bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Galatians 5
Galatians 5
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Akka nu balchoomaan teennu, Kiristoon ya balchoomaatti nu baase! Tanaaf akka balchaa ejaajjaa, itti deebtanii tissee hintahiinaa!
2
Caqasaa! Anin Phaawulos, waan kana isanitti himaa, dhaqaanqabaa qabattaniif kiristoon homaa isanii hin bahu.
3
Akka namii dhaqaanqabaa qabatu cuftii jabeessee seera gula yaa'uu male, anin irra dedeebi'ee waan kana himuu fedha.
4
Isan warrii seeraan akka qulqulluummaa herreganiif feetan, la Kiristoo irraa ufi kuttanii, eebba Waaqaa irraa ala jirtan.
5
Nu akka Waaqii jabeenna hafuura Waaqaa ka dhugeeffachaa teenna keessa hojjatu suniin, qulqulluummaa nuu herregu in eeganna.
6
Wantii akkanaatiif nu yo karaa Kiristoo Yesus keessa jiraannee, dhaqaanqabaa qabachaa fi qabachuu dhabuulleen haga tokkotuu; wantii jabduun dhugeeffachaa, jaalalaan hojjattu.
7
Isan qara waan dansaa tolchitanii! Amma ammoo akka isan dhugaa hinguunne eentu isan dhowwe? Innii akkamiin isan sosobe?
8
Waaqii isan yaamee akkas isan hintolchine.
9
Bukoo diqqoo tokkootti sagalee guddoo bukeessa.
10
Anin ammoo akka isan waan dhibii hin herrenne karaa Aabboo gulaan guddoo isan dhugeeffadha; ammallee abbaa feete taanaaniillee nama isan gaargalchu, Waaqii hingaargalcha.
11
Ammoo obboleeyyaan tiyya, anin yo dhaqaanqabaa qabachuu maltan jedhee barsiisee, ammallee maaf na gaargalchan ree? Yo anin dhaqaanqabaa qabachuu maltan jedhee barsiisee ergaan fannoo Yesus Kiristoo gufuu namatti hintaatu.
12
Warrii isan gaargalchu kun adoo silaa ufi kolaasee irra dansaayyuu!
13
Obboleeyyan tiyya, isan akka balchaa taataniif isan yaamanii, jaalalaan walii ergadhaa malee, dharraan nafa keessanii balchooma dabsattee isan hin moohatin!
14
Seerii cuftii seera tokkocha, “Nama cufaa akkuma ufii jaalattuu jaaladhuu” jedhuu keessa jira.
15
Isan ammoo yo akka bineensaa taatanii walhaatan, akka wal hinballeesin eegadhaa!
16
Anin ammoo, “Hafuuraan qajeelfamaa jiraadhaa malee, dharraan nafa keessanii isan hinmoohatin” jedha
17
Wantii nafii keenna fedhu waan hafuurii fedhuuniti; waan hafuurii feedhuullee nafii hinfedhu, warrii walii nyaapha; tanaaf waan tolchuu feetan dandeettanii hintolchitan.
18
Yo hafuurii isan qajeelche ammoo seera jalaa jirtan.
19
Wantii nafii fedhu diiduma teetti; walbaraachaa, xurii fi hujii hamtuu;
20
falfalumaa fi waan harkaan bocan kadhatan. Namii nyaapha walti tahee, walhadhee, walqoxxisee, walti dallanee, ufi jaalatee, gargarii wali qoodee,
21
walmorkee, farsoo dhugee machaahee, walballeessee, waan hamaamtuu akkanaa hedduu tolcha. Anin akkuma durii isanitti hime ammallee isanitti himaa, namii waan akkanaa kana tolchu mootummaa Waaqaa hinargatu.
22
Buhaan hujii hafuuraa ammoo, jaalalafaa, qiliixamsufaa, nagafaa, obsafaa, naasufaa, dansoomafaa, dhugeeffatamufaa,
23
ufi diqqeesitii fi ufi qorqorachaa dhalti. Wantii kun tokkolleen seera hinqabdu.
24
Warrii Kiristoo Yesus gula yaa'u ammoo nafa ufii, dharraa fi fedhii isaa cufa waliin ya ijjeesse.
25
Hafuurii ya jireenna nuu kennee, nulleen isaan jiraachaa gula yaa'uu malle
26
Nu ufi saaduu hin malle, waldalansiisuu hin malle yokaan walqoxxisuullee hin malle.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6