bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Ephesians 2
Ephesians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
1
Durii isan cubbuu fi wallaalaan lubbuu dootan.
2
Yo sun karaa lafaa ka dabaa gula yaatan, hayyuu jabeenna ka qilleensa caqaftan, ka hafuura warra amma Waaqaa hincaqamnee moohatu.
3
Nuun cuftii durii akka warra sunii jirra, dharraa nafa keennaa gula yaanee waan nafaa fi qalbiin teenna feetu callaa tolchine, ka silaa akkuma nama cufaa Waaqii nulleetti dalanuu male.
4
Ammoo naasuun Waaqaa guddoo; innii guddoo nu jaalata;
5
Eeguma nu dabaan doone, Kiristoo waliin du'a keessaa nu kaasee; isan kennamsa naasuu Waaqaatiin baafamtan.
6
Innii Kiristoo waliin du'a keessaa nu kaase, akka isa waliin gubbaa nu teessisu.
7
Wantii innii waan kana tolcheef, akka yo cufaa durooma eebba isaa, ka innii Kiristoo Yesus keessaa qabu, nu agarsiisu.
8
Mar. roo kennamsa nasuu Waaqaatiif isan baafama argattan, karaa dhugeeffachaa gula. Waan isan ufiin tolfattaniiniti, ammoo tola Waaqii isanii kenne.
9
Wantii isan ufi guddiftaniif hinjirtu, wantii akkanaatiif wantii kunin waan isan ufiin tolfattaniiniti.
10
Nu uumamaa Waaqaati, ammallee Kiristoo Yesus keessa innii ya nu uume, akka hujii dansaa ta innii herrege nu kurfeesee keessa teennu.
11
Isan warrii dhaloota gula gosa dhibii, ta Yahudiin warraa dhaqaanqabaa hinqabanne jettuun, ka ammoo ufiin nu warraa qabate jedhu (ta waan namii nafa ufii tolchuu), waan durii keessa jirtan qaabadhaa.
12
Gaafas isan Kiristoo irraa fagoo jirtan. Isan ormaa, gumii Waaqaa ta foohatan keessa hinjirtan. Waldhaqiisa Waaqii gumii isaati kakate keessaa hinqabdan. Lafa tana keessa Waaqaa fi abdi malee teettan!
13
Ammoo amma Kiristoon takkaa taanaan, isan warrii durii fagoo jiru ya dhiiga Kiristootiin gadi dhi'aattan.
14
Wantii akkanaatiif Kiristoon ya Yahudii fi gosa dhibiillee takkaa tolchee nagaan nu dhufe. Nafa ufitiin dallaa warra gargarii qoodee nyaapha walti tolche cabse.
15
Seera Yahuditii fi aadaa seera sunii cufaa balleessee, gosa tana lamaan walti naqee, akka nagaan nuu dhufu, gosa haara tokko ufiin uume.
16
Du'a isaa ka fannoo gubbaatiin Kiristoon waljibbitii balleesse; fannoo ufitiin innii gosa lachuu takkaa tolchee Waaqatti deebise.
17
Tanaa fi Kiristoon dhufee, oduu dansaa nagaa gosa cufatti hime isanii gosa dhibii ka Waaqaa irraa guddoo fagoo jirtanii fi Yahudiillee, ta isaatti dhi'aattu.
18
Mar. roo Kiristootiif nuun cuftii, gosa dhibii fi Yahudiilleen, hafuura tokkoon fuula Abbaa dura dhumna.
19
Tanaaf isan warrii gosa dhibii ardhaa achii ormaaniti, yokaan keessummaaniti; isan warra qulqulloo waliin amma gumii lafaa, warra Waaqaa!
20
Isaniilleen yayyabuma ergamtootaa fi raagootii keette irratti isan jaaran, ka dhakaan jabaalleen Kiristoo Yesus.
21
Isatti mana cufa walti qaba, akka manii sun mana Aabboo qulqulloo tahee guddatu.
22
Isaniillee, karaa isaatiin nama dhibii waliin, jaaruutti jiran, akka mana Waaqii hafuura ufitiin keessa taa'u taatan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6