bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Timothy 2
1 Timothy 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
1
Qaraa fiixee, waan cufaa duraatti kadhachaa, yaammachaa fi galata Waaqaa deebisaa marroo nama cufaatiif tolcha.
2
Ammallee hayyootaa fi warra lafa fidu cufaa Waaqaa kadhadhaa, akka nu jireenna nagayaatii fi adaba dansaa keessa teennu.
3
Wantii kun waan dansaa, ammallee Waaqaa baasaa keennaa gammachiiftii.
4
Innii nama cufaa ka baafamee dhugaa baratu fedha.
5
Wantii akkanaatiif Waaqaa tokko callaatti jira, ammallee ka Waaqaa fi nama walti fidu namicha tokko ka kiristoo Yesus jedhan callaatti jira,
6
ka nafa ufii nama cufaa kennee akkasiin nama baase; guyyaan sun geennaan namii cuftii dubbii sun ya dhugeesse.
7
Mar. roo waan kanaatiif akka anin ergamaa fi barsiisaa gosa dhibii tahu na ergan, akka dhaamsa dhugeeffachaatii fi dhugaa haasa'u; anin kiyyibuutti hin jiru dhugaa dubbachuutti jira malee!
8
Anin nama dhiiraa cufaa ka fulaa cufaatti dallansuu fi walmormii malee jaalala qulqulitti Waaqaatiin harka ballisee olqabatee Waaqaa kadhatu fedha.
9
Anin nadheeniillee ta ceertee wayaa isii fakkaattu hidhattuu fedha; nadheen mataa akka shoobaa filattee, warqii, dooqaa fi wayaa gatii gugurdoo keeyyachuu hin malle!
10
Isiin ammoo akka nadheen aadaa Waaqaa beettuu hujii dansaa haa hojjattuutii!
11
Nadheen calleessaa fi obsaan wayi barachuu malte.
12
Anin nadheen callisuu malte jedha malee, ha dhiira barsiiftu yokaan ha dhiira fiddu hin jedhu!
13
Wantii akkanaatiif durii qaraa Addaam uumanii, eegee Hewwaan uuman.
14
Addaam hin sobamnee, niitiin ammoo sobamtee seera Waaqaa cabsite.
15
Nadheen ammoo yo ijoollee dhaltee, dhugeeffachaa, jaalalaa, qulqulloomaa fi adaba dansaan teette baafamti.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6