bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Luke 17
Luke 17
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
1
Yesuus darasoota ufiitiin akkana jedhe, «Wonti nama gufachiisu tokko dhufuu hin oolu; haata'uu ammoo nama waan nama gufachiisu fidu sanii hobbaas!
2
Worra didiqqaa kanniin keessaa tokko gufachiisu'uu mannaa dhagaan daaku'uu morma isaatitti hidhamee galaanatti gatamuu isaa woyya.
3
Maarre isin uf eeggadhaa'a; obboleessi kee yoo si yakke, jabeessii gorsi yoo gaabbee cubbuu ufii irraa deebi'e dhiifama godhiif.
4
Inni guyyaa keessa hennaa torba yoo si yakke, guyya'atti hennaa torba deebi'ee gara kee dhufee, ‹Gaabbee yoo dhiifama si gaafate› dhiisiif.»
5
Ergamoonnillee Goofta'aan, «Amantaa nuu eda'i» jedhaniin.
6
Gooftaanillee akkana isaaniin jedhe, «Amantaa diqqoo haga gumaa sanaaficii geettu uduu qabaattanii odaa kanaan, ‹Buqqa'ii gara galaanaatitti darbami› yoo jettan silaa isinii ajajama.»
7
«Isin keessaa namni tokko garbicha lafa qotu yookiin ka horii tissu qaba haa jennuu. Inni hennaa qonnaa deebi'u, ‹Koottuu as taa'ii hurbaata nyaadhu!› eentu jedhaan?
8
Garbicha saniin, ‹Nyaata naaf qopheessi, haga ani nyaadhee dhugee ka'utti marxifadhuu na tajaajili achiin maayessa atillee hin nyaattaa hin dhuddaa› jedhaanii mii?
9
Garbichi sun ajaja kana waan godheef hin jajataanii?
10
Maarre isinillee akkasuma waan ajajamtan maraa hennaa gootan, ‹Nu garboota bu'aa hin qabne; woma hojjachuu nu barbaachisu hojjanne› jedhaa'a!» isaaniin jedhe.
11
Yesuus gara Yeruusaaleemii hennaa deemu, Galiila'aa fi Samaariyaa jidduu lufe.
12
Hennaa inni gara ganda tokkoo seene, namoonni kudhanii ka dhibee gogaa kukkutuun qabaman Yesuusiin wolitti dhufan.
13
Laagaa isaanii ol qabatanii, yabo'oo, «Gooftaa Yesuus nu maari!» jedhaniin.
14
Yesuus hennaa isaan arge, «Dhaqa'aatii gadootatti uf mudhisaa'a!» isaaniin jedhe. Isaanillee achi uduu dhaqa'aaran fayyan.
15
Isaan keessaa tokko akka fayye hennaa arge, laagaa guddaa'an Rabbiin galateeffata'aa deebi'ee dhufee,
16
Kallacha isaatiin luka Yesuusii irratti kufee isa galateeffate. Inni sun nama Samaariya'aati.
17
Yesuus akkana jedhee gaafate, «Namoonni kudhanuu dhibee gogaa kukkutu irraa qulqullaayaniiranii mii? namoonni sagalii meeti ree?
18
Nama Yihuudii ka hin taane ka gosa addaa kana malee Rabbiin galateeffatu'uuf ka deebi'e tokkollee hin jiruu?» jedhe.
19
Innillee isaan, «Amantaan kee si fayyiseera; ka'ii deemi» jedheen.
20
Fariisonnillee jeennanni Rabbii yoom dhufti jedhanii hennaa isa gaafatan. Inni deebisee, «Jeennanni Rabbii akka namni eeguun hin dhuftu.
21
Eennullee, ‹Ila, as jirti!› yookiin, ‹Achi jirti!› hin jedhu; sababaanillee jeennanni Rabbii isin jidduu jirti» jedhe.
22
Achiin maayessa inni darasoota ufiitiin, «Hennaan isin guyyaa Ilma Namaa tokko argu'uuf hawwitan hin dhufa, isin garuu hin argitan.
23
Isaanillee, ‹Kuunnoo achi jirti!› yookiin ‹Kunoo asi jirti!› isiniin jedhan. Isin ammoo hin dhaqinaa'a; faanallee hin deeminaa'a!
24
Akkuma hangaasuun sami'ii gaditti falaqqisee biyya tokkoo haga biyya biraatitti ifuutitti, Ilmi namaa guyyaa sanitti akkasuma ta'a.
25
Inni ammoo duraan dursee akka malee rakkatee dhaloota kanaan tuffatamuu barbaachisa.
26
«Akkuma bara Nohii ta'e san bara Ilma namaallee ammoo akkasuma ta'a.
27
Haga guyyaa Nohi markaba seenuutitti namoonni nyaata'aa, dhuga'aa, fuudha'aa heeruma'aa turan. Bisaan badi'ii dhufee maraa balleesse.
28
Akkuma bara Looxii ta'e nyaataa, dhugaa, bitata'aa gurgura'aa, midhaan facaafata'aa, manallee ijaarata'aa turan.
29
Gaafa Looxi Soodoomii baye ammoo samii irraa ibiddi dhaka'aa ka bobayutu roobee isaan maraa balleesse.
30
Guyyaa Ilmi Namaa dhufullee akkasuma ta'a.
31
«Guyyaa san namni gamoo gubbaa jiru mi'a isaa ka mana keessa jiru fudhachu'uuf gad hin bu'in. Akkasuma namni qonna keessa jiru gara mana ufii hin deebi'in.
32
Haadha manaa Looxii qaabadhaa'a!
33
Namni lubbuu ufii fayyisuu fedhu maruu hin balleeffata. Namni lubbuu ufii balleessu maruu hin oolfata.
34
Ani isinitti himaa halkan san namoonni lamaan itillee takkattii irra rafan; isaan keessaa tokkochi hin fudhatama, ka lammaffa'aa ammoo hin hafa.
35
Dubartoonni lamaan bakka tokkotti midhaan daakan takkattiin hin fudhatamti, ta lammaffa'aa ammoo hin hafti.
36
[Namoonni lamaa qonna keessa taa'an, tokko hin fudhatama, ka lammaffa'aa ammoo hin hafa]»
37
Isaanillee deebisanii, «Gooftaa keenna! Garamitti?» jedhanii isa gaafatan. Innillee, «Bakka randhi jirutti rumichi wolgaya» jedhee isaanii deebise.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24