bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Timothy 1
1 Timothy 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
1
Akkuma fayyisaan keenna Rabbii fi abdiin keenna Yesuus Kiristoos ajajetti ka ergamaa Yesuus Kiristoosii ta'e Phaawuloosiin irraa ajaja;
2
Ilma kiyya jaalatamaa Ximootewoosiif badhaani, araarrinii fi nageenni Rabbii Abbaa irraa fi Gooftaa keenna Yesuusiin irraa sii haa ta'u.
3
Hennaa gara Maqedooniya'aa deeme gari gariin barumsa addaa akka hin barsiifneef gara mammaaka dhuma hin qabnee, seenaa dhalootaa akka hin caqafne, akka isaan ajaju Efesooniin keessa akka teettu sii kadhadhe. Wontoonni akkanaa kunniin wol mormii waan fidaniif.
4
Kunniin hujii Rabbii ka dhuga'aan hojjannuuf womaa hin fayyadu.
5
Raawwiin ajajaa ammo jaalala garaa qulqulluu keessaa, sammuu misha'aa fi amantii uf tuuluu hin qabne keessaa ka ol bayu.
6
Kanniin keessaallee gari gariin dogoggoranii waan jedhan, yookaan sirri'itti uduu hin hubatin,
7
barsiisoota seeraa ta'u'uuf barbaada'aa gara dubbii duwwa'aa siiqaniiran.
8
Haa ta'uu ammo namni akka ta'utti uduu ittiin hojjatee, seerri mishaa akka ta'e hin beenna.
9
Kun worra yakkamtoota, worra hin ajajamne, worra hamaa hojjatan, cubbamtoota, worra woyyummaa hin qabne, battoota, worra abba'aa fi haadha ufii ajjeesan, worra nama ajjeesan, seebartoota, worra dhiira woliin ciisan, worra namoota bitee gurguru, worra kijibdootaa fi worra dharaan kakatu, worra faallaa barumsa dhuga'aa godhan maraaf; barumsi dhuga'aa ammo ka argamu, Dubbii Nagayaa kabajjamaa ka waan Rabbii eebbaa ibsuuti. Dubbii Nagayaa kanatu yaboo natti kenname.
12
Tajaajila ufiitiif na muudee amanamaa godhee waan na laakkayeef, Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii hunna naa kenne hin galatoonfadha.
13
Ani duraan ka nama ari'u, ka abaaruu fi rakkisaa yoo ta'ellee inni kana naa godhe. Haa ta'uu ammo uduu hin beekin waan uduu hin beenne godheef araara argadhe.
14
Badhaani worra Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosiin keessa jiraniin amanti'ii fi jaalalli guddisee isaanii guddate.
15
Dubbiin, «Yesuus Kiristoos cubbamtoota fayyisu'uuf gara biyya lafaa dhufe» jedhu amanama'aa fi ka martinuu fudhatuu barbaachisu. Cubbamtoota keessaa ijoon ana.
16
Waan kanaaf ammo jireenna bara baraa argachu'uuf worra isatti amanuuf jireennaaf fakkeenna akka ta'u Yesuus Kiristoos ana ijoo ta'e irratti obsa ufii mara mudhisu'uuf ani araara argadhe.
17
Ka ufumatti Waaqa ta'e, ka hin bannee fi hin mudhanne, mootii bara baraatiif galanninii fi ulfinni baraa haga baraa haa ta'u! Amiin.
18
Mucaa kiyya Ximootewoos! Duraan dursee waan kee akkuma raagaan himame Kiristoosiin keessaan lola mishaa akka loltuuf ajaja kana yaboo sitti kenna.
19
Amanti'ii fi sammuu mishaa qabaadhu. Namoonni gari gariin qalbii ufii gatanii akka markabni ka oofu malee baduu, waan amanti'iitiin waan badaniiraniif.
20
Isaan keessaallee akka Rabbiin hin arrabsine akka baratan, seexanatti dabarsee ka isaan kenne, Hemenewoosii fi Iskindiroos fa'a.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6