bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Timothy 3
1 Timothy 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
1
Jechii, “Namii jaarasa dura deemaa gumii Waaqaa ta'uu fedhuu, waan ulfinnaa barbaada” jedhu kuniin ka dhugaati.
2
Jaarsii sun nama wallaala hin qamne, ka niitii tokko callaa qabu, ka qalbii dansaa qabu, ka amala dansaa qabu, ka ufii qorqoratu, ka nama keessummoomsuu fi ka akka dansaa namaallee barsiisuu danda'u ta'uu male;
3
innii nama machaa'ee namaan waldiduu fi nama horii jaalatu hin ta'inii, ammoo nama laanaa ka nagaya jaalatu ha ta'uutii;
4
Nama warra ufiillee akka dansaa qorqoratuu ka ijoollee ufiillee saalaa fokkoo barsiisuu ha ta'uu.
5
Wantii akkanaatiif namii warra ufiituu akka bulchu hin beennee, akkamiin danda'ee gumii Waaqaa bulcha?
6
Akka sheexanii durii ufi guddisee wallaala itti muran, akka akkasi ta'ee isaalletti hin murree, nama dhiyoo dhugeeffate hin ta'in.
7
Innii akka ceeree xuruuraa sheexanaa keessa hin seennee, nama namii alaalleen saadu ha ta'uutii!
8
Namii hujii gumii Waaqaa hojjatuu, nama adaba dansaa, nama dhugaa, ka ulfina nama irraa qabu ha ta'uu malee, nama arraba lama dubbatuu, nama horii guddaa argachuu fedhu, nama guddoo farsoo dhugee saabdaa'uun hin ta'inii!
9
Herrega dansaan aadaa fi dhugaa dhugeeffachaa teennaa ha jabeessuutii.
10
Qaraa ilaalanii ha qorqoratanii, yo waan hamtuu tokkollee irraa dhabanii hujii itti ha kennanii.
11
Nadheen warraalleen nama hin hamatin; adaba dansaa, qalbii dansaa fi dhugaa waan cufa keessaatti ha qabaattuu!
12
Namii hujii gumii Waaqaa hojjatuu niitii tokko callaa ha qabaatuu; ammallee ijoollee fi warra ufii akka dansaa ha qorqoratuu.
13
Warrii hujii gumii Waaqaa akka dansaa hojjatee, maqaa guddoo dansaa argate; ammllee dhugeeffachaa Yesus kiristoo irraa qabaniillee sodaa malee haasaan!
14
Anin yo ergaa tana sii barrseessuutti jiru sunii waan dhiyoottuu dhufee si argu seha.
15
Ammoo yo anin tureellee, ergaan tunin akka gumiin adaba dansaan mana Waaqaa keessa taa'uu maltee si beessifti. Manii sun mana gumii Waaqaa ka jireennaa, ka utubaa fi yayyaba waan dhugaati.
16
Namii tokkolleen akka dhossaan guddoon dhugeeffachaa teenna keessa jirtu danda'ee hin mormu! “Innii akka namaa ta'ee dhufee, akka innii qajeelaa hafuurii himee, ergamtootii Waaqaa isa agartee, gosa cufaatti waan isaa haasaanii, lafa cufa irraatti isa dhugeeffatanii, ulfinaan gubbaatti ol fuudhanii” jedhanii ya himan.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6