bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
John 14
John 14
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 15 →
1
Itti aansee'llee Yesus akkana ni jedhe, «Onneen keessan hin sarddamin, Waaqatti amanaa, anatti'llee amanaa,
2
Mana Abbaa kiyyaa keessa bakki jireennaa baayi'etu jira, yoo ta'uu dhabaate garuu, ‹bakka jiraattan isinii qopheessu'uuf ni deema› isiniin jedha ture.
3
Deemee bakka eega isinii qopheesseen duubatti bakka ani jiru akka jiraattaniif, lammaffaa deebi'ee isin ni fudhadha.
4
Karaa ani deemu'llee ni beekittan.»
5
Toomaas'llee, «Yaa Gooftaa! Garam akka deemittu hin beekinnu, eegaa, karaa attamitti beeku'uuf danddeenna ree?» jedheen.
6
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Kara'aa fi dhugaan, jireenni'llee ana, karaa kiyyaan yoo ta'e malee eennu'llee gara Waaqa Abba'aa ka dhufu, hin jiru.
7
Ana uduu beekittanii jiraattaniitii Abbaa kiyya'llee ni beekittan ture, ammaa achitti garuu ni beekittaniin, argitaniinii jirttaniin'lle'e.»
8
Filiphos'llee, «Yaa Gooftaa! Waaqa Abbaa nutti muldhisiitii, nu gaya» jedheen.
9
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Yaa Filiphos! Yeroo kana mara isi'iin woliin yoo jiraadhutti, ana hin beekittu moo? Ana ka arge Waaqa Abbaa ni arge, eegaa ati, ‹Waaqa Abbaa nutti muldhisi› attamitti jetta ree?
10
Ani Waaqa Abba'aan akka jiru, Waaqinni Abbaan'llee ana keessa akka jiru, hin amanttuu ree? Dubbii isinitti dubbadhu aangoo mataa kiyyaatiinii miti, garuu hujii maraa ka hojjatu Waaqa Abbaa ana keessa jiraatu.
11
Ani Waaqa Abbaa keessa akkuma jiru, Waaqinni Abbaan'llee ana keessa akka jiru amanaa, yoo ta'uu dhabaate sababaa hujiiwwan kiyyaatiin ana amanaa.
12
Dhugaa isiniin jedha, ka anatti amanu hujii ani hojjadhu ni hojjata, gonkumaa kana ka caalu ni hojjata, ani gara Waaqa Abba'aa ni deema.
13
Waaqinni Abbaan waayee Ilmaatiin akka kabajamu, waan maqaa kiyyaan kadhattan maraa isinii ni raawwadha.
14
Waanuma kamiinuu maqaa kiyyaan yoo kadhattan, ani ni taasisa.»
15
«Ka ana jaalattan yoo taate ajaja kiyya eegaa,
16
Ani Waaqa Abbaa ni kadhadha, inni'llee bara baraaf ka isin woliin jiraatu jajjabeessaa bira'aa, isinii ni kenna.
17
Kun'llee Hafuura dhuga'aati, biyyi lafaa waan isa hin arginee fi waan isa hin beekinneef, ufitti isa fudhachu'uuf hin danda'u, isin garuu, inni isin woliin waan ta'ee fi isin keessa'llee waan jiruuf, ni beettaniin.
18
«Haadhaa fi abbaa akka ijoollee hin qabnnee titti adda keessantti isin hin dhiisu, deebi'ee gara keessan ni dhufa.
19
Yeroo muraasaan duubatti biyyi lafaa ana hin argu, isin garuu ana ni argitan, ani jiraataa waan ta'eef isin'llee lubbu'uun ni jiraattan,
20
ani Waaqa Abbaa keessa, isin'llee akkuma ana keessa jirttanitti ani'llee isin keessa akka jiru guyyaa sanitti, ni beekittan.»
21
«Ana ka jaalatu ajaja kiyya'llee ka fudhatuu fi hujii irra ka oolichu, ana ka jaalatu abbaa kiyya ni jaalata, ani'llee ni jaaladhaan, mataa kiyya'llee itti ni muldhisa.
22
«Nama biyya keriyootii uduu hin ta'in Yihudaan bira'aa, yaa Gooftaa! Mataa kee biyya lafaatiif uduu hin ta'in nu'utti ka muldhifttu attamitti?» jedheen.
23
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ka ana jaalatu dubbii kiyya ni eeggata, Abbaan kiyya'llee ni jaalataan, nu'llee gara isaa dhufinnee isa woliin, ni jiraanna.
24
Ka ana hin jaalanne dubbii kiyya hin eeggatu, dubbiin dhageettan kun dubbii Waaqa Abbaa ana ergeeti malee, kiyyaa miti.»
25
«Amma isinumaa woliin uduu jiru, waan kana isinitti ni hima,
26
Waaqinni Abbaan maqaa kiyyaan ka ergu Hafuurri Qulqulluun jajabeessan garuu, waan maraa isin ni barsiisa, waan ani isinitti hime maraa akka yaadattan isin ni taasisa.»
27
«Nagaya isiniif ni dhiisa, nagaya kiyya'llee isinii ni kenna, nageenni ani isinii kennu nagaya akka biyyi lafaa isinii kennuutii miti, onneen keessan hin sarddamin, akkuma kanaan'llee hin sodaatin.»
28
Ani ni deema, deebi'ee'llee gara keessan ni dhufa, akka jedhe dhageettanii jirttan, abbaan kiyya isin waan caaluuf ka najaalattan uduu ta'ee, gara Waaqa Abba'aa deemuu kiyyaan ni gammadan ture.
29
Kun yeroo ta'utti akka amanttaniif, duraan durssee isinitti himee jira.
30
Bulichaan biyya lafa tanaa sheexanni dhufuu isaa waan ta'eef ammaa achitti isin woliin baayi'ee hin haasayu. Inni'llee ana irratti huminna woyiituu hin qabu,
31
garuu akka ani Waaqa Abbaa jaaladhu biyyi lafaa akka beekuu danda'u, waan Waaqinni Abbaan ana ajaje maraa ni raawwadha, ka'aa asii haa deeminnuu, jedhe.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21