bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Timothy 5
1 Timothy 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Nama jaarsaa tokkoollee hin ceersinii, ammoo akka abbeetii saalafadhuufii gorsi! Ka'imaallee akka obbboleeyyaan teetiittii,
2
jaarrolee nadheenii akka haawwan teetii, ka'ima nadheenii qulqullooma dhugaatiin akka obboleeyyan teetii herrgadhu
3
Nadheen dhiirsii irraa du'ee ceeriifii dhugumaan qorqoradhu!
4
Nadheen dhiirsa hin qamne, ijoollee yokaan akkoowwan yo qabaattee ammoo, ijoolleen sun qaraa aadaa dhugeeffachaa Waaqaa ha warraa ufiitii guutee ammallee galata guddisaa baaftuufi! Akka akkasiin Waaqallee gammachiiftu.
5
Niitiin dhugumaan dhiirsa hin qamne, ta ammallee nama qorqoratu hin qamnee, abdii ufii ya Waaqaa irra keeyyattee halkanii guyyaa qarqaarsa Waaqaa kadhatte.
6
Niitiin dhiirsa hin qamne, ta ammoo gammada waan lafaa feetu, adoo nafaan jiraatteellee ya doote.
7
Akka namii tokkoolleen wallaala isaanitti hin murre seera kana warraa kenni!
8
Ammoo namii fiixaa ufii faa, keessumattuu abbaa fi haadha ufii faa yo hin qorqorannee, innii ya dhugeeffachaa ufii lakkisee, jara hin dhugeeffatniiyyuu hin ga'u!
9
Nadheen haga isiin ganna jaatamaa geettutti maqaa isii nadheen dhiirsa hin qamnetti hin darini. Ammallee nadheen marroo tokko callaa fuudhan ha taatuu.
10
Ammallee gurra dansaa durii ka hujii dansaa hojjattee qaabaachuu malte; niitii ijoollee ufii akka dansaa guddifattee, keessummaa keessumeesitee, gumii Waaqaa qulqulloo miila dhixxee, nama gaargala qabu qarqaartee, waan dansaa ufi baaftee fi hujii dansaa cufaa hojjatte ta'uu malte.
11
Nadheen ka'imaa maqaa nadheen dhirsa hin qamneetti hin darinaa! Wantii akkanaatiif isiin yo fedhii dhiiraa qabattee akkanumaatti taa'uu dadhabdee, Kiristoo irraa baddee dhiirsa fuudhuu feetii.
12
Kakuu qara Waaqaa galan cabsanii, balleessaa ufumaan ufitti muran.
13
Ammallee isiin hujii malee ufumaa taa'uu barattee, mana cufaa irra yaatee waan haasa'uu hin malin cufa haasoftee ufumaa teteette; akka nyaaphii keenna qoommii argatee waan hamtuu nuun hin jennee, nadheen, ka'ima fuudhuu malan, akka ilmaan dhaltee, warra ufii qorqoratu.
15
Wantii akkanaatiif nadheen dhiirsa hin qamne ta garii amma ya sheexana gula yaate.
16
Niitiin kiristaanaa yo nadheen firaa ta dhiirsa hin qamne mana isii jiraatte, gumii kiristaanaa ta nadheen dhiirsa dhugumaan hin qamne qarqaartu hin gaargalchinii, isummaan ha qarqaartuu!
17
Jaarrolee nama dura yaatee hujii Waaqaa akka dansaa hojjattee fi keessumaattuu warrii dubbii Waaqaa haasa'ee barsiisee, harka lamaa ulfinna argachuu male.
18
Wantii akkanaatiif qoonqoon Waaqaa qulqulloon, “Qotiiyyoo yo isiin midhaan dhaantu, afaan hin hidhin” ammalle, “Namii hojjatuu gatii ufii argachuu male” jetti.
19
Yo jaarsa gumii himatan haga namii lamaa sadii dhugaa itti ta'uutti dubbii sun hin caqasinaa.
20
Akka namii dhibiilleen argee sodaatu, nama cubbuu hojjatu cufaa fuula gumii duraatti loliin!
21
Fuula Waaqaa guddaa, ka Yesus kiristootii fi ka ergamtoota Waaqii foo'atee duraatti, anin si kadhadhaa, bariisa tana gula deeme; nama tokkoollee jaalattee wal hin caalchifatinii!
22
Hurriftee nama tokkoollee hujii Waaqaatii filuuf harka irra hin kaa'in! Daba nama tokkoollee keessa hin seeninii, ufi qulqulleessi.
23
Waan yo cufaa garaan si dhukkubee fayyaa dhabduufii, bisaan callaa hin dhugnii daadhiillee diqqoo tokko dhugi!
24
Dabii nama garii guddoo mullata, dabii warraa kunii warraan duraatti fulaa muraa dhaqa; dabii nama garii ammoo eegee dhaqqaba.
25
Hujiin dansaalleen akkasuma yoosuu mullatti, ta guddoo hin mullannellee danda'ani hin dhossan.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6