bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Ephesians 6
Ephesians 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Ijoole, marroo Kiristootii fi haadhaafi Abbaa keessanii saalfadhaa, wantii kunin waan tolchuu malan.
2
Jechii “Haatetii abbeetii saalfadhaa” jedhu kuni seera kaku abdi itti daran keessa ka qaraati;
3
kakuun sun, “Akka lafa Aabboo Waaqii sii kennu keesaatti lubbuun tantee dheeratu” jetti.
4
Aabbooti, ijoollee teessan hin hifachisnaa, ammoo barsiisaa fi gorsa Aabbootiitiin guddisaa!
5
Tisseelee, abbootii teessan sodaa fi hollachaan caqasaa, akkuma waan Kiristoo hojjattanii garaa tokkoon hojjadhaaf.
6
Warra gammachiisuuf jettanii yo warrii isan laalu callaa hin hojatiinaafii, ammoo akka tisseellee Kiristoo garaa keessan cufaan waan Waaqii fedhu tolchaa!
7
Hujii teessan ta tissee akka waan namaa hojjatanii adoo hinta'in, akka waan Aabboo hojjatanii gammadaan hojjadhaa!
8
Akka Aabboon nama cufaa, tissee yokaan balchaa tanaaniillee, marroo hujii dansaa innii hojjatuutiif galata kennuu, qaabadhaa!
9
Aabbooti tisselee, tisseelee teessanii akkuma sun tolchaa! hinsodaachiisiinaa! Akka isanii fi tisseleen teessaniilleen abbaa takko ka nama cufaa waan takkaa tolchuu Waaqaa gubbaa qabdan qaabadhaa!
10
Armaa achi, karaa Aabbootii fi irree isaa guddoon jabaadhaa!
11
Akka maltee sheexanaa dabsattan, miha lolaa ka Waaqii isanii kennu cufaa guuradhaa!
12
Wantii akkanaatiif nu namaan wali hadhuutti hinjirruu, ammoo hafuura hamaa lafaa fi gubbaa jiru, ka jabeennaa fi irree gubbaa ta bara dukanaa ta'een walhadhuutti jira.
13
Tanaaf akka yo guyyaan hamaan dhufe dandeetanii irree nyaaphaa dabsattanii, eegii haataniillee duddaduuba hindeebinee, ammaatana miha lolaa ka Waaqaa hidhadhaa!
14
Tanaaf kurfoo taa,aa eegadhaa; dhugaa akka gurdaa hidhaanaatti hidhadhaa; qajeelummaan hammeenna qoma teessan irraa dhowwadhaa!
15
Akka yo cufaa oduu dansaa nagaa akka kophee keeyattan kurfoo taa'aa!
16
Akka xiyyaa bobeettu ta hamaan Kaan darbatu dhaamfitan yo cufaa dhugeeffachaa akka wantee qabadhaa!
17
Baafama akka koofiyaa sibiilaa keeyyadhaa, dubbiin Waaqaalleen ha goraadee hafuurii isanii kennu taatu.
18
Waan kana cufaa kadhachaan tolfadhaa qarqaarsa Waaqaa kadhadhaa. Yo cufaa akkuma hafuurii isan garsiisu Waaqaa kadhadhaa! Mar. roo waan kanaatif yo cufa ufii hinjibaatinaa kurfaa eegadhaa, yo cufa gumii Waaqaatii kadhadhaa!
19
Akka Waaqii yo anin dubbachuu fedhu, dubbii anin jabeennaan dubbadhu naa kenne dhossa oduu dansaa mullisuu, anaallee Waaqaa kadhadhaa!
20
Adoo anin amma hindhaansa keessa jiraadheellee marroo oduu dansaa tanaatiif garana na ergan. Tanaaf anin akkuma tolchuu male jabeessee akka dubbadhu Waaqaa naa kadhadhaa.
21
Akka isan waan anin keessa jiru hubattan Xikiqoos, oboleesa keennaa fi hojjataan keenna ka dhugaa hujii Aabbootiif dhugeeffate, oduu tiyya cufa isaniitti hima.
22
Akka waan nuun cuftii keessa jiru innii isan beesisee garaa isan jabeessu anin isa gara keessan erga.
23
Waaqaa Abbaa kennaatii fi Aabboo Yesus Kiristootiin nagaa fi jaalala dhugeeffachaa waliin obboleeyyan cufaa kenninna!
24
Eebbitii Waaqaa jaalala hindhumanneen nama Aabboo Yesus Kiristoo guddoo jaalatu cufaa waliin taa'inna!
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6