bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
/
Galatians 3
Galatians 3
Oromo Bible (Kakuu Haaraaka) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
1
Isan warrii Galaatiyaa guddoo daalle! Ennuttu isan falfale? Akka Yesus Kiristoon fannoon gubbaatti du'e! Isan ya iluma teessaniin agartan.
2
Waan tokko caallaa natti himaa, seera guunnaan hafuura Waaqaa argattan moo, oduu dansaa dhageettanii dhugeeffannaan argattan?
3
Akkam akkana daallooftan? Qaraa hafuura Waaqaatiin itti keeyyattanii, akkamiin jabeenna keessaniin hobbaaftan?
4
Wantii isan baraattan tokkoolleen homaa isanii hinbaanee? Dhugumaa, ya wa isanii baate!
5
Waaqii yo hafuura ufii isanii kennee waan mamaa jidduu teessanitti tolchuu, marroo isan seera guuttaniif waan kana tolcha moo, waan isan oduu dansaa dhageettanii dhugeeffattaniif tolcha?
6
Barreessii waan Abrahaam dubbattuu ta, “Innii Waaqaa dhugeeffannaan marroo dhugeeffachaa isaatiif Waaqii qulqullummaa herregeef” jettu la barreessan.
7
Isan akka warrii dhugeeffachaa qabu cuftii dhaloota Abrhaam hubachuu maltan.
8
Barreessiin, akka Waaqii dhugeeffachaan gosa dhibii qulqulluummaa herreguuf duru argitee jennaan, barreessiin oduu dansaa duriiyyuu Abrahaam barsiiftee, “Mar. roo teetiif Waaqii nama lafa jiru cufaa eebbisa” jette.
9
Abrahaam dhugeeffateeti eebba argate; tanaaf nama dhugeeffatu cufaa akkuma isaa eebbisan.
10
Warrii seera guutitii herregatu ya abaarame. Wantii akkanaatiif barreessiin, “Namii waan seera keessaatti barreessan cufaa gula hindeemne ya abaarame” jetti.
11
Nama dandaanii seeraan, Waaqaa duraatti, dhugaa hin herreganiif, tun darree hinqabdu; wantii akkanaatiif barreessiin, “Namii dhugeeffachaan qulqullummaa herreganiif injiraata” jetti.
12
Ammoo seerii dhugeeffachaa hinfedhu. Taatuullee barreessiin, “Namii waan seerii jedhu cufaa guutu sunumaan jiraata” jetti.
13
Ammoo Kiristoon, ufii abaarsa nuu tahee, abaarsa seerii nutiin dhufu jalaa nu baase. Barreessiin, “Namii mukaa irraatti fannisan ya abaaram” jetti.
14
Wantii Kiristoon waan kana tolcheef akka eebba Waaqii Abrahaamii kakatee, marroo Yesus Kiristootiif gosa dhibiillee kennan, ammallee akka nuulleen marroo dhugeeffachaatiif hafuura Waaqii kakate arganu.
15
Obboleeyyan mee, fakkeenna kanaan hubadhaa yo namii lama wa irraatti waldhaqee ergaa gubbaa barressee, namii tokkolleen danda'ee waldhaqiisa sun hincabsu, yokaan itti hindaru.
16
Waaqii kakuu ufii Abrahaamii fi ilma isaatti kakaate. Ilmaan isaa hinjettuu, ammoo “Ilmuma kankee” jetti. Akkasi jechuun ilmuma tokko calla, sulleen Kiristoo, jechuu.
17
Wantii anin jechuu fedhuu, Waaqii waldhaqiisa tolche akka guutu kakate. Seerii ganna dhibba afuritii fi sodomaa eegii sun dhufee danda'ee waldhaqiisa balleesee kakuu Waaqaa guutamuu hindhowu.
18
Wantii akkanaatiif yo dhaaltii seeraan taatee, yoos kakuun hintaatu; taatuullee Waaqii waan isaa kakateef Abrahaamii kenne.
19
Seera maaf kennan ree? Akka wallaalaan garsiisaniif itti daran, seerii ammallee haga ilmii Abrahaam ka itti kakatan hin mullatin callaa jira. Seera amma nama jiddu jiru kana harka ergamtootaatiin namaa kennaan.
20
Yo namii tokko callaan jiraate nama jidduu sun hin fedhan. Waaqii ammoo tokko.
21
Wantii kunin akka seerii kakuu Waaqaatiin morku agarsiiftii? Hiyyoo akkasiiniti! Wantii akkanaatiif yo seera nama jireesu namaa kennanii, nami dandaan seeraan qulqullummaa hin herreganiif.
22
Akka warrii dhugeeffate abdii warra Yesusii Kiristootti dhugeeffatee kakatan argatuu, barreessiin “Laftii cuftii jabeenna cubbuu jala jirti yaayyu” jette.
23
Adoo yohii dhugeeffachaa hingahin, haga dhugeeffachaa mullisanitti seerii nuu cufa hidhe.
24
Tanaaf gaafas seera suniitti nu qorqorate; akka haga Kiristoon dhufuutti nu barsiisu, akka dhugeeffachaan qulqullumaa nuu herregan.
25
Ammoo amma dhugeeffachaan ya dhufte, nu barsiisa sun jala hinjiru.
26
Wantii akkanaatiif marroo dhugeeffachatiif isaniin cuftii karaa Yesus Kiristoon ilmaan Waaqaa taatan.
27
Isaniin kiristoon tokkaa ta'uuf cuuphamtan cuftii ya Kiristoo akka wayaa uyyifattan.
28
Tanaaf Yihudii fi gochiti dhibiilleen tokkuma; tissee fi balchaalleen takkuma, dhiiraa fi nadheeniilleen tokkuma; karaa Kiristoo Yesus gula namii cuftii takkaa garaa garummaan hinjirtu.
29
Isan yo ka Kiristoo taatan, yoos isan dhaloota Abrahaam; waan Waaqii kakateellee hinargattan.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6