bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Galatians 1
Galatians 1
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Maqaan kiyya Phaawulos, anin ergamaa ta'ee namaan hindhumne, yokaan nama tokkollee biraa hindhumnee, ammoo karaa Yesus Kiristootii fi Waaqaa Abbaa, ka du'a keessaa isa kaaseen dhufe.
2
Obboleeyyan arma na waliin jirtu cuftii gumii Galaatiyaa jirtuu nagaa dhaamti.
3
Waaqaa Abbaa keennaatii fi Aabboo Yesus Kiristoon eebbaa fi nagaa isanii kenninna!
4
Akka dhaloota hamaa kana keessaa nu baasu Kiristoon marroo daba keennaatiif ufi baasee, fedhii Waaqaa Abbaa keennaa guute.
5
Guddinnii haga bara baraallee Waaqaa ha ta'u! Ee'e jenne.
6
Isan guddoo na mamsiiftan! Yoosuu nama eebba Kiristootiin isan yaamee lakkiftanii, oduu dhibii gula yaatan.
7
Oduun dhibiin hinjirtuu, anin ammoo waan kana, waan namii garii ka isan gaargalche oduu Kiristoo gaaragalchuu fedhu jiruuf jedhe.
8
Ammoo yo nu, yokaan ergamaan gubbaa ba'ee, oduu nu armaan dura isanitti himne irraa gorsee ta dhibii isanitti himee, namii sunin ha abaaramuutii!
9
Akkuma armaan dura isanitti himnee, anin ammallee irra deebi'eetti isanitti himaa; namii tokkolleen yo oduu isan qaraa fudhattan irra ta dhibii isanitti himee, namii sun ha abaaramuutii!
10
Wantii kunin waan anin jaalala namaa barbaadu fakkaattii? Hiyyoo! Anin jaalala Waaqaa callaa barbaada! Anin nama hedduu ka na oowisu fedhaa? Anin yo silaa waan sun fedhe, hojjataa Kiristoo hintahu.
11
Obboleeyyan tiyya amma waan kana isanitti hima! Dubbiin dansaan anin haasa'uu ta namii mataa ufitiin baafateeniti.
12
Anin nama tokkoollee irraa hinarganne, yokaan namii tokkolleen na hinbarsiimnee, Yesus Kiristootti natti mullise male.
13
Akka anin gaafa durii aadaa warra Yihudii keessa jiru, naasuu malee gumii Waaqaa gaargalchee balleessuu itti ka'e la dhageettan.
14
Aadaa Yihudii keessaatti anin hariyyoota tiyya cufaa irra jira. Aadaa ababoota teennaa akka malee jabeese.
15
Waaqii ammoo adoo anin hindhalatin eebba isaatiin na yaamee akka anin isaa hojjadhuu na foohate.
16
Gaafa innii akka anin gosa dhibiitti oduu dansaa haasa'uu Ilma ufii natti mullisee, anin gara nama tokkollee gorsaa hindhandhe,
17
yokaan Yerusaalem dhaqee warra na duraatti ergamtoota tahe arguu hindhandhe. Ammoo yoma tokkoon lafa Arabaa dhaqee, eegee Damaasqootti deebi'e.
18
Eegee ganna sadii turee, Phexros irraa oduu fuudhuuf Yerusaalem dhaqee, torbaan lama fulaa isaa taa'e.
19
Anin Yaqoobii obboleessa Aabboo malee, ergamtoota dhibii tokkollee hingarre.
20
Dhugumaa Waaqaatii wantii anin barreessu kunin waan kiyyibaatiinitii waan dhugaati!
21
Anin eegii sun lafa Sooriyaatii fi ta Qiliiqiyaa dhaqe.
22
Haga kana cufa gumiin Kiristaanaa ta Yihudaa keessa jirtu fuulaallee na hinbeettu.
23
Waan biyyitii waltii haasoofte, “Namiichii durii nu gaargalche kaan amma dhugeeffachaa durii balleessuu fedhe taan ta'ee barsiisa!” jette callaa beekhan.
24
Tanaaf marroo tiyyaaf warrii Waaqaa gaalata deebise.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6