bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Galatians 4
Galatians 4
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Laalaa, gurbaa abbaa dhaalu haga innii diqqaa cufa, adoo wantii cuftii ta isaa taateellee yo cufaa akkuma tissee tolchanii.
2
Haga guyyaan abbaan dhaamatu gahuutti, haga innii diqqaa nama isa qorqoratee waan isaa cufaa tissuti jira.
3
Akkasuma nulleen gaafa durii hafuuraan ijoollee, tissee qilleensa lafaa fiduuti.
4
Ammoo yo'ii geennaan, Waaqii ilma ufii erge. Haadha namaatti isa dhale; seera Yihudii keessaa dhalate,
5
akka warra seera jala jiruu balchoomsu; akka nu ilmaan Waaqaa taanu.
6
Waaqii akka, akka nu ilmaan isaa agarsiisu, hafuura ilma ufii ka Aabboon, Aabboo kiyyaa jedhu ergee garaa keenna keessa kaaye.
7
Tanaaf armaa achi atin karaa Waaqaatiin tisseenit, ilma malee; waan atin ilma isaa taateef Waaqii dhaala ufii cufaa sii kenna.
8
Durii isan Waaqaa hinbeettanii, tanaaf tisseellee waaqaa dharaa taatan.
9
Amma ammoo waan isan Waaqaa beettaniif yokaan waan Waaqii isan beekuuf, akkamiin dandeettanii herrega lafaa ka homaa hinbaane ka du'eetti deebitan? Maaf deebitanii tissellee warraa tahuu feetan?
10
Isan guyyaa, ji'a, gannaa fi bara herreddani!
11
Anin waan keessan insodaadha; hujiin anin jidduu teessaniti hojjadhe cuftii ufumaa baddii?
12
Obboleeyyan tiyya, anin isan kadhadhaa akka kiyya tahaa! Anilleen akkuma keessan jira; isan homaa natti hindamne.
13
Ani gaafa qaraa fiixee oduu dansaa isanitti himee, akka anin fayyaa hintahiin isanuu in beettan.
14
Taatuullee gaafas adoo nafii kiyya gufuu isanitti ta'eellee isan akkuma ergamaa Waaqaa, akkuma Kiristoo na fudhattan malee, na hintuffanne yokaan na hin dinne.
15
Isan gaafas guddoo gammaddanii, amma ammoo maantii lafa dhufe ree? Gaafas adoo dandeettanii akka isan ila teessanuu ufi keessaa fuutanii naa kennitan anuu isanii dhugaa!
16
Amma dhugaa isanittii himnaan nyaapha keessan tahee ree?
17
Jarii kaan guddoo isan sosoba, ammoo dansumtii keessa hinjirtu. Warrii akka waan warrii isan sehuu isaniilleen warra seetan, gargarii nu baasuu fedha.
18
Duuba yo waan dansaaf nama jaalatan guddoo dansaa, wantii kunin yo anin isan waliin jiru callaanitii yo cufaa dansaa.
19
Ijoollee tiyya, haga Kiristoon isan keessaatti mulatuutti, anin akkuma haatii nama dhaltu ciniinsifattee dhukkubsattuu, isaniif dhukkubsadha.
20
Yo silaa isan waliin jiraadhe, guddoo fedha; akka waan keessan karaa dhibiin herregu. Anin guddoo waan keessan yaada!
21
Isan warra seera gula yaa'uu fedhu, anin wa isan gaafadhaa, waan seerii jedhu hindhageettaniiyyuu?
22
Abrahaam ilmaan lama qaba; tokko niitii tisseettiin, kaan ammoo niitiin balchittiin akka dhalteef la barreeffame.
23
Ilmii niitiin tissee dhalte aadaa namaa gula dhalate, kaan ammoo ka niitiin balchittiin kakuu Waaqaa gula dhalate.
24
Wantii kun akka mammaasaa; nadheen lamaan akka waldhaqiisa lamaa, tokko Aggaar ta gaara siinaa irraa dhufte, dhalootii isiilleen tissee.
25
Aggaar gaara siinaa ka lafa Arabaa keessa jiru fakkaatti; isiin fakkeenna dira guddaa Yerusaalem amma jiru ka namii isa keessaa jiruu cuftii tissee qabdi.
26
Yerusaalem ta Waaqaa gubbaa ammoo balchaa, isiin haadha teenna.
27
Wantii akkanaatiif barreessiin, “Gammadii, niitii takka ilmee hindhaliin!” jetti. Iyyii qiliixami, atin namii takka ciniisifachaa dhaliisaa hinargin! Niitiin dhiirsii lakkise niitii dhiirsa qabdu taan irra ilmaan dhalti.
28
Obboleeyyan tiyya, marroo kakuu Waaqaatiif isaniillleen amma akkuma Yisihaq ilmaan Waaqaatti.
29
Gaafas ilmii aadaa namaa gula dhalate ilma hafuura Waaqaatiin dhalate gaargalche; ardhaallee akkasuma.
30
Ammoo barreessin maan jetti? “Niitii tisseetii fi ilma isii gati, oofii, baas, wantii akkanaatiif ilmii niitii tissee ilma niitii balchaa waliin abbaa hindhaalu” jetti.
31
Tanaaf obboleeyyaan tiyya, nu ilmaan niitii tissittiitiinitii, ammoo ta niitii balchaati.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6