bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
John 18
John 18
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 19 →
1
Yesus eega kana jedheen dubbatti barattoota isaa woliin, gara sulula Qedrooniitiin gamaa ni deeme, achii'llee gara bakka biqilttu'uu tokko barattoota isaa woliin ni aseene.
2
Yesusii fi barattoonni isaa'llee yeroo mara bakka sanitti wol ni gayan waan turaniif, Yihudaan isa dabarssee kenne'llee bakka san ni beeka ture.
3
Kanaaf Yihudaan miseensa lolttootaa tokko, akkuma kana itti gaafatamoota qeesotaatii fi Fariisota biraa worra ergaman, itti gaafatamoota wordiyyootaa qabatee gara bakka sanii ni dhufe, isaan'llee faanosaa fi xomborraa, meeshaa woraanaa'llee, qabatanii jiran ture.
4
Yesus'llee waan isa irra gayu'uuf jiru maraa beekee gara isaanii gadi bayee, «Eennuun barbaadan?» isaaniin jedhe.
5
Isaan'llee, «Yesusii Naazireetiiti barbaanna» jedhaniin. Inni'llee «Ana!» isaaniin jedhe. Yihudaan dabarssee isa kenne'llee isaan woliin dhaabatee jira ture.
6
Yesus'llee, «Ana» yeroo isaaniin jedhetti gara duubaa titti siiqaniiti, arddii irratti ni kufan.
7
Yesus'llee, «Eennuun barbaadan?» jechu'uun irra deebi'ee isaan ni gaafate. Isaan'llee, «Yesusii Naazireetiiti barbaanna» jedhan.
8
Inni'llee, «Ana isiniin jedhee jira, eegaa ka barbaadan ana eega ta'e isaan kanniin dhiisa'aanii haa deemanii» jedhe.
9
Kun'llee ka ta'e «Yaa Abbaa, namoota naaf kennite keessaa tokkochuma'llee hin balleessine» dubbiin jedhee ture, akka raawwatamuuf.
10
Simoon Phexiros'llee billaya qabatee waan tureef, luqqifateeti tajaajilaa itti gaafatamaa qeesotaa dhayee gurra isaa ka mirgaa ni mure, maqaan tajaajila'aa'llee Maalkos jedhama ture.
11
Yesus garuu Phexirosiin, «Billaya kee gara qola isaa titti deebisi! Duloo sarddamaa ka Waaqinni Abbaan naa kenne, waan hin dhuginneen sitti fakkaadha ree?» jedheen.
12
Kanaan duubatti lolttootaa fi ajajaan isaanii, itti gaafatamoonni woriddiyyaa Yihudotaa'llee, Yesusiin qabanii ni hidhaniin.
13
Jalqaba gara Haanna'aa ni fudhataniin, Haannaan'llee woggaa san keessa itti gaafatamaa qeesotaa ture Qayyaafa'aaf, soddaa isaa ni ture.
14
Qayyaafaan, «Naminni tokko waayee ummataatiif yoo du'ee misha'a» jechu'uun, namoota aangoo qaban ka worra Yihudotaa ka gorsse.
15
Simoon Phexirosii fi barataan bira'aa Yesusiin ni horddofaniin, barataan bira'aa sun'llee itti gaafatamaa qeesotaa biratti nama beekkame ture, kanaaf Yesusiin woliin gara moonaa itti gaafatamaa qeesotaa ni aseene,
16
Phexiros garuu gara alaatiin balbala biraan dhaabatee jira ture, barataan itti gaafatamaa Qeesotaa biratti beekkame sun'llee dhufeeti, shamaree balbala eegiddutti himee, Phexirosiin ni aseensise.
17
Shamareen worddiyyaa'llee Phexirosiin, «Ati'llee barattoota nama kanaa keessaa tokkoo mitii ree?» jetteen. Inni garuu, «Ani miti» jedhe.
18
Yeroon qorra waan tureef tajaajilttootaa fi itti gaafatamoonni wordiyya'aa cilee irraa ibidda bobeessanii, dhaabatanii ni oo'ifatan ture, Phexiros'llee isaan woliin dhaabatee ni oo'ifata ture.
19
Yeroo sanitti itti gaafatamaa qeesotaa Yesusiin, waayee barattoota isaatii fi waayee barsiisa isaa'llee ni gaafateen.
20
Yesus'llee akkana jechu'uun ni deebiseef, «Ani nama marrattuu ifaan dubadhee jira, bakka Yihudonni marrinuu wol itti gayan ta'ee, mana waaqeffannaa isaanii titti, yeroo maraa ni barsiise, dhossa'atti wonitti dubbadhe tokko'llee hin jiru,
21
egaa, waayee maali'iitiif ana gaafatta ree? Worra yoo ani isaanitti dubbadhu dhageeffatan gaafadhu, waan dubbadhe isaan ni beekan.»
