bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Luke 18
Luke 18
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
1
Yesuus uduu hin hifatin hennaa maraa akka faateffatan mammaaka akkana jedhee isaanitti hime.
2
Qachaa takka keessa «Abbaan seeraa ka Rabbiin hin sodaanne, ka namallee hin kabajjine tokkotu jira.
3
Qachaa san haadha hiyyeessaa takkatu jira. Isiinillee gara isaa dhuftee, ‹Falmii kiyya ka namaan wol himane san naa murteessi› jedha'aa turte.
4
Isiin guyyaa hedduu isatti deddeebitee, inni ammoo murtee isi'ii kennuu hin barbaanne. Achiin maayessa ammoo inni yaada ufii keessatti, ‹Yoo Rabbiinillee hin sodaanne, namallee hin saalfanne,
5
Haati hiyyeessaa tun waan na dadhabsiiftuuf hennaa maraa dhufa'aa akka na hin rakkifne hin murteessaaf› » jedhe.
6
Gooftaanillee akkana jedhe, Eegasuu «Waan abbaan seeraa hamaan sun jedhe dhagayaa'a!
7
Rabbi ammoo worra isaaf filataman ka halkanii fi guyyaa gara isaa iyyaniif murtii qajeelaa hin murteessuufii ree?
8
Ani isinitti hima, inni dafee murteessaaf. Haata'uu ammoo, Ilmi Namaa hennaa dhufu amantaa lafa irratti argaa laata?» jedhe.
9
Yesuus namoota qajeellummaa ufiititti amanan worra kaawwan ammoo guddisanii worra tuffatan akkana jedhee mammaakaan kana itti hime.
10
Namoonni lamaan faateffachu'uuf gara mana woyyu'uu dhaqan. Isaanillee tokko Fariisicha kuun ammoo ka qaraxa guuru.
11
Fariisichi ka'ee dhaabatee waan yaada garaa ufii akkana jedhee faateffate. ‹Rabbii kiyya, ani akka namoota kaawwanii akka worra saamtotaa, hamootaa, worra seebaru, yookaan akka namicha qaraxa guuruu kana waan hin taaneef si galateeffadha.
12
Torbaan keessatti guyyaa lama sooma, waan argadhu maraa irraa kudhan keessaa tokko kennaa kenna› jedhe.
13
Namichi qaraxa guuru sun ammoo fagoo dhaabatee ija ufiitiin gara sami'ii ol laaluu sodaatee, ‹Waaqa kiyya! Ani nama cubbama'a naa araarami!› jedhee laphee ufii dhaya'aa ture.
14
Ani akkana isiniin jedha. Namicha fariisicha san irra namichi qaraxa guuru sun Rabbiin afo'otti qajeelaa ta'ee gara mana ufii deebi'e, namni ol uf qabu maruu hin salphata. Namni uf salphisu ammoo hin kabajjama.
15
Namoonnillee akka inni harka ufiitiin qaqqabee isaan eebbisuuf daa'imman gara Yesuusii fidan. Darasoonni isaa ammoo waan kana arganii, xixanii isaan dhooggan.
16
Yesuus ammoo daa'imman gara ufii waamee, daa'imman gara kiyya akka dhufan dhiisa'aanii hin dhoogginaa'a, Jeennanni Rabbii worra akkanaa kanniiniif waan ta'eef.
17
Ani dhugamaan isiniin jedha, eennullee jeennata Rabbii akka daa'imaatitti ka hin fudhanne, sirimaa hin galu» jedhe.
18
Bulchoota keessaa tokko, «Barsiisaa arjaa'a, jiruu bara baraa argatu'uuf maal godhuu na barbaachisa?» jedhee isa gaafate.
19
Yesuusillee, «Maaf arjaa naan jetta? Rabbii tokkicha malee, namni arjaan tokkollee hin jiru.
20
Ati seera, ‹Hin seebarin, hin ajjeesin, hin hatin, dharaan hin ragin, Abba'aa fi haadha kee kabajji!› jedhu hin beetta» jedhe.
21
Namichillee deebisee, «Ani waan kana maraa ijoollummaa kiyya irraa jalqabee eegeera» jedhe.
22
Yesuusillee waan kana dhagayee, «Ammallee waan tokkotu si hafa. Waan qabdu maraa gurguriitii hiyyeeyyi'ii kenni, Sami'itti hin duroomtaa. Koottuu na faana deemi!» jedhe.
23
Inni ammoo haga kana dhagayeen maayessa dureessa waan ta'eef, guddisee gadde.
24
Yesuusillee akka inni guddisee gadde argee, akkana jedhe, «Worra dureeyyi'iif, jeennata Rabbii galuun attamitti rakkisa'a!
25
Dureessi gara jeennata Rabbii galuu irra, gaalli qaalawa limmo'oo keessa hulluuqutu irra salpha'a» jedheen.
26
Worri waan kana dhagayan, «Eegasuu eentu fayyuu danda'a ree?» jedhan.
27
Inni ammoo, «Wonti namaaf hin danda'amne Rabbiif hin danda'ama» jedhe.
28
Pheexroosillee, «Kunoo, nu waan maraa dhiifnee sifaana deemneerra» jedheen.
29
Innillee, «Ani dhugamaan isiniin jedha, namni waan jeennata Rabbiitiif jedhee, mana ufii, maatii ufii, obboleeyyan ufii, haadhaa fi abbaa yookiin ijoollee ufii ka dhiise,
30
Bara kanaaf adunyaa dhuftutti eennullee ka dachaa hin arganne hin jiru» isaaniin jedhe.
31
Yesuus kudha lamaanuu gara ufii waamee, akkana isaaniin jedhe, «Amma gara Yeruusaalemii deemna wonti Ilma Namaa ka raattotaan barreeffame maruu hin raawwatama.
32
Ilma namaa worra Yihuudota hin taaneef dabarsanii hin kennaniin, isaanillee itti baldan asii fi achi daddarba'aa itti tufan.
33
Haga isa dhaananiin maayessa hin ajjeesan, guyyaa saddaffa'aatitti hin ka'a» isaaniin jedhe.
34
Isaan ammoo waan kana maraa keessaa tokkollee hin hubanne. Hiikkaan dubbii sanii isaan jalaa waan dhokatee tureef wonti inni dubbate sun isaanii hin galle.
35
Yesuus hennaa gara Iyaarikoo dhiyaate namichi ballaan tokko karaa irra taa'ee kadhata'aa ture.
36
Innillee akka namoonni baay'een karaa san irra lufa'aaran dhagayee, wonti kun maal? jedhee gaafate.
37
Isaanillee, «Yesuusii Naazireetiititu karaa kana lufa'aara» jedhanii itti himan.
38
Innillee, «Yesuus, Ilma Daawitii na maari!» jedha'aa iyye.
39
Worri afo'otti deemaa turan akka inni cadhisu xixaniin. Inni ammoo, «Ilma Daawitii na fayyisi!» jedha'aa guddisee iyye.
40
Yesuusillee dhaabatee, namicha ballaa gara isaa akka fidan ajaje. Hennaa gara isaa dhiyaate,
41
Yesuus, «Maal akka sii godhu barbaadda?» jedhee isa gaafate. Innillee deebisee, «Gooftaa kiyya, arguu barbaada» jedhe.
42
Yesuus deebisee, «Argi! amantaan kee si fayyiseera» jedheen.
43
Ijji isaallee yoosuu argitee, Innillee Rabbiin galateeffata'aa Yesuusiin faanaa deeme. Gumiin sun maruu haga waan kana argan Rabbiin galateeffatan.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24