bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Ephesians 4
Ephesians 4
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Eegaa Gooftaa tajaajiluu kiyyaan hidhamaa ka ta'e ani, waamicha ittiin waamamittaniif jireenna barbaachisaa ta'e jiraachuu akka dandeettaniif, isin ni kadhadha.
2
Jaalalaan ufii keessan wolii obissa'aa yeroo mara mataa gad qabataa fi gara laafnnaan, wol danda'uun'llee jiraadhaa.
3
Nagayaan wolitti hidhamttanii tokkummaa Hafuura Waaqaa irraa argamuu eeggacu'uuf hisadhaa.
4
Yeroo waamamittanitti abddii tokkoof akka waan waamamittanitti, qaama tokkoo fi Hafuurri tokko ni jira.
5
Akkuma kanan Gooftaan tokko, amantiin tokkoo fi cuuphaman tokko ni jira.
6
Dabalee'llee maraa ol ka ta'e, maraanuu ka hojjatu, mara bira ka jiraatu, abbaa maraa ka ta'e Waaqinni tokko ni jira.
7
Garuu Kristos haguma kennu'uuf murtteesseetiin, tokkoo tokkoo keennaaf kennaan isaa ka bilisaa nuuf kennamee jira.
8
Kun'llee, «Gara olii yeroo bayetti booji'amittoota baayi'ee qabatee ni deeme, namootaaf'llee kennaawwan ni kenne» akkuma jedhame.
9
Eegaa kun, «Gara olii ni baye» dubbiin jedhu, durssee gara arddii kanaa, arddi'ii'llee gara bakka gad aanttuu bu'uu isaa yoo ta'e malee, ka bira'aa maal muldhisa?
10
Kun ka gara gadii bu'e ammoo maraa guutu'uuf, samiiwwan maraa olitti ka dhufe.
11
Inni'llee tokko tokkoon ergamittoota, tokko tokko nabiyyoota, tokko tokko ammoo lallabddoota wongeelaa, tokko tokko tissitoota amantootaa, tokko tokko barsiisota akkuma kana, kennaawwan isaanii ni kenne.
12
Kana'llee ka taasiseef woldeenni qaama Kristosii taate akka ijaaramttuuf, amantoota tajaajila kristaanumma'aatiif qopheesu'uuf.
13
Akkuma kana Ilma Waaqaa beeku'uun gara tokkummaa amanti'iin argamuu geennee, akkuma bifa Kristos muda maleessa guutuu ta'etti, nu'llee nama guutuu akka taanuuf.
14
Ammaa achitti daba sossoba namootaatiin ka qophaaye, bubbee barisiisa dogoggorssa'aatii fi honbololatti'iin garanaa fi garas dhiibamanii akka daa'imman fudhatamanii hin taanu.
15
Kana irra dhugaa jaalalaan dubbata'aa waan maraanuu gara isa ka mataa ta'ee, gara Kristosii ni guddanna.
16
Kutaawawn qaamaa ka gara garaa ka wolitti qabatan Kristosiin, qaaminni guutuun'llee ka wol qabateen humnna ittiin wol qabatuun, kanaaf tokkoon tokkoon kutaa qaamaa hujii isaaf ramadame akka ta'utti yoo raawwatu qaaminni guutuun ni guddata, jaalalaan'llee ni ijaarama.
17
Ammaa achitti akka worra yaanni isaanii tasa ta'ee akka ummata Waaqa dhuga'aa titti hin amannee hin ta'inaa, jedhee maqaa Goofta'aatiin isin ufi ni eeggachiisa.
18
Sammuun isaanii dukkanaayee jira, beekuu dhabu'uu fi waayee morkkattummaa isaaniitiin, jireenna Waaqinni kennu irraa fooyamanii jiran.
19
Miirri isaanii ka saalfataa waan badeef battummaawwan maraa raawwchu'uuf, mataa isaanii fedha isaanii ka fooniitiif dabarsanii kennanii jiran.
20
Isin garuu waayee Kristosii ka barattan akkanaa miti.
21
Dugamaanuu waayee isaanii dhageettanii jirttan, bu'ura dhugaa Yesusiin jiruutiin'llee isa irraa barattanii jirttan.
22
Kanaaf sossobee gara cubbu'uu hawwii eemaruun ka badee fi durssitanii ka ittiin ni jiraattan turttan, eennummaa moofaa amala uumama duraanii dhabamisiisaa.
23
Sammuun keessan'llee hafuuraan haa haareffamu.
24
Qulqulluma'aa fi qulqullaayoma dhuga'aatiin fakkeenna Waaqaatiin ka uumame, qaama haarawa uffadhaa.
25
Kanaaf soba hin dubbatinaa, marri keennaa kutaawwan qaama tokkoo waan taaneef, ufii keennaa dhugaa woliitti haa dubbannu.
26
Baanadhaa, baanii keessaniin garuu cubbuu hin hojjatinaa, baaniin keessan'llee uduu hin dhabamin aduun isinitti hin dhiyin.
27
Sheexanaaf'llee qaawwa aseenissaa hin kenninaafii.
28
In hata ka ture ammaa achitti hin hatin, kana irra hiyyeesotaa kennu'uuf qarshii akka qabaatu, harka isaatiin waan mishaa haa hojjatu.
29
Gonkumaa afaan keessan dubbiin hamaan hin bayin, garuu worra dhagayaniif ka gammachiisuu fi ijaaru'uuf ka fayyadu, namootaaf'llee barbaachisaa dubbii ta'e dubbadhaa.
30
Guyyaa itti fayyitaniif mirkaneessaa akka isinii ta'uuf, ka ittiin caapheffamttan Qulqulluu Hafuura Waaqaa, hin gaddisiifnnaa.
31
Hadhaayummaa, aarii, dallanissuu, jeeqama, arrabaa fi hameenni bifa kamii marrinuu, isin irraa garasi haa fagaatu.
32
Kana irra, ufii keessan wolii mishaawwanii fi wolii naatota, arjjootaa fi gara laafttota ta'aa, Waaqinni Kristosiin akkuma isinii dhiifama taasisetti, isin'llee ufii keessan wolii dhiifama taasisaa.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6