bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Luke 22
Luke 22
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
1
Ayyaanni Faasikaa jedhamu dhiyaate.
2
Bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee gumii sodaatan malee attamiin akka isa balleessan barbaada'aa turan.
3
Seexannillee darasoota kudha lamaa keessaa Yihuudaa nama biyya Asqorotu'uu jedhamutti gale.
4
Innillee akkamitti akka isa dabarsee kennu bulchoota gadootaatii fi worra mana woyyu'uu woliin mari'ate.
5
Isaanillee gammadanii birrii isaa kennu'uuf wolii galan.
6
Innillee maarre jedhe; bakka baniin hin jirretti dabarsee isaanitti kennu'uuf hennaa isaa tolu soqa'aa ture.
7
Ayyaanni Faasika'aa ka hoolaan itti qalamu geennaan,
8
Yesuus Pheexroosii fi Yohaannisiin, «Hurbaata Ayyaana Faasiika'aa akka nyaannu deema'aatii qopheessaa'a!» jedhee isaan erge.
9
Isaanillee, «Eessatti akka sii qopheessinu barbaadda?» jedhaniin.
10
Innillee akkana jedheen gara qacha'aa hennaa seentan nama ottee bisaanii baadhate tokkotti dhuftan, gara mana isaa faana deemaa'a.
11
Abbaa mana saniitiin, ‹Barsiisaan darasoota ufii woliin manni keessumma'aa ka hurbaata Ayyaana Faasika'aa itti nyaadhu eessa? siin jedha› jedha'aanii.
12
Innillee mana mana irraa gamoo keessatti galma afame badhaa isinitti mudhisaa, achitti nuu qopheessaa'a!
13
Isaanillee dhaqanii akkuma inni jedhe arganiiti hurbaata Ayyaana Faasika'aa qopheessan.
14
Hennaa sa'aatiin gaye Yesuus ergamoota kudha lamaa woliin hurbaata'aaf taa'e.
15
Innillee, «Rakkoo kiyyaan dura isin woliin hurbaata Ayyaana faasika'aa kana nyaatu'uuf guddisee halcheera.
16
Ani akkana isiniin jedha, haga jeennanni Rabbii raawwatamuuf ani duranaa deebi'ee kana irraa hin nyaadhu.» jedheen.
17
Xuwwee ol fuudhee haga galateeffateen maayessa akkana jedhe, «Hoo'aa, kana wolii qoodaa'a!
18
Ani isinitti himaa, haga jeennanni Rabbii dhuftutti ammaa jalqabee daadhii woyinii kana irraa hin dhugu» jedhe.
19
Xoroshoollee fuudhee galateeffatee, cabsee, «Kun foon kiyya, ka isinii kenname; ittiin na qaabadhaa'a!» jedhee isaanii kenne.
20
Akkasuma hurbaata'aan maayessa xuwwee ol fuudhee akkana jedhe, «Untoon kun waadaa haarawa dhiiga kiyya ka isinii jiguun raawwatamu.
21
Haata'uu ammoo dabarsee ka na kennu kunoo harki isaa na woliin hurbaata irra jira.
22
Ilmi Namaallee akkuma itti murtaayetti hin deema. Haata'uu ammoo dabarsee ka na kennu sanii hobbaasi!» jedhe.
23
Isaanillee namni isaan keessaa waan kana godhu eennuun ta'inna jedha'aa wol gaafachuu jalqaban.
24
Akkasuma isaan keessaa namni nama maraa caalu eennu jedhanii wol morman.
25
Innillee akkana isaaniin jedhe, «Worri Yihuudota hin taanetu isin bulcha; worri isaan irraan mooyan worra arjooman› ufiin jedhan.
26
Isin ammoo akkasi hin ta'inaa; Haata'uu ammoo isin keessaa ka guddaa ta'e akka maandha'aatitti, ka bulchullee akka tajaajila'aa haata'uu.
27
Ka hurbaata'aaf taa'e yookiin ka hojjatu keessaa kamtu gudda'a? Ka taa'ee mitii? Ani ammoo isin eddu'utti akka hojjata'ati.
28
Haata'uu ammoo isin hennaa rakkinna kiyya na woliin jabaatanii jiraataniiran.
29
Akkuma abbaan kiyya na muude Anillee ammoo mootummaa kiyya keessatti hurbaata kiyya nyaataa dhugaa gosa Isiraa'elii kudha lamaan irratti akka murteessitan teessoo mootummaa irra akka teettan isin muudeera.»
31
Gooftaanillee, «Simoon, Simoon, kunoo, seexanni akka qamadi'ii isin gingilchu'uuf na kadhate.
32
Ani ammoo akka amantaan kee hin banne sii kadhadhe. Atillee hennaa gara kiyya deebite obboleeyyan kee jabeessi!» jedheen.
33
Innillee, «Gooftaa kiyya, ani gara mana hidha'aatii fi gara du'aallee si woliin deemu'uuf qophaayeera» isaan jedhe.
34
Inni ammoo, «Pheexroos, ani sitti hima, ati uduu lukkuun hin iyyin ani si hin beeku jettee adha hennaa sadi na ganta» jedheen.
35
Achiin maayessa Yesuus, «Korojoo, karaxiitii yookiin kophee uduu hin qabatin hennaa ani isin erge, wonti isin jalaa dhidhate jiraa?» Isaaniin jedhe. Isaanillee, «Womaa hin dhidhanne!» jedhan.
36
Innillee ammoo, «Ka korojoo, yookiin karaxiitii qabu haa qabatuu; akkasuma guraadee ka hin qabnellee uffata ufii gurguree guraadee haa bitatuu.
