bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Timothy 6
1 Timothy 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
1
Maqaan Rabbiitii fi barumsi isaa akka hin arabfamne, worri ba'aa garbumma'aa jala jiran maruu worra isaan bulchaniif akka ulfinni isaan barbaachisu haa laalanii.
2
Garboonni bulchoota amanan qaban obboleeyyan isaanii waan ta'aniif isaan hin tuffatin. Hujii mishaa isaaniitiin waan fayyadamaniif worra amananiif jaalatamtoota waan ta'aniif, ka duraa caalaa haa tajaajilanii; kanniin barsiisii gorsi.
3
Eennullee barumsa Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii ta'een ala, ka barumsa addaa barsiisuuf dubbii nagayaa, barumsa Rabbiin sodaachu'uu kana ka hin fudhanne yoo jiraate, inni nama womaa hin beenne ka uf jaju'uun bokoke;
4
Rabbiin qoruun, dubbi'iin wol woraanuu lola hamaa uf keessaa qaba. Kanniin keessaa hinaaffaa, mormuu, nama arrabsuu, yaada bada'aa fi aaruu fa'a.
5
Worra qalbii hin qabne, worra dhugaan irraa fudhatamte, worra Rabbiin sodaachuun isaan keessa hin jirretu isaan keessatti argama. Namoota akkanaa kanniin irraa fagaadhu.
6
Nama jiruun kiyya na gaya jedhuuf ammo Rabbiin fakkaachuun bu'aa gudda'a.
7
Nu gara lafa tanaa womaa waan hin finneef womaa fudhachuu hin dandeennu.
8
Haa ta'uu ammo yoo waan nyaannuu fi waan uffannu qabaanne nu gaya.
9
Worri dureeyyii ta'uu barbaadan ammo gara qormaataatii fi gara siibo'oo, akkasuma gara namoota diigu'uutii fi gara waan nama liqimsuu fedha duwwa'aa fi hama'atti kufan.
10
Birrii jaalachuun hidda badii maraa waan ta'eef, namni gariin uduu kana hawwan amantii ufii irraa dogoggoranii karaa hedduun uf miidhaniiran.
11
Ati ammo namni Rabbii kana irraa dheessi; qajeellumma'aan, Rabbiin sodaachu'uun, amantii, jaalala, jajjabaachu'uu fi gara laafummaallee hordofi.
12
Lola amanti'ii mishaa loli; jireenna bara baraa mishaa waamamteef ka raattota hedduu biratti amanamteef qabadhu.
13
Rabbi waan maraa lubbu'uun jiraachisu'uuf, Yesuus Kiristoosii Philaaxoosii Pheenxenicha afo'otti amanamummaa mishaa rage afo'otti si ajaja.
14
Gooftaan keenna Yesuus Kiristoos haga mudhatuuf, xuri'ii fi mudaa tokko malee jiraachu'uun ajaja eegi.
15
Mudhata ufii san hennaa ufiititti woyyu'uu fi ka hojja ufiititti bulchaa ta'e, mootii moototaatii fi Gooftaan gooftotaa hin mudhisa.
16
Ka hin duune isa calla'a. Ifa ennullee itti dhiyaatuu hin dandeenne keessa jiraata. Namni tokkollee isa hin argine. Isa arguullee hin danda'u. Ulfinninii fi hunni bara baraan isaaf haa ta'uu Amiin!
17
Bara adhaa worri dureeyyii ta'an, waan uf jaju'uu akka hin yaanne Rabbii jiraata'aan akka gammannu waa maraa caalchisee nuu keennuun malee, durummaa darbu akka abdii hin godhanne isaan gorsi.
18
Jireenna dhuga'aa akka argatan bara dhufuufillee galmee bu'uura mishaa isaanii ta'u irratti wolitti qabata'aa,
19
waan mishaa godha'aa hujii misha'aan dureeyyii akka ta'an, worra nama gargaaranii fi worra namaa qoodan ta'u'uuf akka qophaayan isaan gorsi.
20
Ximootewoosii kiyya! «Beekkumsa» soba jedhamu, ka duwwa'aa odeessu'uu fi mormii duwwaa adunyaa tanaa tolu irraa fagaata'aa yaboo sitti kenname eegi.
21
Namoonni gari gariin beekkumsa kana qabna jedha'aa amantii irraa dogoggoraniiran. Badhaani Rabbii si woliin haa ta'u.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
All chapters:
1
2
3
4
5
6