bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
John 20
John 20
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
1
Dilbbataa ganama obboro'oon, uduu bariisaan hin ifin, Maariyaam Magadalaawittiin gara awwaala Yesusii ni deemitte, achi'llee akkuma geetteen dhagaan awwaalli ittiin cufamee ture, afaan awwaalaa irraa ka'ee ni argite.
2
Kanaaf isiin gara Simoon Phexirosiitii fi gara barataa Yesus jaalaatuunii fiiga'aa ni deemitteeti, «Gooftaa awwaala keessaa baasanii fudhataniinii jiran, eessa akka kaayaniin hin beekinnu» isaaniin jette.
3
Yeroo kanatti Phexirosii fi barataan bira'aa bayaniiti, gara awwaalaa ni deeman.
4
Lamaanuu woliin ni fiigan ture, garuu barataan bira'aa san Phexirosiin caala'atti dadafee fiigeeti, durssee gara bakka awwaalaa ni gaye.
5
Gad jedhee'llee awwaala keessaa yeroo laalu uffanni kafanni'ii achitti hafee ni arge, garuu gara keessaa hin aseenne.
6
Simoon Phexiros'llee isa horddofee dhufeeti gara awwaalaa keessaa ni aseene, inni'llee uffata kafanni'ii achitti hafee ni arge,
7
mataan Yesusii ittiin maraamee subbee ture'llee uffata kafanni'ii woliin uduu hin ta'in, adda bakka bira'aa titti akkuma maramee jiruun ni arge.
8
Itti aanssee'llee barataan durssee bira gaye gara awwaalaa keessa aseene'llee argee, ni amane.
9
«Du'aa ka'uun ni malaan» ka jedhu, dubbii Kitaaba Qulqullu'uu amma'llee hin hubanneeyyu turan.
10
Kanaan duubatti barattoonni lamaanuu deebi'anii, gara mana isaanii ni deeman.
11
Maariyaam Magdalaan booya'aa, awwaala gara duubaatiin dhaabattee jirtti ture, booyaa'llee gad jettee gara keessa awwaalaa ni laaltte.
12
Bakka reeffi Yesusii ni jira turetti uffata adii ka uffatanii maleyikkoonni lamaa tokko mataajji'iin, tokko ammoo miila jalaan ta'anii ni argite.
13
Isaan'llee Maariyaamiin, «Dubarttii tana! Maali'iif bootta!?» ni jedhaniin. Isiin'llee, «Gooftaa kiyya fudhatanii jiran, eessa akka kaayaniin'llee hin beeku!» jette.
14
Kana'llee jettee ufi duuba yoo garagalttu Yesus dhaabatee ni argiteen, Yesusiin ta'uu garuu hin beekinne.
15
Yesus'llee, «Dubarttii nana, waayee maali'iif bootta, eennuun barbaadda?» jedheen. Isiin'llee hojjataa biqilttu'uu itti fakkaatee, «Yaa Gooftaa! Ati yoo fudhatteenii jiraate eessa akka keetteen, yabo'oo natti himi, ani ni fudhadhaanii» jetteen.
16
Yesus'llee, «Maariyaam!» jedheen. Isiin'llee gara isaa garagaltteeti afaan worra Ibirootaatiin, «Rabbunii!» jetteen, hiikkaan isaa'llee, «Yaa barsiisaa!» jechu'u.
17
Yesus «Amma'llee gara Abbaa kiyyaa ol hin deebineetii ana hin tuqin, garuu gara obboleeyyan kiyyaa deemiitii, ‹ani gara Abbaa kiyyaatii fi gara Abbaa keessan, gara Waaqa kiyyaatii fi gara Waaqa keessan ol ni deebi'a jedhee jira› jedhiitii, isaanitti himi!» isi'iin jedhe.
18
Kanaaf Maariyaam Magdalaan gara barattoota isaa deemittee Gooftaa akka argitee fi inni'llee maal akka isi'iin jedhe, isaanitti ni himtte.
19
Achuma guyyaa jalqaba torbaanii titti Dilbbata galgala, barattoonni isaa namoota worra Yihudotaa ka aangoo qaban sodaachu'uun, balballan isaanii cufatanii, mana keessatti wolgayanii jiran ture, balballan cufamanii uduma jiran, Yesus gara mana barattoonni isaa itti wolgayanii ni aseene, jidduu isaanii'llee ni dhaabate, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
20
Kana'llee jedhee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti ni muldhise, Barattoonni isaa'llee Gooftaa yeroo arganiinitti, ni gammadan.
21
Kanaan duubatti Yesus deebi'ee, «Nageenni isiniif haa ta'u! Waaqinni Abbaan akkuma ana erge, ani'llee isin ni erga» isaaniin jedhe.
22
Kana'llee jedhee ufi isaanitti jedheeti, «Hafuura Qulqulluu ni fudhatan,
23
isin Cubbuu namootaatiif dhiifama yoo taasfttan, dhiifaminni isiniif ni taasfama, isin cubbuu namootaatiif dhiifama taasisuu yoo dhabaattan garuu, dhiifaminni isiniif hin taasfamu» isaaniin jedhe.
24
Yesus gara barttootaa isaa yeroo dhufetti kudha lamaan keessaa tokko, Diidimoos ka jedhame Toomaas, isa woliin hin turre.
25
Kanaaf barattoonni kuunniin Toomaasiin, «Gooftaa arginee jirra» jedhaniin. Inni garuu, «Harkiin isaa ka mismaaraan woraanaman yoo argee fi quba kiyya'llee bakka mismaariin woraanitte keessa yoo aseenisisuu dhabaadhe, harka kiyya'llee madaa cinaacha isaa keessa uduu hin aseensisin, hin amanu» isaaniin jedhe.
26
Guyyaa saddeetiin duubatti barattoonni isaa deebi'anii mana keessa ni jiran turan, Toomaas'llee isaan woliin ni jira ture, balballan'llee cufamanii uduu jiran, Yesus dhufee jidduu isaanii dhaabateeti, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin ni jedhe.
27
Kanaan duubatti Toomaasiin, «Quba kee garana fidiitii harka kiyya laali, harka kee'llee fidiitii cinaacha kiyya keessa aseensisiin, amani malee ka amantii hin qabnne hin ta'in» jedheen.
28
Toomaas'llee, «Gooftaa kiyyaa fi Waaqa kiyya!» jechu'uun, ni deebiseef.
29
Yesus'llee Toomaasiin, «Ati waan ana argiteef ni amanitte, uduu hin argin worri amanan garuu, ka galateeffaman» jedheen.
30
Yesus kitaaba kana keessatti ka hin barreeffamin baasota baayi'ee, barattoota isaa duratti taasisee jira,
31
garuu Yesus Masihii Ilma Waaqaa ta'uu isaa akka amanttanii fi amanttanii'llee maqaa isaatiin jireenna bara baraa akka argattaniif, kun barreeffamee jira.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21