bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Ephesians 1
Ephesians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawulos; anin fedhi Waaqaatiin ergamaa Kiristoo Yesus tahee, gara gumii Waaqaa ta Efeesoon keessa jirtuu, ta jireenna ufitiin Kiristoo Yesus dhugeeffatteetti ergaa tana barreessa.
2
Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabbo keenna Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenniinna!
3
Waaqa, Abba Aabboo keenna Yesus Kiristoo ka nu eebbisee karaa Kiristoo gulaan eebba hafuura gubbaa cufa nuu kennee galata galchina!
4
Adoo lafa hinuumin, Waaqii marroo jaalala isaatiif, akka nu qulqulloomnee aaboo malee isa dura yaanu, karaa Kiristoo gulaan nu foohate.
5
Waaqii qaraa akka karaa Yesus Kiristootiin ilmaan isaa taanee, fedhii isaa gula guddifamuuf nu foohate.
6
Koottaa Waaqaa galata deebimnaa, akka kennamsii naasuu guddaan, innii karaa ilma ufii jaalateetiin nuu kenne sun galata argatu.
7
Innii dhiiga ufitiin nu bitee nu baasee, cubbuu teenna nuu araarame. Eebbitii Waaqaa ta innii qaroomaa fi maltee isaatiin guddisee waan guddoo nuu kenne.
9
Waaqii waan qaraa herrege tolche, waan dhossaa ta Kiristoon, guutuu duraattuu nu beesise.
10
Wantii Waaqii tolchuu fedhu, akka yo yohii ga'e, uumama lafa cufaa ka lafaa fi gubbaa jiru waltiin dhufee Kiristoo mataa tolchu.
11
Wantii cuftii akka fedhii herrega Waaqaa gula taati, ammallee Waaqii fedhi ufiitiin herrega isaa ka qaraa kaan gula, karaa Kiristoo gulaan nu foohatee nama ufii nu tolfate
12
Tanaaf nu warrii qaraa Kiristoo herregatu guddinna Waaqaa faarsina!
13
Isaniilleen akkuma gaafa dubbii dhugaa dhageettan, oduu dansaa ta baafamaan isanii dhuftee, isan Kiristoo dhugeeffattanii jennaanii Waaqii beessisa ufii isan irra keeyyattee Hafuura Qulqulloo ka kakate isanii kenne.
14
Hafuurii kun qabdoo teenna, akka nu waan Waaqii nu kakate argannu nu agarsiisa, ammallee akka Waaqii balchoomsa dhugaa warra ufiitii kennu hima. Guddinna isaa ha faarsinuu!
15
Mar. roo waan kanaatiif anin haguma dhugeeffachaa isan Aabbo Yesus dhugeeffattanii fi jaalala isan gumii Waaqaa jaalattan dhagayee,
16
marroo teessaniif Waaqaa galata galchuu hin lakkimne. Anin yo cufaa kadhachaa tiyya keessatti isan qaabadha,
17
ammallee Waaqaa Abbaa guddinnaatii fi ka Aabboo keenna Yesus Kiristoo kadhadhaa, akka innii hafuura isan qaroomsee Waaqaa isanitti mullisee isan barattaniin isanii keennu.
18
Wantii anin kadhadhu, akka qalbiin teessan banamtee ibsee isaa argitan, akka isan abdii innii itti isan yaamee fi eebba durummaa ta innii gumii isaatii kakate hubattan,
19
ammallee akka jabeennii isaa, ka nuu warra isa dhugeeffate keessa hojjatuu guddaa hubattan. Jabeennii kunin
20
kama innii Kiristoo du'a keessaa kaasee, harka ufii ka mirgaa gubbaa fulaa ufii teessiseen.
21
Kiristoon achiitti hayyoota gubbaa, jabeenna, irree fi nama jabaa cufaa fida; innii maqaa ulfinnaa ka lafa tanaatii fi ka hegeriillee cufaa irra jira.
22
Waaqii waan cufa ya miila Kiristoo jalaatti deebisee, akka innii mataa waan cufaa tahu, innii ya gumii Waaqaatti kenne.
23
Gumiin Waaqaa nafa Kiristooti; qixxooma isaati, ka waan cufaa fulaa cufaatti qixeessu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6