bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Luke 21
Luke 21
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
1
Yesuus gara kenna'aa midhatee, dureeyyiin hennaa meeshaa buusi'ii keessa buusan arge.
2
Dubartiin hiyyeettiin takka saantibii lamaa hennaa achi buuftu argeeti.
3
«Ani dhugamaan isiniin jedha. Dubartiin hiyyeettiin tun ka maraa caalu kennite.
4
Kunniin maruu bu'aa isaanii irraa meeshaa buusi'ii keessa buusan; isiin tun ammoo dhidhinna isii keessaa waan qabduuf waan bultuun maraa kennite» jedhe.
5
Namoonni garii gariin, «Manni woyyu'uu kun attamitti barreeda? dhagaa babareeda'aa fi kennaa Rabbiif kennameen midhaaffame» jedha'aa qaaqa'aa turan.
6
«Dhagaan isin argitan kun maruu dhagaan tokko dhagaa tokko irratti uduu hin hafin barri jigu hin dhufa» jedhe.
7
Isaanillee, «Barsiisaa'a, eegasuu wonti kun yoom ta'a? Kunillee ta'uuf malkanni maali?» Jedhanii isa gaafatan.
8
Innillee akkana jedhe, «Akka hin dogoggorre uf eeggadhaa'a. Hedduun isaanii, ‹Ani Kiristoos, barri dhiyaateera!› jedha'aa maqaa kiyyaan hin dhufan. Isaan faana hin deeminaa'a!
9
Lolaa fi wonta nama naasisu hennaa dhageettani, hin nayinaa'a. Wonti akkasii sun duraan dursee waan ta'uuf. Haata'uu ammoo dhumti baraa yoma san hin ta'u.»
10
Hennaa san akkana isaaniin jedhe. «Gosti gosa irratti; mootummaan mootumma irratti hin ka'a.
11
Raafamni lafaa guddaaniif, beelli, dhibeen hulee adda addaatitti hin ta'a. Wonti nama sodaachisu malkanni guddaanillee samii irraa hin mudhata.
12
Kana maraan duratti isin qaban, isin ari'an, waan kiyyaaf gara mana sagada Yihuudotaatii fi gara mana hidha'aatitti isin dabarsan afoo moototaatii fi bulchootaa isin fidan.
13
Kunillee raga'aaf isinii ta'a.
14
Kanaafuu, ‹Maal jennee deebifna› jettanii garaa keessan keessatti hin dhiphatinaa'a. Kana qalbitti qabadhaa'a.
15
Waan diintonni keessan maruu isiniin mormu'uuf falmuu hin dandeenne afaanii fi ogummaa isinii kenna.
16
Haawwoti'ii fi abbootiin, obboleeyyan, firoonniinii fi jaalalloon dabarsanii isin kennan. Isin keessaa gari garii hin ajjeesan.
17
Bakka marattu maqaa kiyyaaf worra jibbamu taatan.
18
Haata'uu ammoo mataa keessan irraa rifeensi tokkollee hin buqqa'u.
19
Obsu'uun lubbuu teessan oolfattan.»
20
Isin yoo «Yeruusaaleem loltootaan marfamtee argitan hennaa san badiin isi'ii akka dhiyaate beekaa'a.
21
Hennaa san worri Yihuudaa jiru gara gaaraa haa dheessanii; worri qachaa keessa jiru isii keessaa haa bayanii. Worri baadiyaa jiranillee isii keessa akka hin seenne.
22
Wonti barreeffame maruu akka raawwatamuuf kun hennaa haluu bayu'uu waan ta'eef,
23
Hennaa san dubartoota ulfaatii fi haawwota harma hoosisanii hobbaasi. Rakkoon guddaan biyya lafaatii fi gumii irratti waan ta'uuf.
24
Isaan qara guraade'eetiin du'an, kuuwwan ammoo marti isaaniituu hin booji'aman; worra Yihuudota hin taaneen fudhataman. Haga barri namoota Yihuudota hin taanee dhumutti Yerusaaleem ta namoonni Yihuudota hin taanee irra deddeemu taati.»
25
Aduu, ji'aa fi Urjii irratti, «Malkatatu ta'a. Lafa irrattillee worri Yihuudota hin taanee galaanaa fi laagaa haboonbolatti'iitiin mama'aati dhidhiphatan.
26
Namoonnillee waan adunyaa irratti dhufu sodaatanii eegu'uun dadhaban. Waan hundeen sami'ii raafamtuuf.
27
Hennaa san Ilmi Namaa hunnaa fi ulfinna gudda'aan duumessaan hennaa dhufu hin arganiin.
28
Hennaa wonti kun ta'u jalqabu sababaa fayyinni keessan dhiyaateeruuf, ka'aa dhaabbadha'aatii mataa keessan ol qabadhaa'a» jedhe.
29
Yesuus mammaakaan akkana jedhee isaanitti hime, Muka hurbu'uutii fi mukkiin maraa yoo bayan argaa'a.
30
Hennaa munni kunniin baala baafachuu jalqabani laala'aati, bonni akka dhiyaate yoo san hin beettan.
31
Akkasuma Hennaa isin kun maruu ta'u yoo argitan jeennanni Rabbii akka dhiyaatte beekaa'a.
32
Ani dhugamaan isiniin jedha, kun maruu haga ta'uuf dhaloonni kun hin lufu.
33
Ardi'ii fi samiin hin lufan dubbiin kiyya ammoo hin lufu.
34
Haata'uu ammoo, «Akka malee nyaataa fi machi'iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaada'aa akka hin dadhabne, guyyaan sunillee dimmaa akka isinitti hin dhufne uf eeggadhaa'a!
35
Guyyaan sun worra lafa irra jiran marattuu waan dhufuuf.
36
Eegasuu waan dhufu'uuf ta'u jalaa akka baataniif fuula Ilma Namaa afo'otti dhaabachuu akka dandeettan hennaa maraa jabaadha'aa faateffadhaa'a!»
37
Yesuus guyyaa guyya'aan mana woyyuu keessatti barsiisa'aa ture. Halkan ammoo gara gaara ejersa jedhamu gubbaa bayee bula'aa ture.
38
Gumiin maruu isa irraa dhagayu'uuf obboro'oon gara Mana Woyyu'uu dhaqa'aa turan.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24