22
Yesus yeroo kana dubbatetti worra achi dhaabatanii turan itti gaafatamaan wordiyyootaa keessaa tokko, «Itti gaafatamaa qeesotaatiif deebiin deebifittu akkaanaa ree?» jechu'uun, Yesusiin dhabanaassa'aan ni dhayeen.
23
Yesus'llee, «Dubbii hamaa dubbadhee yoo jiraadhe, hamaa dubbachuu kiyyaaf ragaa bayi, wonitti dubbadhe dhugaa yoo ta'e garuu, waayee maali'iitiif ana dhoofitta ree?» jedheen.
24
Kanaan duubatti Haannaan, Yesusiin akkuma hidhameen, gara itti gaafatamaa qeesotaa gara Qayyaafa'aa ni ergeen.
25
Yeroo sanitti Simoon Phexiros dhaabatee ibidda ni oo'ifata ture, namoonni kuunniin'llee, «Ati hoo barattoota Yesusii keessaa tokkoo mitii?» jedhaniin. Inni'llee, «Ani miti!» jedhee waakkate.
26
Naminni Phexiros gurra mure fira isaa ka ta'e itti gaafatamoota qeesotaa keessaa tajaajilaan tokko, «Bakka biqilttu'uu titti isa woliin si argee hin turre moo?» jedheen.
27
Phexiros'llee irra deebi'ee ni waakkate, bakkumatti lukkuun ni iyye.
28
Kanaan duubatti Yesusiin mana Qayyaafa'aatii gara moonaa bulchaa biyyaa ni fudhataniin, yeroon'llee ganama obboroo ture, Yihudonni hoolaa Ayyaana Faasiika'aatiif qalamu nyaachuu waan qabaniif, akka hin battoofinneef ganama obboro'oon gara moonaa bulchaa biyyaa keessa hin aseenne.
29
Kanaaf Philaaxos gara isaanii gad bayeeti, «Nama kana irratti himannaan isin dhiyeessitan maal'i?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
30
Isaan'llee, «Naminni kun hamaa raawwataa ta'uu uduu dhabaatee, si'iif dabarssinee hin kenninuun ture» jechu'uun, ni deebisaniif.
31
Philaaxos'llee, «Isinummaan mataan keessan fudhadhaatii, akkaataa seera keessaniin itti murtteessaanii!» isaaniin jedhe. Yihudonni'llee, «Nu nama ajjeesu'uuf, nuuf hin eeyyamaminne» jedhaniin.
32
Kun'llee ka ta'e Yesus du'a attamiitiin akka du'u, dubbiin dubbatame akka raawwatamuuf.
33
Philaaxos'llee deebi'ee gara moona'aa ni aseene, Yesusiin'llee waamee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen.
34
Yesus'llee, «Ati kana ka jettu, mataa kee irraayyi moo? Yookiin kuunniin waayee kiyyaa sitti himanii jiran?» jedheen.
35
Philaaxos'llee, «Ani Yihudichaa ree? Si dabarssanii anaaf ka kennan worra keetii fi itti gaafatamoota qeesotaa titti, wonitti ati raawwatte maali'i?» jedheen.
36
Yesus, «Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraayyii miti, Mootummaan kiyya biyya lafaa kana irraa uduu ta'ee jiraateetii ammoo, harka worra Yihudotaa ka aangoo qabanii titti akka hin kufnneef lolttoonni kiyya naaf ni lolan ture, Mootummaan kiyya garuu biyya lafaa kana irraayyii miti!» jechu'uun, ni deebise.
37
Philaaxos'llee, «Eegaa, ati, nugusa kaa?» jedheen. Yesus'llee, «Ani nugusa akka ta'e ati dubbatee jirta, ani ka dhaladhee fi gara biyya lafaa'llee ka dhufe waayee dhuga'aa ragaa bayu'uuf, ka gara dhuga'aatii ta'e marrinuu dubbii kiyya ni dhagaya» jechu'uun, ni deebise.
38
Philaaxos'llee, «Dhugaan maali'i?» jedhee ni gaafate. Kanaan duubatti Philaaxos deebi'ee gara Yihudotaa bayeeti akkana isaaniin ni jedhe, «Ani balleessaa woyiituu isa irratti hin argganne,
39
Garuu akka aadaa qabddaniitiin yeroo maraa Ayyaana Faasika'aa titti, yeroo maraa hidhamaa tokko isiniif ni hiika ture, kanaaf nugusa worra Yihudotaa kana akka isinii hiikuuf ni barbaadanii ree?» isaaniin jedhe.
40
Isaan garuu, «Barabbaaniin nuuf hiiki malee kanaa miti!» jedha'aa, ni iyyan. Barbbaan garuu shifttaa ture.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21