bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Galatians 2
Galatians 2
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
1
Ganna kudhanii afuriin duubaatti Baarnaabaas waliin Tiitoollee fudhanee Yerusaalem dhandhe.
2
Wantii anin deemeef waan Waaqii, akka anin deemuu malee, na garsiiseef. Kora kophaa keessaatti anin oduu durii gosa dhibiitti haasa'ee jaarroleetti hime. Anin hujii tiyya ta duriitii fi ta ammallee akka isiin baddu hinfeene.
3
Waahela kiyya Titoos, adoo innii Giriikii ta'eellee, namii tokkolleen Qabaanqabaa qabadhu hinjenneen,
4
ammoo jarii garii obboleeyyaan ufi tolcheetti, dhaqaanqabaa qabuuf fedhe; warrii sun akka balchooma nu karaa Kiristoo Yesusiitiin qamnu argee tissee nu tolchu, akka jaajusaa gumii teenna seene.
5
Nu waan dhugaa oduu dansaa balleessuu hinfeeneef diqqoo tokkollee warra jalaa hinlaamne.
6
Warrii ammoo nama gugurdaa fakkaatta; anin waan kana marroo waan warraa hin yaalleef jedha, Waaqii nafa namaa gula nama hinqoru, jaarroleen tun waan haaraa ka herredde tokkollee na hindarre.
7
Warrii ammoo akka Waaqii hujii oduu dansaa, akkuma ta Yihudiitti himan Phexrosiitti kenne, ta gosa dhibiitti himan natti kenne arge.
8
Akkuma Phexros ka Yihudii tahe, aninilleen jabeenna Waaqaatiin ergamaa gosa dhibii barsiisu tahe.
9
Yaaqoob, Phexrosii fi Yoh. aannis, jarii jaarrollee fakkaatu, akka Waaqii hujii tana naa kenne arginaan, naa fi Baarnaabaasiillee jedhanii nu gula galanii, nu akka nama takkaa taanee gosa dhibii keessa hojjannu, warrii ha Yihudii keessa hojjatuu jenne walti buufanne.
10
Warii akka waan hiyyeeyyii qarqaarsaa callaa herrennu nutti hime; suniilleen homa qaraa garaan na fedhe.
11
Gaafa Phexros Anxokiyaa dhufee, anin waan innii wallaala tolcheef gumii duraatti isaan morme.
12
Adoo namii Yaaqoob erge achiin hinbahiin, Phexros gosa dhibii waliin sagalee nyaate. Ammoo warrii kaan dhumnaan waan jara gosa dhibii dhaqaanqabaa qabuu fedhe kaan sodaateefii, gosa dhibii waliin sagalee nyaachuu dide.
13
Obboleeyyan Yihudii taalleen akkuma Phexros sodaate; Baarnaabasiiyyuu sodaatee warra gula deebi'e.
14
Akka warrii daandii qajeeltuu waan dhugaa ta oduu dansaa gula hindeemne arginaan, anin gumii duraatti Phexrosiin, “Atin gosa Yihudiitii, ammoo akka gosa dhibii ta'uu jirataa, duuba akkamiin dandeettee gosa dhibiin akka Yihudii ta'aa jetta ree?” jedheen
15
Nu dhalootii keenna Yihudii malee, gosa dhibii ta cubbamteeniti.
16
Ammoo nu akka dhugeeffachaa Yesus Kiristootiin qulqullummaa namaa herregan inbeenna; seera guutitiin homaa keessa hinjirtu. Wantii nuulleen Kiristoo Yesus dhugeeffanneef akka dhugeeffachaa nu Kiristoo dhugeeffanneen qulqullummaa nuu herregan, ammoo seera guutitiin hintaatu. Wantii akkanaatiif seera guutitiin nama tokkollee qulqullummaa hinherregan.
17
Yo adoo nu akka karaa Kiristootiin dhugaa nuu herregan barbaannuu, ammoo akkuma gosa dhibii cubbuu nurraatti arganii, Kiristoon waan cubbuutiin dhufe ree? Hiyyoo, akkasiiniti!
18
Anin yo waan durii cabse deebi'ee jaaree, akka anin akka nama seera cabsuu jiru agarsiifti.
19
Seera gula anin ya du'e; seeraatti na ijjeesse akka anin Waaqaa jiraadhu. Ya Kiristoo waliin mukaa irraatti na fannisan,
20
namii amma jiru ananiti, Kiristootti na keessa jira male. Anin jireenna amma jiru kana marroo dhugeeffachaa Ilma Waaqaatiif jira, ka na jaalatee jireenna ufii naa baase.
21
Anin eebba Waaqaa hindidu. Yo seera guutitiin dhugaa namaa herregan, yoos Kiristoon ufumaa du'e!
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6