bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Timothy 3
1 Timothy 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
1
«Ennullee yoo tooyata'aa fi bulchaa ta'uu barbaade hujii mishaa hawwa» jechi jedhu amanama'a.
2
Eegasuu tooyataan ka mudaa hin qabne, nama haadha manaa tokkottii qabu, ka uf qabuu fi ka hagatti jiraatu, ka akka barbaadamutti hojjatu, ka keessummaa simatu, ka barsiisuu danda'u,
3
ka hin machoofne, ka nama hin ujulle, gara laafessa, nama hin mormine, ka birrii hin jaalanne,
4
nama maatii ufii sirri'itti bulfatu, nama ijoollee ulfinnaan isaa ajajamtu qabu ta'uu barbaachisa.
5
Namni mana ufii attamitti akka horatu hin beenne, attamiin Woldaa Kiristaanaa ta Rabbii eega?
6
Uf jaju'uun bokokee, murtii daabiloosiin irratti murteeffametti akka hin kufne, kiristaana haarawa hin ta'in.
7
Mudaa daabiloosiitii fi siiboo isa irratti akka hin kufne, namoota ala jiran biratti ragaa mishaa haa qabaatanii.
8
Akkasuma gargaartonni woldaa kiristaanaa [diyaaqonoonni] worra bilchaate, ka arraba lama hin dubbanne, worra dhuddoo hin hawwine,
9
Worra waan shingaa ta'e irraa fagaatanii sammuu mishaan dhossaa amanta'aa eegan haa ta'anii.
10
Kunniinillee akkasuma duraa haa qoratamanii; achiin maayessa worra mudaa hin qabne yoo ta'an, gargaartoota ta'anii haa tajaajilanii.
11
Akkasuma dubartoonnii worra bilchaatan, worra nama hin hamanne, worra hagatti jiraatanii fi waan maraanuu worra amanaman haa ta'anii.
12
Gargaartoonni worra ijoollee ufiitii fi maatii ufii akka misha'aan bulchan, marti isaaniituu worra haadha manaa takkattii qaban haa ta'anii.
13
Hujii gargaaru'uutiin worra akka misha'aan tajaajilan ufiif baallii gudda'aa fi amantii Yesuus Kiristoosiitiin ugga guddaa argatan.
14
Daddafee gara kee akka dhufu abdata'aa kana sii barreessa.
15
Yoo ture ammo worra mana Rabbii keessatti namni amala attamiitiin akka jiraatu akka sirri'itti beettu sii barreessa; mannillee bu'uura utubaa dhuga'aa ta woldaa Kiristaanaa Rabbii jiraata'aati.
16
Dhossaan Rabbiin fakkaachu'uu mamii malee gudda'a; «Ka fooniin mudhate, ka Ayyaanaan qajeelaa ta'e, ka Ergamtootatti mudhate, ka banii Yihuudii hin taanee lallabame, ka biyya lafaa keessatti amaname, ka ulfinnaan ol baye.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6