadaa namaatitti kana jedha. Namallee yoo ta'e, abdii mirkanaaye eennullee hin tuffatu yookaan itti hin eda'u.
16
Abrahaamii fi fiixaa isaatiillee dubbii abdi'iititu himame. Barreeffamni Woyyuun, akka namoota hedduuf dubbatuuf, «Fiixaa» isaaniitiin hin jedhu; akka nama tokkotti dubbateetitti ammo «Fiixaa» keetiif jedha; innillee Kiristoos.
17
Kanallee akkana jedha, woggaa dhibba afurii fi soddomaan maayii seerri duraan kenname abdii dubbii Rabbiitiin mirkanaaye haga diiguuf dubbii abdi'ii balleessuu hin danda'u.
18
Dhaala argachuun uduu karaa seeraatiin ta'ee ammaa achi dhaalli karaa Waada'aatiin hin argamu ture. Jecha abdi'iitiin ammo Rabbi Abrahaamii kenneera.
19
Eegasuu seerri maaf kenname? Haga fiixaan abdi'ii kennameef sun dhufuuf, seera diiguun maal akka ta'e mudhisu seerri eda'amee kenname.
20
Jiddu galeessi tokko calla'aafii miti. Rabbi ammo tokko.
21
Eegasuu seerri dubbii abdii Rabbii ka mormu ta'aa? sirima hin mormu! Seerri akka jiruu kennu uduu kennamee jiraatee, silaa dhugamaan seera eeguun qajeellummaa fida.
22
Haa ta'uu ammo dubbiin abdi'ii worra Yesuus Kiristoositti amananiif akka kennamuuf akkuma kitaabni woyyuun jedhu adunyaan maruu cubbuu jalatti hidhamaniiran.
23
Amantiin uduu hin dhufne amantii mudhatu'uuf ta'u nutti cufamee seeraa gaditti bula'aa turre.
24
Akkanatti amanti'iin akka qajeelaa taanuuf seerri guddiftuu gara Kiristoosii nu fidu ta'eera.
25
Amantiin ammo waan dhufeef, ammaa achi guddiftu jalaa miti.
26
Karaa amanti'iitiin marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti ijoollee Rabbii waan taataniif,
27
worri Kiristoosiin woliin tokko ta'u'uuf cuuphamtan maruu Kiristoosiin uffattaniirtan.
28
Yihuudii yookaan namni Giriikii hin jiru. Garbichi yookaan wolabaan hin jiru, dhiira yookaan intala jechuun hin jiru; marti keessanuu Yesuus Kiristoosiin keessatti nama tokko waan taataniif.
29
Isinillee eega ka Kiristoosii taatan, akkasuma isin fiixaa Abrahaamii worra dubbii abdi'ii dhaalu.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6