bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Thessalonians 5
1 Thessalonians 5
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
1
Yaa obboleeyyan! Waayee bara wonitti kun itti raawwatamuutii fi waayee yeroo'llee, womaayyuu akka isiniif barreessu hin barbaachisu.
2
Guyyaan Goofta'aa ka dhufu, hattuun halkaniin akkuma bifa dhufuu titti ta'uu isaa, isin mataan keessanuu midhaastanii ni beekittan.
3
Namoonni, «Wonitti marrinuu nagayaa fi ka tasgabaaye» yoo jedhan, akkuma bifa dubarttii ulffaa yoo ciiniiniissuun isii qabdduunii titti badiin dimmaa isaanitti ni dhufa, bifa kamiinuu jalaa hin bayan.
4
Isin garuu yaa obboleeyyan, dukkana keessa hin jirttan, kanaaf guyyaan akka hattu'uu titti isinitti hin dhufu.
5
Isin marrinuu namoota ifaa, namoota guyya'aati'llee, nu'u namoota halkanii yookiin namoota dukkanaatii miti.
6
Kanaaf nu'u haa dammaqinnuu, mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannu malee, akka kaanniinii muguu hin qabnnu.
7
Namoonni mugan'llee halkaniin haa mugan, ka machaayan'llee halkaniin ni machaayan.
8
Nu garuu namoota ifaa waan taaneef mataa keenna toowachu'uun hagatti haa jiraannuu, amanti'ii fi jaalala akka uffata woraanaa titti haa uffannuu, abddii fayyinnaa'llee akka qoobii sibiilaa titti, haa godhannu.
9
Waaqinni ka nu waame dallansu'uuf uduu hin ta'in karaa Gooftaa keenna Yesus Kristositiin, fayyinna akka argannuuf.
10
Kristos waayee keennaaf ka du'e lubbu'uun yoo jiraanne yookiin yoo duune'llee, isa woliin akka jiraannuuf.
11
Kanaaf amma bifa raawwatta'aa jirttaniin, tokko ka bira'aa ijaaru'uun haa jajabeesuun.
12
Yaa obboleeyyan! Isin jiddu'uutti huji'iin worra dhadhaban, maqaa Gooftaa Yesusiitiin itti gaafatamoota keessan fi gorrsitoota keessan ka ta'an, akka isaan kabajaniif, isin ni kadhadha.
13
Waayee hujii isaaniitiin'llee isaaniif ulfinnaa ol aana'aa fi jaalala qabaadhaa, isin'llee ufii keessan nagayaan woliin jiraadhaa.
14
Yaa obboleeyyan! «Worra hujii jibbantti baanadhaa, sodaattota jajabeessaa, dadhabiddoota gargaaraa, nama maraaf obissaa» jennee, isin ni gorssina.
15
Naminni kamiiyyuu bakka hama'a'aatiif hamaa akka hin deebifnne ufi eeggadhaa, kana irra isin yeroo maraa ufii keessaniif ta'ee akkuma kanaan'llee namoota kaanniin maraafuu, waan mishaa raawwachu'uuf dammaqaa.
16
Yeroo maraa gammadaa!
17
Uduu addaan hin kutin kadhadhaa.
18
Waan maraanuu Waaqa galatteeffadhaa, jireenna Yesus Kristosiin qabddaniin Waaqinni isin irraa ka barbaadu kana.
19
Hujii Hafuura Qulqullu'uu hin ukkaamsinaa,
20
Kennaa dubbii raagaa dubbatee hin tuffatinaa;
21
Waan maraa qormaataa, qoradhaa, ka mishaa ta'e qabadhaa.
22
Waan hamaa kamiin irraayyuu fagaadhaa.
23
Mataan isaatuu Waaqinni nagayaa waan maraanuu isin haa qulqullaawomssu, hafuurri keessan, lubbuun teessanii fi qaaminni keessan marrinuu, guyyaa Gooftaan keenna Yesus Kristos itti dhufuuf, ashaa malee eeggamee haa jiraatu.
24
Ka isin waamu sun amanamaa waan ta'eef kana ni raawwata.
25
Yaa obboleeyyan! Nu'uu'llee kadhadhaa.
26
Obboleeyyan maraa wol dhungoo Qulqullaawome qabuun, nagaya isaaniin jedhaa.
27
Ergaan kun amanittoota maraafuu akka dubbiffamu, maqaa Goofta'aatiin yaboo isiniin ni jedha.
28
Kennaan bilisaa ka Gooftaa keenna Yesus Kristosii, isin woliin haa ta'u.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
All chapters:
1
2
3
4
5