bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Thessalonians 1
1 Thessalonians 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
1
Worroota Waaqa Abba'aatii fi Gooftaa Yesus Kristosii ka ta'an amanttoota woldaya Tasolonqe'ee ta'an, Phaawulos, Siilaasii fi Ximotewosiin irraa ergaa ergame, kennaan isaa ka bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
2
Nu'u yeroo maraa isin kadhannaa keennaan isin yaadata'aa, Waaqaaf galata ni dhiyeessina.
3
Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duranatti amantiin keessan ka hojjatu, jaalalaaf ka raawwattanii fi Gooftaa keenna Yesus Kristositiin abddii qabddan obissaan eeggachuu keessan, nu'u uduu addaan hin kutin ni yaadanna.
4
Waaqaan ka jaalatamttan Yaa obboleeyyan, Waaqinni akka isin filate ni beekinna.
5
Wongeela keenna ka isinitti himnne jecha qofaan uduu hin ta'in huminnaa fi Hafuura Qulqullu'uun, waayee wangeelaatiif'llee dhugaaleyyii ta'uun, isin woliin yeroo turretti'llee, isiniif jecha attamitti akka jiraanne ni beekittan.
6
Rakkinni baayi'een isin irra yoma gaye'llee karaa Hafuura Qulqullu'uutiin gammachuu argameen dubbii isaa fudhattanii, fakkeenna keennaa fi Gooftaa Yesusii fudhattanii ka horddofittan taatanii jirttan.
7
Kanaaf Maqedooniya'aa fi Akaayiya'aatti amanttoonni argaman maraaf, fakkeenna mishaa taatanii jirttan.
8
Dubbiin Goofta'aa isin keessaa bayee ka dhagayame Maqedooniya'aa fi Akaayiyaa qofatti uduu hin ta'in, amantiin Waaqaan irratti qabddan bakka marattuu beekkamee jira ture, waayee kanaan nu'u waayee kanaan, womaayyuu dubbachuu nu'u hin barbaachisu.
9
Gara keessan yeroo dhufinnetti attamitti akka ufitti nu fudhattan, Waaqa jiraata'aa fi dhugaalessa tajaajilu'uuf, waaqolee harkaan hojjataman irraa fooyamittanii gara Waaqaa attamitti akka deebitan, namoonni sunniin mataan isaaniituu ragaa ni bayan.
10
Akkuma kana Waaqinni du'aa ka isa kaasseen, dheekkamissa dhufuu jalaa ka nu baasu, dhufaatii ilma isaa Yesusii ka sami'ii dhufuu attamitti akka eeggattan'llee ragaa ni bayan.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5