bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
1 Timothy 6
1 Timothy 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Akka namii tokkoolleen waan hamtuu maqaa Waaqaatii fi barsiisa teennaan hin jennee, tisseeleen cuftii ha abbootii ufiitii saalafattuu!
2
Mar. roo warrii obboleeyyan taateef tisseelleen abbootii ufii ta kiristaanaa hin tuffatinii, ka akka dansaa hojjattuufii, wantii akkanaatiif hujiin warraa, abbootii warraa ta dhugeeffattee warra jaalattu sunii wa baati. Wannii ati barsiiftee dubbachuu malte tana.
3
Namii barsiisa dhibii barsiisu, ta dubbii Aabboo Yesus kiristoo ta dhugaatii fi waan aadaan teenna nama barsiiftu diduu,
4
kiyyibaa homaa hin baane; innii dubbii walmormiitii fi waldiddaa callaa beeka, wantii kunin, qoxxee, waldiddaa, arrabaa fi wal quufa dhaba hamaan dhufti.
5
Warrii qalbiin isaanii baddee mataan isaanii waan dansaa hin herrenne, ka dhugaa irraa fuudhan, waan yo Waaqaatti dhugeeffatu akkasiin horii argatu ufi seha.
6
Dhugeeffachaan Waaqaa guddoo nama duroomsiti; yo namii sun waan qabu sifeefate.
7
Nu gara lafa tanaa waan homaanuu hin dhufniif, homaa fudhannee deemmuu hin dandeennu.
8
Tanaaf yo wayaa fi sagalee qabaannee nu geetti.
9
Warri durummaa fedhuu ilaallachaa keessa duudeettii, xuruuraa daallummaatii fi dharraa waan hamtuu ta badiitti nama harkiftuun qabamee bada.
10
Wantii akkannaatiif jaalaltii horii madda hammeena chufaat; namii garii guddoo dureessa ta'uu fedhee, akkanaan dhugeeffachaa irraa badee, guggubatee laaleffata.
11
Ati ammoo namii Waaqaa waan kana cufaa lagadhu! Waan dhugaa, ka Waaqii fedhuu ta dhugeeffachaa, jaalalaa, obsaa fi laanaa deemitii barbaad.
12
Utaalcha dhugeeffachaa keessaatti akka dansaa utaali! Jireenna hegerii argadhu! Wantii akkanaatiif marroo jireenna kanaatiif Waaqii gaafa atin dhugeeffachaa tantee gumii duraatti himattee, Waaqii si yaame.
13
Anin Waaqaa jireenna waan cufaa, kennuu fi Yesus kiristoo ka Phonxos Philaaxos duraatti waan dhugaa himaate duraatti sitti hima.
14
Haga guyyaa Aabboo keenna Yesus kiristoon mullatuutii asi seera cufaa, wallaala malee jabeessii guuti.
15
Yo fulaan geette, Waaqii eebbaa, ka innii callaan nama fidu, Hayyuun Hayyoota cufaa, Abbaan Abbootii cufaa, isa hinmullisa.
16
Ka hin doone, ka ibsee namii itti dhi'aachuu hin dandeenne keessa taa'u isa callaa; namii tokkolleen takka isa hin garre, hegeriillee hin argan. Ulfinnaa fi jabeennii haga jiruu jireennaa isaa ha ta'uu! Ee'e jenne!
17
Dureeyyii lafa tanaatiin ufi hin guddisinaa, abdii teessan durumaa lafa tanaa ta namii waan isii akka hin beenne irra hin keeyyatinaa, Waaqaa ka akka nu gammannu arjoommaan waan cufaa namaa kennu, irra keeyyadhaa jedhiin.
18
Horii kessan waan dansaan hojjadhaa! Hujii dansaan duroomaa! Arjaa ta'aa waan Waaqii tolummaan isani kenne cufaa waliin ga'aa! jedhiin.
19
Akkanaan hojjachaa yayyaba horii ka egerii namaa ta'uu, tolfatan; akka akkanaan, jireenna dhugaa argatan.
20
Ximootewoos, waan harka keetitti lakkisan jabeessi! Haasaa Waaqii hin feene, ka daallummaa, ka namii garii wallaalee “Beekkummaa” jedhuun lakkis.
21
Wantii akkanaatiif namii garii waan dhugeeffachaa sun qabu ufi sehee, dhugeeffachaa ufii balleese. Eebbitii Waaqaa isanii cufaa waliin jiraatinna!
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6