bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Ephesians 5
Ephesians 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Waan ijoolee Waaqii jaalatu taataniif, Waaqaa fakkaachuu maltan.
2
Akkuma Kiristoon nu jaalatee, sooriyoo dansaa fooleen Waaqaa gammachiiftu, nuu ta'ee lubbuu ufii nuu kennee, isaniilleen jaalalaan jiraadhaa.
3
Isan marroo gumii Waaqaa taataniif waan shaarmuxoomaa ka xuritii fi ka sabdoomaa jidduu teessanitii maaqalee hindha'inaa.
4
Dubbii xuritii, ta daallumatii fi ta hinfakkaanne jechuu himmalle. Ammoo waan cufaa keessatti silaa Waaqaa galata galchuu maltan.
5
Waan kana akka dansaa beekuu maltan; namii algalii, qulqullummaa hin qamne, sabdiin (ka Waaqaa wallaalee waan namii harkaan midhaassu kadhatu) qooda mootummaa Kiristootii fi ka Waaqaa keessaa hinqabu.
6
Namii tokkolleen dubbii kiyyibaa ta dharaatiin isan hinsobin; marroo waan kanaatiif dallansuun Waaqaa warra isaa hincaqamneetti dhufti.
7
Tanaaf nama akkanaa kana lagadhaa!
8
Isanumaanuu durii dukkana keessa jirtan, ammoo haga gumii Aabboo taatanii, ibsee keessa jirtan. Tanaaf akka nama ibsee keessa jiruu taa'uu maltan.
9
Ibseen midhaan dansoomaa, ka dhugaatii fi ka qajeelumaatiin dhufti.
10
Waan Waaqaa gammachiisaa jabaadhaa baradhaa!
11
Nama waan homaa hinbaane tolchu, ka dukkana fedhu, diidaattii baassaa mallee, waan isaa keessaa hinseeninaa!
12
Yo waan warrii dhossaan tolchu haasaan waan ceeraati.
13
Ammoo wantii ibseetti baasan cuftii akka dansaa mullatti;
14
wantii mullisan sun cuftii ibsee taati; wantii, “Ka'ii, nama rafe, du'a keessaa ka'i, Kiristoon sii ibsaa” jedhaniif tana.
15
Tanaaf deemmaa teessan keessa akka dansaa ufi qorqoradhaa! Akka nama homaa hinbeennee hintahiinaa, akka nama qaroo tahaa!
16
Barii kun hamaa yo qoommii argattan cufaa waan dansaa tolchaa!
17
Hindaalla'inaa, fedhii Aabboo Waaqaa hubadhaa!
18
Daadhiin hinmacha'iinaa, wantii kun isan balleesiti; fulaa sun hafuura Waaqaatiin guutamaa!
19
Dubbii faarutii fi ta sirba Waaqaatiin walhaasaa; faaruu Aabboo garaa keessan keessatti gammadaanii dhahadhaa!
20
Waan cufaa keessaa fi yo cufaa Maqaa Aabboo Yesus Kiristootiin Waaqaa Abbaatii galata galchaa!
21
Mar. roo Kiristoo saalfattaniif, walii ceeraa!
22
Nadheen ka akkuma Aabboo ceertu dhiirsota ufitiillee ceertuutii!
23
Akkuma Kiristoon mataa gumii isaa, dhiirsiilleen mataa niitii isaati; Kiristoon fayyisaa gumii Waaqaatii, gumiin Waaqaa ammoo nafa isaati.
24
Tanaaf akkuma gumiin Waaqaa Kiristoo ceertuu, nadheenilleen waan cufaan dhiirsota ufiitii ceeruu malte.
25
Dhiirsota, akkuma Kiristoon gumii ufii jaalatee nafa ufii kenneef, isaniilleen akkasuma nadheen teessan jaaladhaa!
26
Innii eegii bisaan dhiqe, akka dubbii ufiitiin gumii ufii qulqulleessu waan kana tolche,
27
akka gumii ufii midhaagumaa fi qulqulloomaan, wallaalaa fi bobottollee fi waan qixxee hintahiin malee ila ufii duraan dhufu.
28
Dhiirtii akka ufi jaalattu niitii ufii jaalachuu malte. Namii niitii ufii jaalatu ufi jaalata.
29
Namii ufi jibbu hinjiru, ammoo namuu ufi soora, Kiristoolleen gumii Waaqaatii akkasuma tolcha;
30
wantii akkanaatiif nu mittaa nafa isaati.
31
Mar. roo waan kanaatif barreessiin, “Dhiirtii abbaa fi haadha ufii lakkiftee niitii ufitiin takkaa taati, jarii lamaan nafa takkaa taha” jetti.
32
Dubbii dhugaa guddootti barruu tana keessaa mullata; isiin, akka mala kiyyaatti, Kiristoo fi gumii Waaqaa baanti.
33
Ammoo isaniillee inbaanti; dhiirtii cuftii niitii ufii akka ufi jaalattu jaalachu malte; nadheelleen dhiirsota ufiitii ha saalfattuu!
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6