bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Thessalonians 2
1 Thessalonians 2
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
1
Yaa obboleeyyan! Gara keessan dhufuun keenna gati dhabeessa akka hin ta'in, isin mataan keessanuu ni beekittan.
2
Akkuma isin beekittantti asiin durana Filiphisiiyuus yeroo turretti, rakkinnaa fi arrabnni nurra gayee jira. Garuu mormmiin ol aanaan yoma nurra gaye'llee wongeelichaa isin akka barsiifnnuuf, Waaqinni keenna uggiinsa nuuf kennee jira.
3
Nu'u ka isin gorssine dogoggoraan yookiin kaayyoo batti'iin eemaraminneetii miti, isin sobu'uuf wonitti raawwanne womaayyuu hin jiru.
4
Kana irra Waaqinni wongeelicha yabo'oon nuuf ka kenne nu'utti amanee waan ta'eef ni dubbanna, kana'llee ka raawwanu Waaqa onnee teenna qoratu gammachiisu'uuf jenneetii malee, nama gammachiisu'uuf jenneetii miti.
5
Yeroma tokko'llee jechaan shelu'uun yookiin fedhii qarshi'ii qabaannee gonkumaa akka hin dubbatin, isin mataan keessanuu ni beekittan. Waaqinni'llee ragaa keenna.
6
Isin irraa'llee ta'ee kaanniin nama kamiin irraayyuu nu ulfinna hin barbaanne.
7
Ergamittoota Kristosii akka ta'uu keennaa titti barbaachisaa waan ta'e isin irraa gaafachu'uuf ni dandeenna ture, garuu akkuma haadha ijoollee isi'iitiif ufi eeggannaa taasfttuu titti, gara laafnnaan jidduu keessantti ni dedeebine.
8
Akkuma kana haalaan waan isin jaalannuuf, wongeela Waaqaa isiniif lallabuu qofa uduu hin ta'in, lubbuma keenna'llee isinii kennu'uuf qophaayota turre.
9
Yaa obboleeyyan! Attamitti akka hojjannee fi akka dadhabinne ni beekittan, wongeela Waaqaa yeroo isiniif lallabnnutti, tokkoo tokkoo keessan irrattuu ba'aa akka hin taaneef, halkanii fi guyyaa hojjachu'uun ni dadhabinna turre.
10
Isin amanttoota jidduu yeroo turretti qulqullummaa attamiitii qulqullaawoma fi jireenna ashaa hin qabnneen'llee akka jiraanne isin ragoota, Waaqinni'llee raga'a.
11
Akkuma bifa abbaan ijoollee isaatiif raawwatuu titti nu'llee isin tokkoo tokkoo keessaniif, akka isiniif raawwanne ni beekittan.
12
Yeroo maraa isin gorssa'aatii fi isin jajabeessa'aa mootummaa isaatii fi ulfinna isaa'llee akka qoodamttaniif ka waamamittan, akkaataa waan Waaqinni ittiin gammaduutii akka jiraattaniif yaboo akka isiniin jenne ni beekittan.
13
Akkuma kana waayee keessaniif uduu addaan hin kutin sababaa Waaqa ittiin galateeffannu ni qabnna, kun'llee dubbii Waaqaa ka nurraa dhageettan yeroo fudhattanitti, isin amanttoota keessatti ka hojjatu dubbii kana ka fudhattan akka dubbii namaa titti uduu hin ta'in, akka dubbii Waaqaa taasfttaniiti. Dhugamattuu ammoo dubbii Waaqaati.
14
Yaa obboleeyyan, Isin'llee worra arddii Yihuda'aa titti argaman Yesus Kristositiin fakkeennummaa woldayoota amanti'ii horddofttanii jirttan, akkuma Yihudotaan rakkinni isaan irra gaye maraatti isin'llee woruma keessaniin, rakkinni isin irra ni gaya.
15
Yihudonni Gooftaa Yesusii fi nabiyyoota ka ajjeessan, nu'llee ari'anii worra biyyaa baasan, isaan worra Waaqa gaddisiisanii fi namoota mara'llee worra jibban,
16
ummanni Waaqa dhuga'aa titti hin amanne dubbii ittiin fayyan akka hin dubbanneefuu nu dhooggan, bifa kanaan cubbuu cubbuu irraan dabala'aa ni deeman, kanaaf muumme'etti dheekkamssi Waaqaa isaanitti dhufee jira.
17
Garuu yaa obboleeyyan! Hafuuraan yoo argu ta'ee fooniin, yeroo muraasaaf isin irraa fooyamuu keennaan, jaalallitti isiniif qabnnu baayi'ee waan ta'eef, ija fooniitiin isin argu'uuf yaalii baayi'ee ni taasfnne.
18
Gara keessan dhufu'uuf barbaannee turre, keessummaanuu ani Phaawulos gara keessan dhufu'uuf dedeebi'ee yaalee ture, garuu Sheexanni nu'u ni dhooge.
19
Eegaa abddiin keenna yookiin gammachuun keenna yookiin Gooftaan keenna Yesus Kristos yeroo dhufu isa duranatti ka ittiin dhaadannu, gonfaan keenna ka injifanno'oo isinii mitii ree?
20
Dhugamattuu ulfinni keennaa fi gammachuun keenna'llee isin.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5