bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Ephesians 3
Ephesians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
1
Mar. roo waan kanaatiif anin Phaawulos, ka waan Kiristoo Yesusii ajajamee isanii gosa dhibiitii dhugeesseef hidhan,
2
dhugumaan isan hujii kennamsa naasuu Waaqaa, ka isanii jedhanii natti kennan ya dhageettan.
3
Waaqii herrega isaa ka dhossaa natti mullisee na beesise. Anin waan kana ya diqqoo tokko barreesse,
4
yo waan an barreesse dubbiftan, akka anin waan dhossa ka Kiristoo hubadhe ingartan.
5
Durii waan dhossaa kana namaatti hin himan, amma ammoo Waaqii ya hafuura ufitiin ergamtoota ufii qulqulloo fi raagotaatti mullise.
6
Wantii dhossan tunilleen, warrii gosa Yihudii hinta'inilleen, marroo oduu dansaatti dhugeeffateef, akkuma Yihudiin argatte, eebba Waaqaa argata; warrii cuftii mittaa nafa tokkooti, kakuu Waaqii karaa Kiristoo Yesusiitiin tolcheellee inargata.
7
Waaqii kennamsa naasuu, ka ufitiin hojjataa oduu dansaa na tolchee, eebba sun jabeenna hujii ufitiin naa kenne.
8
Anin gumii Waaqaa cufa keessaa diqqaa, Waaqii ammoo hujii gosa dhibiitti oduu dansaa himan natti kenne, akka duruummaa Kiristoo ta hindhumanne barsiisu,
9
ammallee akka namii cuftii mala Waaqaa ka dhossaan amma guutan argu. Waaqii, ka waan cufaa uume, durii mala ufii dhoffate,
10
akka yo kana, gumii Waaqaatiin, hayyoota ergamtoota Waaqaa fakkaattuu fi jabeennii Waaqaa gubbaa jiru cuftii qarooma Waaqaa ka akka akka jiru baratu.
11
Waaqii herrega ufii ka jiruu jireennaa, ka Kiristoo Yesus Aabboo keennaan guute gula waan kana tolche.
12
Nu waan karaa Kiristootiin isa dhugeeffanneef, ceeraa fi sodaa malee fuula Waaqaa dura dhufu indandeenna.
13
Tanaaf anin isan kadhadhaa, waan anin marroo teessaniif gaargaleef ufi hinjibaatinaa; wantii kun cuftii isanii olaantii.
14
Mar. roo waan kanaatif anin Aabboo duraatti jilbiifadha.
15
Innii abbaa warra cufaa, ka namii lafaa fi gubbaa jiruulleen maqaa dhugaa irraa argatu.
16
Anin akka innii durooma guddinna ufitiin jabeenna Hafuura Qulqulloo ka garaa keessan jabeessu isanii kennu Waaqaa kadhadhaa.
17
Ammallee akka Kiristoon, marroo dhugeeffachaatiif garaa keessan keessatti qubatu, akka hiddaa fi yayyabii keessan jaalala keessa taa'uu,
18
akka isan, gumii Waaqaa waliin, hubachaa jaalala Kiristoo argattan, akka jaalaaltii sun, ballinnaan, dheerinnaan, olfagennaan, gad qilummaalleen, fulaa cufa geettu,
19
akka jaalala isaa adoo namii danda'ee cufa barachuu baatellee barattanii akkanaan qixxooma Waaqaatiin guutamtan anin in kadhadha.
20
Innii humna isaa ta nu keessatti hojjatuun waan nu kadhanuu fi waan nu yaaduu dandeennuullee cufaa irra nuu kennu danda'a.
21
Tanaaf yo cufaa karaa Kiristoo Yesusitii fi gumii Waaqaa gulaan Waaqaa dhaloota cufaa, keessatti ammaa fi hegeriille guddinnii ha tahuuti! Ee'e jenne
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6