bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
John 19
John 19
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
1
Kanaan duubatti Philaaxos Yesusiin fudhatee ni dhaanssiseen.
2
Lolttoonni'llee gonfata qore'ee maranii mataa Yesusii irra ni kaayan, uffata diimaa'llee itti ni uffisan.
3
Gara isaa'llee dhufanii baldu'uun, «Yaa nugusa worra Yihudotaa! Nageenni siif haa ta'u!» ni jedhaniin ture, dhabanaassa'aan'llee ni dhayaniin ture.
4
Philaaxos deebi'ee gara alaa titti bayee, «Kunoo, balleessaa woyiituu isa irratti akka hin argatin akka beekittaniif, isa gara alaa titti isinii baase» isaaniin jedhe,
5
Kanaaf Yesus gonfata qore'ee mataa isaa irratti godhatee, uffata diimaa'llee uffatee gara alaa titti ni baye, Philaaxos'llee, «Kunoot namichi!» isaaniin jedhe.
6
Itti gaafatamoonni qeesotaatii fi itti gaafatamoonni wordiyyootaa Yesusiin yeroo arganitti, «Fannisiin! Fannisiin!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos garuu, «Ani gara kiyyaan balleessaa woyiituu isa irratti hin arganne, yoo barbaadan isin fudhadhaatii fannisa'aanii!» isaaniin jedhe.
7
Yihudonni'llee, «Nu'u seera qabnna, naminni kun mataa isaa Ilma Waaqaa waan taasiseef, akkaataa seera keennaa titti du'atu isaan mala» jedhan.
8
Waan kana mara yeroo dhagayetti Philaaxos caala'atti ni sodaate,
9
gara moonaa isaa titti deebi'eet Yesusiin, «Ati garam irraayyi?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus garuu womaayyuu isaa hin deebifinneef.
10
Kanaaf Philaaxos, «Natti hin himttu ree? Ani si hiiku'uu fi yookiin si fannisu'uuf aangoo akka qabu, hin beekitu moo?» jedheen.
11
Yesus'llee, «Waaqinni aangoo uduu si kennuu dhabaateetii, ana irratti aangoo woyiituu hin qabddu ture, ta'u'llee si'iif dabarssee ka kenne, cubbuu kanna caalutuu isa irra jira» jedheen.
12
Philaaxos haasaya Yesusii kana yeroo dhagayetti, hiikeenii gad dhiisu'uuniif barbaadee ture, Yihudonni garuu, «Nama kana yoo hiikkitte ati waahela nugusa Rooma'aatii miti, mataa isaa nugusa ka taasisu marrinuu, diina nugusa Rooma'aati!» jedha'aa, ni iyyan.
13
Philaaxos kana yeroo dhagayetti Yesusiin gara alaa titti gad baasee, «Dhagaa baxxicha» bakka jedhamutti, barcumaa murti'ii irra ni taa'e, bakki kun afaan Ibirootaatiin, «Gabataa» jedhama.
14
Ayyaana Faasiika'aatiif guyyaa qophaayinssaa ture, yeroon'llee gara saa'aatii jahaa ture, yeroo sanitti Philaaxos Yihudotaan, «Kunoo nugufnni keessan!» isaaniin jedhe.
15
Isaan garuu, «Balleessiin! Balleessiin! Fannisiin!» jedha'aa, ni iyyan. Philaaxos'llee, «Nugusa keessan haa fannisuunii ree!» isaaniin jedhe. Itti gaafatamoonni qeesotaa «Nugusa Rooma'aatiin alatti nugusa bira'aa hin qabnnu!» yoo jedhan, ni deebisaniif.
16
Yeroo kanatti Yesus akka fannifamuuf Philaaxos dabarssee isaaniif ni kenne, isaan'llee Yesusiin qabanii ni fudhataniin.
17
Kanaan duubatti Yesus fannoo isaa baadhatee, «Buqqee Mataa» gara bakka jedhamuu ni baye, bakki kun afaan Ibirootaatiin, «Golgootaa» ni jedhama.
18
Achitti ni fannisaniin, Yesusiin jidduu oolichanii isaan woliin kaanniin namoota lamaa, bita'aa fi mirga isaatiin isaan ni fannisan.
19
Philaaxos, «Yesusii Naazireetii nugusa worra Yihudotaa» barreeffama jedhu barreessee, mataajjii fanno'oo gubbaa ni kaaye.
20
Bakki Yesus itti fannifame'llee magaala'aaf dhiyoo waan tureef, Yihudota keessaa baay'eewwan barreeffama ni dubbisan, barreeffamin'llee ka bareeffame afaan Ibirootaatiin, afaan Laatiini'iitii fi afaan Giiriiki'iitiin ture.
21
Itti gaafatamoonni qeesotaa worra Yihudotaa Philaaxosiin, «Ati nugusa worra Yihudotaa jettee hin barreesin, garuu, ‹naminni kun ani nugusa worra Yihudotaati› jedhee jira, jedhiitii barreesi» jedhaniin.
