bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
1 Thessalonians 4
1 Thessalonians 4
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
1
Muumme'etti'llee yaa obboleeyyan! Waaqa gammachiisu'uuf attamitti jiraachuu akka qabddan nurraa barattanii jirttan, amma'llee ka jiraattan akkanumatti, maqaa Gooftaa Yesusiitiin ka isin kadhannuu fi ka isin gorssinu'llee, waan asiin durana raawwattan caala'atti akka raawwattaniif.
2
Maqaa Gooftaa Yesusiitiin qajeelfama attamii akka isiniif kennine, ni beekittan.
3
Fedhiin Waaqaa akka isin Qulqulloofttanii fi sagaagala irraa akka fagaattaniif.
4
Tokkoon tokkoonuu haadha worraa isaa Qulqulloofttaniif fi ulfinnaan eegee qabachuu haa beeku.
5
Akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amanne ka Waaqa hin beekinnee titti, hawwii sagaagalaa hin qabaatin.
6
Waan kanaan naminni kami'llee seera hin dabrrin, amanataa bira'aa'llee hin miidhin, asiin durana akkuma isinitti himnnee fi akka ufi isin eeggachiifinnetti wonittoota kanniin worra raawwatan Gooftaan isaan ni adaba.
7
Waaqinni ka nu waame qulqullaawomaan akka jiraannuuf malee, battumma'aan akka jiraannuufii miti.
8
Kanaaf gorssa kana ka mormmu, ka mormman Hafuura isaa Qulqulluu isaaniif kennu Waaqaan malee, namaanii miti.
9
Waayee ufii keessan wol jaalachu'uu isin mataan keessanuu Waaqa irraa waan barattaniif, waayee dhimmichaa womaayyuu isiniif barreessuu hin barbaachisu.
10
Obboleeyyan Maqedooniyaa guutuu keessa jiran maraa ni jaalattan, ta'u'llee yaa obboleeyyan, amma ka isin gorssinu caala'atti akka jaalattaniif.
11
Tasgabbi'iin'llee jiraachu'uuf akka tataafattanii fi waayee dhimma mataa keessanii'llee akka yaaddaniif akkuma asiin durana isin ajajinnetti, harkuma keessaniin akka hojjattaniif.
12
Bifa kanaan namoota hin amanne biratti ka bajamittan ni taatan, maxanaa eennuu'llee hin taatan.
13
Yaa obboleeyyan! Akka namoota abddii hin qabnee titti akka hin gaddine, waayee namoota du'anii dhugaa jiru akka beekittaniif ni jaalanna.
14
Yesus akka du'ee fi du'aa'llee akka ka'e ni amanna, kanaaf Yesusitti amananii worri du'an Waaqinni isa woliin isaan ni fida.
15
Akkaataa bu'ura dubbii Gooftaa irraa fudhanneetiin ka isinitti himnnu kana, haga yeroo Gooftaan itti dhufuu titti jiraattota taanee ka turru, worra du'an hin durssinu.
16
Qoonqqa ajajaa, qoonqqa itti gaafatamaa maleyikkootaa, xurunbbaan laali'ii Waaqaa'llee ni dhagayama, Gooftaan mataan isaatuu kanniiniin marffamee sami'ii ni bu'a, Kristostti amananii worri du'an'llee durssanii ni ka'an.
17
Kanaan duubatti nu'u worri lubbu'uun argaminnu Gooftaa qilleenssa gubba'atti simachu'uuf, isaaniin woliin duumessaan ol ni butaminna, bara baraaf'llee Gooftaa woliin ni jiraanna.
18
Kanaaf, dubbii kanaan ufii keessan wol jajabeessaa.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5