bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Ephesians 4
Ephesians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Anin ka marroo anin Aabboo hojjadhuuf na hindhan, isan kadhadhaa yaamicha Waaqii isan yaam gula yaa'aa.
2
Uf olhinfuudhinaa laanaa yaa'aa, waan cufaa obsaa. Jaalala teessan waldandeettiin agarsiisaa.
3
Nagaa takkaa isan tolchuun takkaa tahiitii, hafuurii namaa kennuu jabeessaa qorqooradhaa.
4
Akkuma abdiin Waaqii itti isan yaame tokkoo, nafii tokkoo, Hafuurii tokko,
5
Aabbaan tokko, dhugeeffachaan tokko, cuuphamii tokko callaatti jira.
6
Waaqii abbaa nama cufaa tokko callaatti jira; innii waan cufaa irra jira, waan cufaa keessa hojjata; waan cufaa keessa jira.
7
Nu namii cuftii yaayyuu herrega Kiristoo gula kennamsa naasuu arganne.
8
Tanaaf barreessiin qulqulloon, “Innii gaafa Waaqaa gubbaatti olba'e warra hidhan hedduu ufi gula fudhee, namaallee wa kenne” jette.
9
Duuba, “Innii Waaqaa gubbaatti olba'e” jechuun maal? Qaraa fiixee innii lafa jaalaatti gad bu'e jechu.
10
Namuma gad bu'e sunitti ammallee akka waan cufaa guutu achi gubbaatti oldeebi'e.
11
Isaatti wa namaa kennee, nama garii ergamaa, ka garii raaga, ka garii himtuu duubbii gammadaa, ka garii tissituu, ka garii barsiisota tolche.
12
Wantii innii waan kana tolcheef akka gumii Waaqaa cufaa hujii Waaqaatti kurufeessu, akka nafa Kirstoo jabeessan.
13
Duuba nuun cuftii garaa tokkoon, dhugeeffachaa teennaan, beekkumsa teenna ta ilma Waaqaatiin, waliitti dhumnee; nama gugurdaa taanee, haga Kirstoon gahuu geenna.
14
Itti deebinee ijoollee qilleensaa fi dhawaan galaanaa, dhodhooftu hintaanu, yokaan ta barsiisaan nama dharaa cuftii chochooftee malteen karaa irraa nama gorsitu hintaanu.
15
Ammoo jaalalaan dhugaa dubbanee karaa cufaan gara Kiristoo mataa keennaa, guddachuu malle.
16
Jabbeenna isaatiin nafii keenna cuftii tokko, ammallee nafii cuftii mittaa ufitiin waltti ejja. Tanaaf yo mittaan cuftii gara uftiin hojjattee nafii cuftii guddateetti jaalalaan jabaata.
17
Maqaa Aabbootiin anin waan kana jabeeseetti jedhaa, akka warra Waaqaa hinbeennee, ka qalbiin warraa homaa hinbeennee,
18
ka qalbiin ammaallee dukkana keessa jirtuu hintahin. Warrii waan daalla'e, ammallee mataa jabaateef, jireenna Waaqii kennu keessaa qooda hinqabu.
19
Ceera hinqabu hujii dabaatii ufi kenne, waan ceera ka akka cufaa ka irraa ufi hindhowine taha.
20
Wantii Kiristoo ka isan barattan ammoo akkasinitii!
21
Isan waan isaa ya dhageettan ammallee akka nama isa gula yaa'uu dhugaa Yesus keessa jirtu ya barattan.
22
Tanaaf jireenna keessan dullacha durii hamaa, ka waan isan durii taataan isan tolche, ka dharraan hamtuun balleesite baafadhaa!
23
Hafuurii garaaf qalbii teessan ha haaromsuu.
24
Jireenna haareessa akka wayaa, ka fakkeenna Waaqaa gula midhaassan, ammallee ka finna dhugaa ka qajeelumaa fi qulqulloomaan mullatu uyyifadhaa!
25
Itti deebitanii hinkiyyibinaa duuba! Namii cuftii ha obboleessa ufiitti dhugaa dubbatuutii; wantii akkanaatiif nuun cuftii nafa Kiristoo keessaati mittaa.
26
Yo dallantan dallansuun teessan cubbuu keessa isan hinseensisin! Dallansuun aduun isanitti hindhi'in!
27
Sheexanii qoommii hinargatin!
28
Namii durii wa hatuu ha hanna lakkisee hojjatuutii; akka harka ufitiin ufi bulchee hiyyeeyiillee qarqaaru.
29
Haasa keessatti dubbii dansaa nama qarqaartee jabeessitu ka namii dhaga'u eebba argatu callaa dubbadhaa malee, duubiin hamtuun afaan keessan keessaa hin ba'in!
30
Hafuura qulqulloo Waaqaa, hin laaleffachiisinaa; hafuurii kunin beessisa Waaqaa ka isan gubbaa jiru; ka akka guyyaan isan balchoomsan dhufu agarsiisu.
31
Garaa hammeennaa, walti goo'isaa fi dallansuu cufa lakkisaa; itti deebitanii walloltanii walhinarabsina! Ammallee walhinjibbina!
32
Ammoo arjaa tahaa walii na'aa; akkuma waaqii marroo Kiristootiif cubbuu teessan isanii araarame, walii araaramaa!
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6