bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Timothy 1
1 Timothy 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Anin maqaan kiyya Phaawuloo, ka fedhii Waaqaa baasaa keennaatii fi ka kiristoo Yesus abdii keennaa gula, ergamaa Yesus Kiristoo ta'ee.
2
Ergaa tana gara ximootewoosii dhuguma dhugeeffachaan ilma kiyya ta'ee barreessa. Waaqaa Abbaatii fi kiristoo Yesus Abbaan keennaa eebbaa, naasuu fi nagaa sii kenninna!.
3
Akkuma anin gaafa Maqedooniyaa deeme sitti hime kaanii, sii Efesoo teettee warra dubbii dharaa achitti barsiisuu jiru sun dhowartu fedha.
4
Oduu duriitii fi waan muummee hinqamne ka hidda dhalootaa walii hedan sunii wal mormii uumuu malee akka hujii isan dhugeeffachaan Waaqaa tolchitanii homaa hin baannee warraatti him.
5
Wantii nu seera kana baamneef akka jaalaltii garaa dansaa, qalbii fi dhugeeffachaa dansaa keessaa baatu mulalattu.
6
Namii garii ya waan kana lakkisee moroomaa homaa hin baane gula bade.
7
Warrii kun waan ufii dubbatanii yokaan waan jabeessanii odeessan adoo hin hubatinnuu, barsiisota seera Waaqaa ta'uu fedhan.
8
Yo silaa namii karaa dansaa gulaan hojatee, akka seerii dansaa inbeenna.
9
Wantii hubachuu malan seeri nama dansaaf hin baamne; ammoo warra seera cabsuufaa, ka wayi yakkufaa, ka Waaqaa hin beennefaa, ka daba tolchufaa, ka aadaa Waaqaa qulqulloo gula hin yaanefaa, warra haadhaa-aabbaa ufii ijjeessufaa, ka nama fixufaa,
10
shaarmuxaa fi middiisaafaa, nama nama hatee guuratufaa, ka dhara dubbatee kiyyibu faa fi ka barsiisa dhugaa lakkisee waan dhibii tolchu kanaaf baasan.
11
Barsiisaan oduu dansaa ta Waaqaa Abbaa guddaa eebbaa irraa dhufte, ta harka kiyyaatti kennan tana.
12
Anin kiristoo Aabboo keenna ka jabeenna anin hujii isaatiin hojjadhu naa kennee, herregee na foo'atee, adoo durii tuffadhee biraa deemellee amma galata deebisa.
13
Adoo anin durii dhugeeffachaa dhabee isa tufadhe, adoo hin hubatinuu wallaalee gaargalche arabseellee Waaqii ya naa nahe.
14
Aabboon eebba ufii ta karaa dhugeeffachaa fi jaalala Yesus kiristoo irraa argatan ya guddisee naa kenne.
15
Jechii, “Kiristoo Yesus akka namaa dabaa baasuuf lafa tana dhufe” jedhu kunin jeecha dhugaa ka namii cuftii fudhachuu male. Warra cubboolee keessaallee anin nama nama cufaa irraa cubbichaati.
16
Taatullee, Yesus kiristoon akka anin warra jireenna barabaraa dhugeeffatee jireenna argatuu fakkenna ta'u, na nama nama cufaa irra cubbichaatii araaramee, obsa ufii narratti mullise.
17
Waaqaa tokkocha, Hayyuu barabaraa ka hin doonee, ka hin mullanne, ammaa fi hegerillee guddinnaa fi ulfinnii isaa ha ta'uu Ee'e jenne!.
18
Ilma kiyya! ximootewoos anin dhaamsa dubbii fagiisaa ta durii waan kankee faguu gula dhaamsa kana sitti dhaamadha; akka dhugeeffachaa fi herega dansaa horattee, yo atin hadhiisa dansaa haatee dubbin sun waraanaa wantee ha sii taatuu.
19
Namii garii herrega dansaa gula yaa'uu dideetti, dhugeeffachaa ufii balleessa.
20
Himnewosii fi Iskindiriillee ka warra kana keessa jiran aka warrii itti deebi'ee Waaqaa hin arrabsinee anin ya harka sheexanaatti kenne.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6