bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Galatians 6
Galatians 6
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Obboleeyyan tiyya, yo namii adoo hinbeekhin wallaala keessa seenee, isan warrii hafuura Waaqaa qabu ha isa qajeelchuutii, ammoo karaa laanatiin tolchuu maltan! Isanuu akka ilaalachaa keessa hinseenne ufi eeggadhaa!
2
Ulfinna walii baadhaa! Karaa kanaan seera Kiristoo guuttanii.
3
Namii yo adoo homaa hinbaanee waan wa ba'u ufi sehee, innii ufi daalleessuu jira.
4
Namii cuftii hujii ufii laaluu male. Yo dansaa taatee, adoo waan namii dhibiin tolcheen wali bira hinqamnee, ha waan tolcheen ufi guddisuutii.
5
Wantii akkanaatiif namii cuftii ba'aa ufii baachuu male.
6
Namii dubbii Waaqaa barsiisaan ha waan dansaa cufa nama isa barsiisuu waliin qoodatuu.
7
Ufi hinsobinaa; namii tokkoolleen danda'ee Waaqaa hindaalleefatu. Namii cuftii homa oobre murata.
8
Namii waan nafii isaa fedhu callaa oobrate, du'a murata. Yo waan hafuurii feedhu callaa oobrate, hafuurii sun irraa jireenna bara baraa argata.
9
Tanaaf waan dansaa tolchuu dadhabuu hin malle; wantii akkanaatiif yo nu hin dadhabin, yo'ii nu murannu indhufa.
10
Tanaaf haga qoommii qamnu nama cufaa waan dansaa tolchuu malle, keessumaa warra dhugeeffachaa akka teennaa qabuu.
11
Akka anin harkuma kiyyaan gugurdisee barreessu laalaa!
12
Warra ufi guddisuu fedhu, ka waan mullataatiin kiyyibutti, dhaqaanqabaa isanii qabu fedha. Wantii warrii akkasii tolchuuf akka fannoo Kiristootiif hingaargalle.
13
Warrii dhaqaanqabaa qabatuulleen seera gula hin yaa'u, warrii akka isan aadaa dhaqaanqabaa tana qabattan fedha, akka akkasiin aadaa nafaa ta isan tolfatan tanaan, ufi koorsu.
14
Anin ammoo waan fannoon Aabboo Yesus Kiristoo callaa saada; fannoo tanaaf laftii gara kiyyaan dootee, aniilleen gara lafaatiin du'e.
15
Dhaqaanqabaa qabachuu fi qabachu dhabuun womaa hinbaatu; wantii waba'a uumama haaraa ta'iisa.
16
Warra aadaa tana gula yaa'u, nagaa fi naasuun warraa fi Waaqaa israa'elille waliin hateettu
17
Armaa achi, namii tokkoolleen na hingaargalchin; wantii akkanaatiif gadaannisii nafa kiyyaa akka anin tissee Yesusii agarsiisa.
18
Obboleeyyan tiyya Eebbitii Aabboo keenna Yesus Kiristoo isan cufaa waliin jiraatinna! Ee'e jenne.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6