22
Philaaxos garuu, «Waan barreessu barreessee jira!» jechu'uun, ni deebise.
23
Lolttoonni Yesusiin erga fannisaniin duubatti uffata isaa fudhatanii, tokkoo tokkoo lolttootaatiif kutaan tokko akka gayu, bakka afurtti isaanii adda ni qoodan, kittaa'llee akkuma kana ni taasisan, garuu kittaan uduu hin hodhamin, olii haga gadii titti tokko ta'ee ka hojjatame ni ture,
24
Kanaaf lolttoonni, «Eennuun akka gayu beeku'uuf caarraa itti haa buufannu malee hin tarssaafinnu» woliin jedhan. Kun'llee ka ta'eef, «Uffata kiyya ni qoodaman, Kittaa kiyya irratti'llee carraa wolii ni buufatan» ka jedhu dubbiin kitaabaa Qulqullu'uu akka raawwatamuuf, lolttoonni'llee akkuma kana ni taasisan.
25
Fannoo Yesusii biratti'llee haadhaa fi obboleettii haadhaa, haadha worraa Qilopha'aa Maariyaamii fi Magdalaawittii Maariyaam'llee dhaabatanii jiran turan,
26
Yesus'llee haadha ni jaalata barataa ture bira dhaabatanii yeroo isaan argetti haadha isaatiin, «Yaa haadha tiyya! Kunoo Ilmi kee!» jedheen.
27
Kanaan duubatti barataa isaatiin, «Kuunnoti haat kee!» ni jedheen, yeroo sanii jala qabee barataan gara mana isaa ni fudhateen.
28
Kanaan duubatti Yesus amma wonitti marrinuu akka raawwatame beekee, dubbiin Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffame akka raawwatamuuf, «Dheebodhe!» jedhe.
29
Achi'llee meeshaan daadhiin woyinni'ii dhangaggaayaan itti guuttame kaayamee jira ture, kanaaf namoonni achi turan, dhangaggaayaa fuutta'atti guutaniiti, muka hisoophi'ii irratti raraasanii, gara afaan isaa ni dhiyeessan,
30
Yesus'llee dhangaggaayaa afaaniin eega qabeen duubatti, «Raawwatame!» jedhe. Mataa isaa gad qabee'llee, lubbuu isaa ni kenne.
31
Kanaan duubatti namoonni worra Yihudotaa ka aangoo qaban, gudeeda namoota fannifamanii cabissanii, reeffa isaanii fannoo irraa akka buusaniif Philaaxosiin ni kadhatan, kana'llee sababaan raawwataniif guyyaa jala qophaayinna Sanbbataa waan ta'ee fi Sanbbanni'llee ayyaana guddaa waan ta'eef, guyyaa Sanbbataatiin qaaminni isaanii fannoo irra akka hin oolleef ture.
32
Kanaaf lolttoonni dhaqanii, gudeeda namoota Yesusiin woliin fannifaman ni cabisan,
33
Gara Yesus yoo dhaqan garuu, inni durssee akka du'e arganii, gudeeda isaa hin cabsine.
34
Garuu lolttoota keessaa tokko cinaacha isaa ebo'oon ni woraaneen, bakkumatti cinaacha isaatii dhiigaa fi bishaan ni baye.
35
Kana ka arge, isin akka amanttaniif raagaa ni baye, ragummaan isaa'llee dhuga'a, wonitti dubbatu'llee dhugaa akka ta'e, inni ni beeka.
36
Kun'llee ka ta'e, «Isa keessaa lafeen takkattiinuu hin cabddu» ka jedhu, dubbiin Kitaabaa Qulqullu'uu akka raawwatamuuf.
37
Akkuma kana kutaa Kitaaba ka kitaaba Qulqullu'uu titti, «Worri san woraanan ni arganiin» jedha.
38
Namoota aangoo qaban ka worra Yihudotaa sodaachu'uun dhossa'aan barataa Yesusii ka ture, Yooseef naminni biyya Armaatiyaasii, reeffa Yesusii fudhachu'uuf Philaaxosiin ni kadhate. Philaaxos'llee ni eeyyameef. Kanaaf Yooseef dhaqee reeffa isaa ni fudhate.
39
Asiin durana halkaniin gara Yesusii dhufee ka ture Niqoodemos, giraama dhibba tokko ka ta'u wol makaa qumibbi'ii fi hargiisaa qabatee ni dhufe.
40
Qumibbi'ii fi hargiisa qulqullaayee qabatanii akka aadaa kafaniinssa worra Yihudotaa titti, shitto'oon woliin woyaa leelashe'een, ni kafananiin.
41
Bakka Yesus itti fannifamee ture lafa biqilttu'uu tokkotu jira ture, bakka biqilttu'uu san keessa eennu'llee ka itti hin awwaalamin, awwaalaa haarawatu jira ture.
42
Qophaayinna guyyaa Sanbbataa waan turee fi awwaalli'llee dhiyoo waan tureef, reeffa Yesusii achitti ni awwaalaniin.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21