bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Luke 24
Luke 24
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
1
Guyyaa Sambata gudda'aa isaan keessaa namoonni gariin urgoo qabataniiti isaan woliin obboro'oon gara awwaalaa dhaqan.
2
Dhagaan awwaalaan cufame ka gangalfameeru argan.
3
Hennaa boolla awwaalaa keessa seenan reeffa Gooftaa Yesuusii hin argine.
4
Isaan waan kana uduu mama'aaran namoonni lamaan uffata calalaqu uffatanii isaan bira dhaabatan.
5
Dubartoonni sunniinillee sodaatanii uduu ijaan lafa laala'aaran akkana isaaniin jedhan, «Maaf jiraataa worra du'e keessaa soxxan?
6
Inni asi hin jiru, ka'eera. ‹Ilmi Namaa harka cubbamootaatitti dabarfamee kennamu'uuf, fannifamee, guyyaa saddaffa'aatitti du'aa ka'uun dirqama› jedha'aa ka inni hennaa Galiilaa jiru isinitti dubbate qaabadhaa'a!»
8
Dubartoonnillee hennaa san waan inni dubbate yaadataniiti hulee awwaalaatii deebi'anii kana maraa kudha tokkoo isaaniitiif worra kaawwan marattuu himan.
10
Worri waan kana ergamtootatti himani, Maariyaamii qachaa Magidala'aa, Yohaanaa, haadha Yaaqoobii Maariyaam, dubartoonni biraallee isaan woliin jiran.
11
Isaanillee dubbiin kun waan suuraa isaanitti fakkaateef isaan hin amanne.
12
Pheexroos ammoo ka'ee gara awwaalaa fiige. Achi gayee gadi jedhee yoo laalu uffata fuuttaa irraa hojjatame qofa arge. Waan ta'e kana maalala'aa gara mana ufii deebi'e.
13
Guyyaa san isaan keessaa namoonni lamaan Yeruusaaleemiin irraa kilo meetira kudha lama fagaatu gara ganda Emaahuus jedhamtuu deeman.
14
Isaanillee waan ta'e kanniin maraa woliin qaaqa'aa turan.
15
Uduma isaan waan san qaaqa'aa qorata'aa deeman, Yesuus isaanitti dhufee isaan woliin deeme.
16
Isaan ammoo akka isa hin beenne ijji isaanii qabamee ture.
17
Innillee gadda'aa wonti woliin qaaqa'aa deemtan kunniin maali'i? Isaaniin jedhe.
18
Namni Qalayoophaa jedhamu tokko ammoo deebisee, «Ati Yeruusaalemitti hojja kee keessummaa taatee jiraattaa? Guyyoota kanniin waan achitti ta'e hin beettuu?» jedheen.
19
Innillee, «Maal inni?» jedhee gaafate. Isaannillee akkana jedhaniin, «Waan Yesuusii nama Naazireetii, ka huji'ii fi dubbi'iin Rabbii fi gumii maraa biratti raagaa jabaa,
20
Isa bulchoonni gadootaatii fi worri loltoota ajaju keenniin murtii du'aatitti attamitti dabarsanii akka isa kennanii fi fannisan.
21
Nu ammoo namni Isiraa'eeliin fayyisu isa jennee abdannee turre. Wonti kun maruu haga ta'e adha guyyaa saddaffa'aati.
22
Wonti biraa ammoo ka nu maalalchiise dubartoonni gariin nu keessaa hulee awwaalaa dhaqanii,
23
Haga reeffa isaa achii dhaban dhufanii, hennaa maleekkonni, ‹Inni jiraata'a› jedhanii dubbatan mudhataan argine jedhan.
24
«Worri nu woliin turanillee gara awwaalaa dhaqanii akka wonti sun akkuma isaan nutti odeessan ta'e argan; isa ammoo hin argine»
25
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Isin bada worra hin hubannee fi worra waan raattonni dubbatan maratti ka qalbiin keessan hin amanne,
26
Kiristoos rakkoon irra gayee ulfinnatti seenuun isa hin barbaachisuu ree?» isaaniin jedhe.
