bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
John 17
John 17
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 18 →
1
Yesus kana eega dubbateen duubatti ol jedhee gara sami'ii laala'aa akkana ni jedhe, «Yaa Abbaa! Kunoo saa'aatiin gayee jira, Ilmi kee akka si kabajuuf Ilma kee kabajiin,
2
ka kabajitu'llee worra isaa kennite maraaf jireenna bara baraa akka kennuuf, namoota mara irratti aangoo waan isaa kenniteef.
3
Jireenni bara baraa'llee si qofa, ati qoftti Waaqa dhuga'aatii fi Yesus Kristosii ergite'llee, beeku'u.
4
Ani hujii ati naaf kennite raawwadhee, arddii irratti si ni kabaje.
5
Yaa Abbaa! biyyi lafaa uduu hin uumaminiin duranatti, ulfinna si woliin ni qaba tureen, amma'llee ufi biratti ana kabaji.»
6
«Biyya lafaa keessaa filttee namoota naa kenniteef, eennummaa kee isaanitti mulidhisee jira, isaan kee ni turan, ati'llee isaan anaaf ni kennite, isaan'llee dubbii kee eeganii jiran,
7
ka naa kennite marrinuu si irraa akka ta'e, isaan amma beekanii jiran.
8
Dubbii naaf kennite isaaniif kennee jira, isaan'llee fudhataniinii jiran, si biraa bayee dhufuu kiyya'llee dhugamaanuu beekanii jiran, akka ati ana ergite'llee amananii jiran.»
9
«Ani ka kadhadhu isaaniif, kunniin ka naaf kennite kee waan ta'aniif isaanii ni kadhadha, biyya lafaatiif ni kadhadhu.
10
Kiyya ka ta'e marrinuu keeti, kee'llee ka ta'e kiyya, ani'llee isaaniin ni kabajama.
11
Ani ammaa achitti biyya lafaa irra hin jiraadhu, isaan garuu biyya lafaa irra ni jiran. Ani gara kee dhufuu kiyya, yaa Abbaa Qulqulluu, kunniin worra naa kennite akkuma keenna tokko akka ta'an ana maqaa anaa kenniteen isaan eegi.
12
Ani isaan woliin yeroo turetti maqaa naa kenniteen isaan eegee jira, ani isaan ni eege, kanaaf dubbii Kitaaba Qulqullu'uu akka raawwatamu'uuf, kan ilma badi'ii malee gonkumaa isaan keessaa eennu'llee hin banne.
13
Amma ani gara kee dhufuu kiyya, biyya lafaa irra yeroo jirutti gammachuun kiyya ka dubbadhu kan isa biratti, muda maleessa akka ta'uuf.
14
Ani dubbii kee isaaniif kennee jira, akkuma ani biyya lafaatii hin ta'in, isaan'llee biyya lafaa irraayyii miti, kanaaf biyyi lafaa isaan ni jibbe.
15
Hamaa irraa isaan akka eegidduuf malee, biyya lafaatiin ala akka isaan fidduuf si hin kadhadhu.
16
Akkuma ani biyya lafaa irraa hin ta'initti, isaan'llee biyya lafaa irraayyii miti.
17
Dhugamaanuu isaan qulqulleessi, dubbiin kee dhuga'a.
18
Akkuma ati gara biyya lafaa ana ergitetti, ani'llee isaan gara biyya lafaa titti isaan ni erge.
19
Isaan dhugamaanuu Qulqullaayomota akka ta'aniif, ani'llee mataa kiyya waayee isaaniitiif, ufi Qulqulluu ni taasisa.»
20
«Karaa dubbii isaatiin'llee anatti waan amananiif'llee, ni kadhadha malee, isaan qofaaf hin kadhadhu.
21
Ani'llee ka kadhadhu marrinuu akka tokko ta'aniif, akkuma kana Yaa Abbaa! Ati ana keessa akkuma jirttutti, ani'llee akkuma si keessa jirutti, isaan'llee nu keessa akka jiraataniif, ati akka ana ergite'llee biyyi lafaa akka amanuuf.
22
Akkuma nu'u tokko taane isaan'llee tokko akka ta'aniif, ulfinna naaf keennite isaaniif kennee jira.
23
Ani ka kadhadhu ani isa keessa ati'llee ana keessa taate, isaan'llee dhugamaan tokko akka ta'aniif, akkuma kana ana akka ergitee fi haguma ana jaalatteen, isaan'llee akka jaalatte biyyi lafaa akka beekuuf.
24
«Yaa Abbaa! Biyyi lafaa uduu hin uumamiin waan ana jaalateef, ulfinna kiyya ka anaaf kennite akka arganiif, isaan kunniin ati naa kennite'llee bakka ani jiru, anaan woliin akka jiraataniif ni jaaladha.
25
Yaa Abbaa Qulqullaayomaa! Biyyi lafaa si hin beekinne, ani garuu si ni beeka, kunniin'llee akka ati ana ergite beekanii jiran.
26
Jaalallitti ati ana ittiin jaalate isa irratti akka ta'uu fi ani'llee isaaniin akka ta'u, isaan'llee si akka beekan taasisee jira, akkuma kana akka si beekan isaa ni taasisa.»
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21