bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Ephesians 1
Ephesians 1
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Fedhii Waaqaatiin ergamittichaa Yesus Kristosii ka ta'e Phaawulosiin irraa, Yesus Kristosiin amanamoota ka ta'aniif, Qulqulluuwwan Efesonitti argamaniif,
2
Abbaa keenna Waaqaa fi Gooftaa Yesus Kristosiin irraa, kennaan bilisaatii fi nageenni isiniif haa ta'u.
3
Eebba samii jiru hafuurayaa maraan Kristosiin ka nu eebbise, Waaqaa fi Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii haa galateeffamu.
4
Qulqullaawotaa fi ka ashaan nutti hin jirre taanee isa duranatti akka arigaminnuuf, biyyiti lafaa uduu hin uumamin Kristosiin nu ni filate.
5
Fedhii Waaqaa mishaa ta'ee karaa Yesus Kristositiin ijoollee isaa akka taanuuf, durssee jaalala isaatiin nu ni filate.
6
Kana'llee ka raawwate karaa Ilma isaa ka jaalatameetiin akkanumaan ka nuuf kenne, ulfinni kennaa isaa ka bilisaa akka galateeffamuuf.
7
Guutuu ta'uu kennaa bilisaa ka Waaqaa irraa ka'een, dhiiga Ilma isaatiin bitaminnee, dhiifama cubbuu keennaa'llee ni ariganne.
8
Kennaa isaa ka bilisaa'llee beekkomisaa maraan baayi'isee nuuf ni jisse.
9
Waaqinni arijjummaa isaatiin karaa Kristositiin akkaatama durissee karoorsseetiin, dhossaa fedha isaa akka beekinnu ni taasise.
10
Yeroon yoo gayu karoorri Waaqinni hujii irra oolichu, uumamittoonni sami'ii fi arddii irra jiran marri, bakka tokkotti wolitti qabamanii aangoo Kristosii tokkoo jala akka ta'aniif.
11
Waan maraa fedha mataa isaatiin ka hojjatu Waaqinni akkaataa durssee nuuf karoorsse karaa Kristositiin, worra gara isaa akka taanuuf nu ni filate.
12
Kun'llee ka ta'e Kristosiin abddii taasfachu'uun jalqaboota ka ta'e, ulfinna Waaqaa ka galataatiin akka muldhifnnuuf.
13
Isin'llee fayyina keessaniif oduu mishaa ka ta'e dubbii dhuga'aa yeroo dhageettanitti Kristostti amanttanii jirttan, akkuma kana inni isinii kennu'uuf abddii ka isiniif taasise, Hafuura Qulqullu'uun chaapofttanii jirttan.
14
Hafuurri kun galata ulfinna isaatiif akka ta'u Waaqinni ka isaa worra ta'an mara haga fayyisutti, argachu'uuf ka jirru qabiyyee keennaaf qabddi'i.
15
Kanaaf amantii Gooftaa Yesusiin qabddanii fi Qulqullaayomota maraaf'llee jaalala qabddan dhagayee,
16
isin kadhanna'aan yaadata'aa waayee keessaniin, Waaqaaf galata dhiyeessuu kiyya addaan hin kutu.
17
Ulfinni ka isaan malu Abbaan Gooftaa keenna Yesus Kristosii Waaqinni Abbaan caala'atti isa beeku'uuniif akka dandeettan, hafuurri ogumma'aa fi muldhataa akka isiniif kennamu ni kadhadha.
18
Abddii attamiitiif akka waamamittanii fi ulfinna qabiyyee Qulqulloonni dhaalanii hagam baayi'ee akka ta'e akka beekittaniif, ijji onnee teessanii akka isinii ifuuf ni kadhadha.
19
Ka hin bikkaminne huminni ol aanaan nu'u worra amanuuf hagam ol aanaa ta'uu isaa, akka beekittaniif ni kadhadha,
20
huminna isaa ol aanaa kana'llee gochaan ka muldhise du'aa ka isa kaasee sami'itti mirga isaatiin ka isa teesise, karaa Kristositiin.
21
Waaqinni Abbaan Kristosiin sami'itti mirga isaatiin ka isa teesise'llee, biyya kam, aangoo huminnaa fi goofttumma'aa olitti, akkuma kana biyya lafaa kana qofatti uduu hin ta'in biyya dhufutti'llee, maqaa maraa ol maqaa ulfinna ta'e kennu'uun.
22
Waan maraa aangoo ufii jala taasisee isaaf ni bitamisiiseef, Mana Waaqeffanna'aa titti'llee maraa ol akka ta'uuf, mataa ni taasiseen.
23
Manni Waaqeffanna'aa qaama Kristositi, Kristos'llee Mana Waaqeffanna'aatii fi waan bira'aa maraanuu ka guutame.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6