27
Raattota maraaf Muusee irraa jalqabee waan isaa ka kitaabban maraa keessatti barreeffame isaanii hiike.
28
Gara ganda dhaqa'aaranii dhiyaatanii isaanillee waan inni fagoo deemu isaanitti fakkaate.
29
Isaan, «Waan lafti galgalaayee dukkanaayeeruuf nu bira buli» jedhanii jabeessanii kadhataniin. Innillee isaan bira bulu'uuf seene.
30
Uduu isaan woliin hurbaata'aaf taa'eeru xoroshoo ol fuudhee eebbisee caccabsee isaaniif kenne.
31
Ijji isaaniillee hin baname, isaanillee hin beekaniin. Inni ammoo ija isaanii afo'oo miliqe.
32
Isaanillee, «Hennaa inni kara'atti nu woliin dubbataa turee fi hennaa inni kitaabban nu barsiisaa ture garaan keenna nu kakka'ee nu raafama'aa hin turree?» woliin jedhan.
33
Sa'aatima sanitti ka'anii gara Yeruusaaleemii deebi'an; darasoonni kudha tokkoo fi isaan woliin worra turaniinillee, «Dhugamaan Gooftaan du'aa ka'eera, Simoonittillee mudhateera» jedha'aa turan. Hulee tokkotti ka wolgayaniiran isaan argan.
35
Isaanillee waan karaa irratti ta'e haga Xoroshoollee cabsee akkamitti akka isa beekan isaanitti odeessan.
36
Uduu isaan kana dubbataa jiran, Yesuus edduu isaanii dhaabatee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe.
37
Isaan ammoo waan ekeraa argan seeyanii nayanii sodaatan.
38
Inni ammoo, «Maaf naatan? Maaf mamiin garaa keessan keessatti uumame?
39
Akka ana ta'e akka beettan mee harka kiyyaa fi luka kiyya qaqqaba'aa laalaa'a; ekeraan foonii fi lafee hin qabu, Ani ammo hin qaba.»
40
Innillee kana jedhee harka ufiitii fi luka ufii isaanitti mudhise.
41
Isaanillee guddisanii waan gammadaniif amanuu dadhabanii maalala'aa uduu jiran, waan nyaatan asii waa qabduu? isaaniin jedhe.
42
Isaanillee qurxummii woddame irraa kutanii nadhii dammaallee kennaniif.
43
Inni fudhatee afoo isaaniititti nyaate.
44
Innillee, «Hennaa ani isin woliin jiru, Seera Muuse'eetii fi raattotaa kitaaba faarfannaa keessatti wonti kiyya ka barreeffame maruu raawwatamuu barbaachisa jedhee ka isinitti hime sun isa kana» isaaniin jedhe.
45
Hennaa san kitaabban akka hubatan sammuu isaanii bane.
46
Akkana isaaniin jedhe, «Kiristoos hin rakkata; guyyaa saddaffa'aa du'aa hin ka'a.
47
Maqaa isaatiin cubbuu irraa deebi'uu fi araarri cubbuu Yeruusaaleemiin irraa jalqabee gumii maraa irratti hin lallabama jedhamee barreeffameera.
48
Isinillee waan kanaaf raga'a.
49
Ani waan Abbaan kiyya waadaa isinii gale san isinii erga. Isin ammoo haga hunna olii argattanitti qachaa Yeruusaaleemii keessaa hin bayi'naa'a» jedhe.
50
Innillee achii bayee haga Bitaaniya'aa isaan geegessee harka isaa lamaan ol kaasee isaan eebbise.
51
Uduma isaan eebisa'aaru isaan dhiisee gara sami'ii ol fudhatame.
52
Isaanillee isaaf sagadanii guddisanii gammadanii gara Yeruusaalemii deebi'an.
53
Hennaa maraa Rabbiin galatoonfata'aa mana woyyuu keessa jiraatan.
← Chapter 23
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24