bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Timothy 2
1 Timothy 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
1
Eeganaa Rabbiin waaqeffatuu, suutuma, cadhisu'uu fi gad uf qabuu maraan akka jiraannu, Rabbiin kadhachuu, faateffachuu, waan namoota biraatiif Rabbiin kadhachu'uu fi galatoonfachuu, waan moototaatii fi bulchoota maraaf waa maraa dura kunniin akka ta'u gorsa.
3
Rabbi fayyisaan keenna namoonni maruu akka fayyanii fi dhugaa maraa akka beekan jaalatu afo'otti wonti mishaanii fi ka nama gammachiisu kana.
5
Rabbi tokkicha; ka jidduu ta'ee Rabbii fi nama wolitti araarsullee tokkicha; Innillee Yesuus Kiristoosii nama ta'e.
6
Ka namoota maraa cubbuu jalaa baasu'uuf dabarsee uf kenne.
7
Anillee waan kanaaf amanti'ii fi dhugaa lallabu'uuf, worra Yihuudii hin taane barsiisu'uuf akka muudame dhugaa dubbadha malee hin sobu.
8
Eeganaa dhiirti hulee marattuu dheekkamsaa fi yaada hamaa malee, harka isaanii ka woyyoome ol kaasa'aa akka Rabbiin kadhatan barbaada.
9
Akkasuma ammo intalti uffata ta'u uffachu'uun lash jedhanii qaama ufii haa qandhafanii.
10
Dubartoonni Rabbiin waaqeffanna jedhan akka ta'utti waan mishaa godhuu malee, shurubbaa dhayachu'uuf, worqi'iin yookaan faaya kabajjama'aa fi uffata gatii gudda'aatiin hin qandhafin.
11
Dubartiin ammo waa maraanuu ajajama'aa suutaan haa barattuu.
12
Dubartiin lash jettee haa jiraattuu malee barsiisuu, yookaan dhiira irratti baallii akka qabaattu ani isaanitti hin dhiisu.
13
Sababnillee dura Aadamtu uumame; maayessa ammo Heewwantu uumame.
14
Ka sobame Aadamii miti, dubartittiin ammo sobamtee Rabbiin yakku'uun kufte.
15
Haa ta'uu ammo jaalalaa fi amanti'iin, woyyumma'aan mataa ufii gad qabatanii yoo jiraatan, dayaan hin fayyan.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6