bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Timothy 4
1 Timothy 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Akka namii garii eegii tanaa dhugeeffachaa ufii lakkisee, hafuura dharaatii fi barsiisa jinnii gula yaa'uu hafuurii qulquloon akkuma dansaa diidessee hima.
2
Barsisaan sobaa tuninii nama dharaatii fi nama herregii warraa akka waan ibiddaan gubanii jiru irraa dhufti.
3
Warrii kun, “Nadheen fuudhanii fi sagaleen garii ta nyaataniilleen fulaan” jedha. Waaqii ammoo, sagalee gosa gosaa tanaa akka warrii dhugeeffachaa qabuu fi ka dhugaa beeku nyaatee galata deebisuuf uume.
4
Wantii Waaqii uume cuftii dansaa; waan tokkoollee diduu hin malle, ammoo waan cufaa galata deebisanii fudhachuu malan;
5
wantii akkasiitiif dubbii Waaqaatii fi kadhachaattti waan kana Waaqaa duraatti qulqulleessa.
6
Atin yo waan kana cufaa obboleeyyan teennaa diidatti baaftee, hojjataa dansaa Yesus kiristoo ka dubbii dhugaa fudhatee barsiisa dhugaa gula deemu taata.
7
Oduu durii ta jaarroleen nadheenii mammaattuu fi dubbii warrii Waaqaa hin beenne dubbatu hin caqasinii; jireenna Waaqii sirraa fedhu gula buli!
8
foon nafaa ufii jabeessuun homa diqqoof wa namaa baati; jireennii Waaqaa ammoo ammaafi hegeriillee nama cufaa wa baha.
9
Jechii kun jecha dhugaa ka fudhatanii dhugeeffachuu malan.
10
Keessummattuu nuun warra dhugeeffatee, marroo waan abdii teenna Waaqaa jiru ka baasaa nama cufaa irra keeyyanneef, nu guddoo hojjannee itti dadhamne.
11
Waan kana namaatti himii! Akka dansaa nama barsiisi!
12
Namii tokkoolleen marroo atin ka'ima taateef si hin tuffatin, ammoo dubbii, adabaa, jaalalaa, dhugeeffachaa fi qulqulloomaan warra dhugeeffatee akeeka tahi!
13
Haga anin dhufuttii dubbii Waaqaa namaa dubbisii, nama gorsii, barsiisii, jabeessii hojjadhu!
14
Kennii hafuuraa ta si keessa jirtuu, ta gaafa raagootii dubbattee jaarroleen harka sirra keette argattee hin dedhin.
15
Waan kana itti jabaadhuu guuti, akka namii cuftii akka atin duraatti deemte si argu!
16
Ufii fi barsiisa keetiillee eegadhu, itti jabaadhuu guuti! Wantii akkanaatiif yo atin waan kana guuttee, ufii fi jara si caqasuullee hin baaftaa.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6