bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Thessalonians 3
1 Thessalonians 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
1
Kanaaf ammaa achitti obissuu dadhabuu keennaan, Ateena'aatti adda keenna hafuun keenna mishaa ta'ee nutti ni muldhate.
2
Obboleessa keennaa fi tajaajilaa Waaqaa ka ta'e, gammachuu oduu misha'aa Kristosii lallabu'uun waahelli hujii keennaa ka ta'e Ximotewosiin isinii erginee jirra, ka isinii ergine'llee akka isin jajabeessuu fi amanti'iin'llee akka jajabaattan, akka isin gorssu'uuf,
3
kun'llee rakkinna isin irra gayeen akka hin raafaminne isin ni taasisa, rakkinni kun'llee nu'uuf carraa murttaaye ta'uu isaa isin mataan keessanuu ni beekittan.
4
Gonkumaa isin woliin yeroo turetti rakkinni akka narra gayu durssinee isinitti ni himnna ture, akkuma beekittantti'llee rakkinni narra gayee jira.
5
Waayee kanaan ammaa achitti obissaan eeguu dadhabuu kiyyaan waayee amantii keessan beeku'uuf barbaadee Ximotewosiin gara keessan ni ergeen, isa'llee sababaan ergeef qorataan yookiin karaa tokkoon isin qormaatee ni ta'a, hujiin keenna'llee tasa ta'ee hafee jira jechu'uun sodaadheeti.
6
Amma garuu Ximotewos isin biraa gara keenna dhufee, waayee amantii keessaniitii fi waayee jaalala keessanii'llee odduu gammachiisu nutti himee jira, akkuma kana isin'llee yeroo maraa waan misha'aan akka nu yaadattanii fi nu'u isin argu'uuf, haguma isin yaadinnuun isin'llee nu argu'uuf akka yaaddan, nutti himee jira.
7
Kanaaf yaa obboleeyyan, nu'u ka argaminnu rakkinnaa fi sarddama keessatti yoma ta'e'llee, waayee amantii keessaniitiin isiniin jajabaannee jirra.
8
Gooftaa Yesusiin jabaattanii jiraachuun keessan nu'uuf jireenna keenna.
9
Kunnoo, amma waayee keessaniif galata ni dhiyeessinna, waayee keessaniin'llee isa duranatti waayee gammachuu qabnnuutiif Waaqa ni galateeffanna.
10
Halkanii fi guyyaa akka jabaa ka kadhannuuf ija fooniitiin akka isin arginuu fi amantii keessaniin'llee waan dhidhate guutu'uuf, akka dandeennuuf.
11
Amma'llee mataan isaatuu Waaqinni keennaa fi Abbaan keenna, Gooftaan keenna Yesus'llee gara keessaan akka dhufinnuuf, karaa keenna nuuf haa qajeelchu.
12
Akkuma nu'u isin yaannutti Gooftaan ufii keessan fi kaanniin maraaf'llee jaalallitti qabddan, akka guddatuu fi akka baayi'atu isiniif haa taasisu.
13
Bifa kanaan Gooftaan keenna Yesus qulqullaawota mara woliin yeroo itti dhufutti Waaqa keennaa fi Abbaa keenna duratti, onneen teessan ka ashaa hin qabnnee fi Qulqulluu akka ta'uuf isin ni jajabeessa.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5