37
Ani akkana isiniin jedha, ‹Worra hamaa woliin laakkayame› jedhamee ka barreeffame na irratti raawwatamuu barbaachisa; Ee anaaf amma wonti ta'u narratti waan raawwatamuuf» isaaniin jedhe.
38
Isaanillee, «Kunoo, Gooftaa kiyya, guraadee lamatu as jira» jedhaniinii jennaan. Innillee «Hin gaya!» isaaniin jedhe
39
Yesuus achi keessaa bayee akka aadaa isaa gara gaara ejersaa deeme. Darasoonnillee akkasuma isa faana deeman.
40
Hulee san haga gaye, «Ataabe'etti akka hin galle dammaqa'aa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.
41
Isaan irraa haga darbata dhaga'aa fagaatee jilbiinfatee,
42
Abbaa kiyya fedhii kee yoo ta'e untoo tana narra dabarsi. Haata'uu ammoo fedhii kee malee kiyyaa hin ta'in jedhaa faateffate.
43
Achiin maayessa Maleekkaan isa jajjabeessu samii irraa dhufe.
44
Innillee dhiphatee jabaatee faateffate. Fuuruun isaa akka dhiigaa lafatti coccophe.
45
Hennaa faatee irraa ka'e gara darasoota ufii dhufee waan guddisee gaddee tureef dadhabanii ka rafaniiran argee,
46
«Maaf raftan? ataabe'etti akka hin galle ka'aatii dammaqaa faateffadhaa'a!» isaaniin jedhe.
47
Uduu inni dubbataa jiru namoonni hedduu gara isaa dhufan, darasoota kudha lamaan keessaa namichi Yihuudaa jedhamu tokko isaan afoo deemaa ture. Innillee Yesuusiin dhungachu'uuf gara isaa dhufe.
48
Yesuusi ammoo, «Yihuudaa'a, Ilma Namaa dhungachu'uun dabarsitee kennitaa?» isaan jedhe.
49
Worri isa woliin jiran waan ta'aaru haga argan, «Gooftaa kiyya, guraade'een dhoofnuu?» jedhaniin.
50
Isaan keessaa tokkochi, hojjataa bulchaa gadootaa dhayee gurra mirgaa irraa mure.
51
Yesuus ammoo deebisee, «Dhiisaa'a! waan kana itti hin deebi'inaa'a» jedhee gurra namichaa qaqqabee fayyise.
52
Yesuusillee worra gara isaa dhufan bulchoota gadoota, ajajoota mana woyyu'uutii fi manguddootaan, «Akka waan ani shiftaa ta'ee guraade'eef bokkuu qabattanii baatanii?
53
Guyyama guyya'aan hennaa mana woyyuu keessatti isin woliin jiru, hennaa san isin qubaanuu nan tundhe, amma garuu sa'aatiin kun sa'aatii keessanii fi baalliin abbaa dukkanaa itti hojjatu» isaaniin jedhe.
54
Isaanillee Yesuusiin qabanii fuudhanii gara mana bulchaa gadootaa geessan. Pheexroos ammoo fago'otti isa faana deemaa ture.
55
Hennaa jarri dallawa keessatti ibidda bobeessan Pheexroosillee gara ifaatiin edduu isaanii taa'ee uduu jiru,
56
Hojjettuun takka xiinxallitee laaltee, kunillee isa woliin ture jette.
57
Inni ammoo, «Intalattii nana, ani isa hin beeku» jedhee gane.
58
Hennaa diqqo'oon maayessa namni biraa isa argeeti, «Ati isaan keessaa tokko» jedhe. Pheexroos ammoo, «Namana namni sun, anaa mit» jedheen.
59
Gara sa'aatii tokkoo haga tureen maayessa, «Namni biraallee inni nama Gaaliilaati dhugamaan namichi kunillee isa woliin jira» jedhe.
60
Pheexroos ammoo deebisee, «Namicha nana waan ati jettu kana ani hin beeku!» jedhe. Uduma inni kana dubbataaru, lukkuun iyye.
61
Gooftaanillee midhatee Pheexroosiin laale. Pheexroosillee, adha lukkuun uduu hin iyyine hennaa sadi na ganta dubbii Gooftaan jedhe qaabate.
62
Pheexroosillee diida bayee mararamee booye.
63
Namoonni Yesuusiin qaban isatti baldaa dhaanan.
64
Isaanillee ija isaa hidhanii, dhayaa waan turaniif, «Ka dhabanaasaan si dhaye eennu? Mee raaga dubbadhu!» jedha'aa isa gaafatan.
65
Waan biraallee waan hedduu jedha'aa arabsa'aanii turan.
66
Hennaa lafti bariite manguddoonni biyyaa, bulchoonni gadootaatii fi barsiisonni Seera Muuse'ee wolgayanii gara yaa'ii murti'ii fidanii,
67
«Kiristoos si'ii? mee nutti himi!» Inni ammoo, «Yoo ani isinitti hime, hin amantan;
68
Yoo isin gaafadhellee naa hin deebiftan, na hiitanille'e.
69
Haata'uu ammoo amma irraa jalqabee, Ilmi Namaa mirga hunna Rabbii taa'a» jedheen.
70
Isaan martinuu, eegasuu, «Ati Ilma Rabbii tii?» jedhaniin. Innillee, «Akka ani isa ta'e isinuu jedha'aattan» jedhe.
71
Isaanillee, «Nu'uu afaan isaatii dhageenneera, ammaa achi ragaa maal nu barbaachisa?» jedhan.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24