bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Galatians 2
Galatians 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
1
Woggaa kudha afuriin maayessa deebi'ee gara Yerusaalemii baye; hennaa kana Baarnaabaasiin woliin ture; Tiitoollee qabadhee dhaqee ture.
2
Akkuma Rabbi mudhata naa kenneen bayee, maal laataa duwwama akka hin fiinne, yookaan duwwamallee fiigee akka hin jiraanne worra Yihuudii hin taane jiddu'utti Dubbii Nagayaa isaaniin gaye. Worra ijoo fakkaatanii mudhataniif hojjatti isaanitti hime.
3
Haa ta'uu ammo ka ana woliin ture Tiitoonuu nama Giriikii ta'eetuu akka gadoomu isa hin giddisiifne.
4
Haa ta'uu ammo garboota nu godhatu'uuf wolabummaa karaa Kiristoosiitiin arganne san gaadu'uuf obboloonni sobduun dhossa'aan hulluuqanii nu keessa seenan.
5
Akka dhugaan Dubbii Nagayaa isin biratti jabaatee jiraatuuf jennee, hennaa diqqo'oofillee gad dhiifnee isaan jalatti hin bulle.
6
Worri bulchoota fakkaatan ammo eennummaan isaanii ka duraa womaa natti hin fakkaatu. Rabbi fuula namaa laalee wol hin dabarfatu. Isaan Dubbii Nagayaa ka ani himu irratti womaa hin edaane.
7
Akkuma Rabbi Pheexroosiin worra gadoomaniif Dubbii Nagayaa haa himu'uuf yaboo itti kenne, anillee worra hin gadoominiif Dubbii Nagayaa akka himu yaboon akka natti kenname beekaniiran.
8
Waandhi Pheexroos worra hin gadoomneef ergamaa ta'ee akka hojjatu godhe sun, anillee ergamaa worra Yihuudii hin taanee ta'ee akka hojjadhu na taasiseera.
9
Worri bulchoota ijoo fakkaatanii mudhatan Yaaqoob, Keefa'aa fi Yohaannisillee Rabbi akka kennaa badhaadhummaa naa kenne hubatanii nu gara worra Yihuudii hin taanee, isaan ammo gara worra Yihuudotaa akka dhaqan, anaa fi Barnaabaasiin woliin wolii galan.
10
Isaan hiyyeeyyii calla'aaf akka yaannu nu kadhatan; kunillee ammo waanuma ani jabaadhee godha'aa ture.
11
Haa ta'uu ammo Keefaan gara Anxookiya'aa hennaa dhufe, wonti inni hojjate waan isatti murteessuf dogoggora isaatiif ani addaataa isa morme.
12
Namoonni gariin Yaaqoobiin bira uduu hin dhufiniin dura, inni worra Yihuudota hin taane woliin nyaata'aa waan tureef, hennaa dhufan ammo gosa gadooman san sodaatee uf duubatti sissiiqa'aa isaan biraa fooyame.
13
Worri Yihuudota hin taane kuuwwanillee uf tuuluu isaatiin wol ta'an.
14
Haa ta'uu ammo akka dhugaa Dubbii Nagayaatitti akka isaan qajeellumma'aan hin deemne hennaa arge, maraa afo'otti Keefa'aan, «Ati nama Yihuudi'ii taatee, akka nama Yihuudii hin taaneetitti eega jiraatte, attamiin worra Yihuudii hin taane akka Yihuudotaatitti akka jiraataniif isaan giddisiifta?» jedheen.
15
Nu dhalootaan Yihuudota; worra cubbamtoota Yihuudii hin taane sanii miti.
16
Haa ta'uu ammo, namni Yesuus Kiristoositti amanu'uun akka qajeeluuf malee, hujii seeraatiin akka hin taane beennee ka foon uffate maruu hujii seeraatiin waan qajeelaa hin taaneef nu mataan keennaa hujii seeraatiin uduu hin ta'in Yesuus Kiristoositti amanu'uun qajeellummaa arganneerra.
17
Haa ta'uu ammo yoo ka Kiristoosiin qajeellota ta'uu ka barbaannu ta'e, nu mataan keenna cubbamtoota taanee yoo argamne, eegasuu Kiristoos tajaajilaa cubbu'uuti jechu'uu ree? Miti.
18
Ka diige kana deebisee ka ijaaru yoo ta'e, anuu ka seera irra darbu akka ta'u hin hubachiisa.
19
Ani Rabbiif jiraataa ta'ee akka jiraadhu, karaa seeraatiin seeraaf du'eera.
20
Kiristoosiin woliin fannifameera; ammaa achi Kiristoositu na keessa jiraata malee, ani ufii hin jiraadhu. Jiruun ani amma fooniin jiraadhu ka na jaalateef ka uf dabarsee naa kenne amantii Ilma Rabbii irraa qabuun.
21
Badhadha Rabbii hin gatadhu. Qajeellummaan karaa seeraatiin yoo ta'e, eegasuu Kiristoos akkanumaan du'e jechu'u.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6