bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Timothy 5
1 Timothy 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
1
Jaarsa hin rifachiisin, isa akka abba'aatitti; ka'imman ammo akka obboleeyyaniititti.
2
Dubartoota jaaran akka haadhaatitti, shamarran akka obboleetti'iititti yaada qulqullaaya'aan isaan laali.
3
Dubartoota abbaa manaa hin qabne kabajji.
4
Ta abbaa manaa hin qabne ammo akkayoota yookaan ijoollee ijoollee ufii yoo qabaatte, isaan maatii ufii biratti Rabbiin kabajjuun akka isaanii beekkamuuf, jasaa maatii ufii deebisuu haa baratanii; kun Rabbiin biratti misha'aa fi ka jaalatame waan ta'eef.
5
Ta Abbaa manaa hin qabne ta hojja ufii jiraattu halkanii fi guyyaa Rabbiin kadhata'aa abdi'iin jiraatti.
6
Ta abbaa manaa hin qabne ta waan adunyaa tanaa callaa jaalattu ammo, isiin uduu lubbu'uun jirtuu ta duute.
7
Isaanillee mudaa malee akka jiraataniif ajaji.
8
Worra fira isaanii ta'aniif keessumattuu maatii ufiitii ka hin yaanne eennullee yoo jiraate, inni ka amantii ufii gane, nama hin amanne caalaa hama'a.
9
Ta abbaa manaa hin qabne galmee irratti yoo bareeffamtu, umuriin isi'ii woggaa jaahatamaa gadi akka hin taanee fi dubartii abbaa manaa tokko qabdu ta'uu barbaachisa.
10
Ijoollee guddisu'uun, keessummaa simachu'uun, luka woyyootaa dhiqu'uun, rakkattoota gargaaru'uun, hujii mishaa maraa hordofa'aa hujii mishaa akkanaa godhu'uun ta ragameef ta'uu barbaachisa.
11
Ta abbaa manaa hin qabne qacalee kaawwanitti hin makin.
12
Fedhii foon ufiitiin mooyatamanii, jaalalli Kiristoosii qaban hennaa jalaa dhidhate heerumuu waan barbaadaniif, amantii ufii ka duraa san waan tuffataniif, isaanitti murteeffama.
13
Hujii hin hujan; mana tokkoo gara mana tokkoo deema'aa waan hin taane dubbata'aa odeessitootaa fi worra hujii hiikan callaa uduu hin ta'in, worra waan namaa keessa galan ta'an malee, worra hujii hiiku calla'aallee miti.
14
Eegasuu durboonni qacaleen akka heeruman, ijoollee akka dayanii fi mana ufiillee akka bulchan, worri nu mormu maqaa akka nu hin balleessine isaan kana gorsa.
15
Kanaan dura isaan keessaa gari gariin seexana hordofu'uun amantii waan gad dhiisaniif.
16
Dubartiin amante takkaa fi dhiirri amane tokko dubartii abbaa manaa hin qabne maatii ufii keessaa yoo qaabatan woldaa Kiristaanaatitti ba'aa akka hin taane isaan haa gargaaraniinii.
17
Manguddoonni woldaa seeraan bulchan, keessattuu lallabaa fi barsiisu'uun, worra dadhabanii ulfinna gudda'atu isaan barbaachisa.
18
Kitaabni Woyyuun, «qotiyyoo qotu afaan hin hidhin» akkasuma ammo «hojjata'aafillee mindaan hin barbaachisa» waan jedhuuf.
19
Namni lamaa yookaan sadihi yoo itti rageesse malee himannaa manguddoo irratti dhiyaate hin fudhatin.
20
Worri biraallee akka sodaatan, worra cubbuu hujan nama maraa afo'otti gorfadhu.
21
Tokkochallee uduu wol hin caalchifne, gara tokkoo uduu hin dabne akka eeddu Rabbii Gooftaa Yesuus Kiristoosii fi Maleekkota filataman afo'otti si gorsa.
22
Eennuun irrallee daddaftee harka kee hin kaayin; cubbuu nama biraatitti hin makamin; qulqullinnaan uf eegi.
23
Waan garaa keetiitiif waan dhibee sitti baay'atuutiif daadhii woyini'ii diqqoo dhugi malee ammaa achi bisaan callaa hin dhugin.
24
Cubbuun namoota gari gari'ii addaata'a; murtii waan mudhisuuf; kaawwan ammo faanaa deema.
25
Akkasuma hujiin mishaan addaata'a; yoo ifa hin taanellee ammo dhokachuu hin danda'u.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6