bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
1 Timothy 4
1 Timothy 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
1
Baroota dhumaa keessatti gari gariin amantii gananii akka hafuurran sobaatii fi barumsa jinni'ii duukaa deeman Ayyaanni Woyyuun addaata'atti dubbata;
2
Barumsi akkanaa kun worra sammuun isaanii akka sibiila ibiddaan diimatee gubameetitti hadoode, worra uf tuultotaatii fi sobdoota irraa dhufa.
3
Worri sobu kun akka namni wol hin fuune dhooggan; worri amananii dhugaa beekan galata woliin akka fudhatanii hin nyaanne, nyaata Rabbi isaanii uume irraa akka fagaatan godhan.
4
Wonti Rabbi uume martinuu mishaa waan ta'eef galata woliin yoo fudhatan wonti gatamu hin jiru.
5
Dubbii Rabbiitii fi faate'een ka woyyoome waan ta'eef.
6
Kanaafuu obboleeyyan uduu yaadachiiftee amanti'ii fi dubbii barumsa mishaa hordofteen yoo dubbii barsiifte, tajaajilaa mishaa Yesuus Kiristoosii taata.
7
Haa ta'uu ammo tapha xuraayaa adunyaa tanaatii fi oduu dubartoota jaartee irraa fagaadhu; bikka san jireenna Rabbitti tolu jiraachu'uuf tattaaffadhu.
8
Nafa jabeessu'uuf uf leenjisuun bu'aa diqqoo qaba. Jiruu Rabbi fedhu jiraatu'uuf uf leenjisuun ammo jiruu ammaatii fi ta dhuftuttillee abdii waan qabduuf gara maraanuu bu'aa qaba.
9
Dubbiin kun amanama'a; namni martuu fudhatuu barbaachisa.
10
Nu'u Waaqa jiraataa fayyisaa nama maraa ta'e; keessumattuu ka worra amananiititti waan abdannuuf, hin dadhabna, hin arabamnalle'e.
11
Kanniin ajaji; barsiisille'e; worra dubbii jireennaa jaalalaa fi amanti'iin, qulqullumma'aan amanan maraafuu fakkeenna ta'i malee ijoollummaa keetiif eennullee si hin tuffatin.
13
Haga ani dhufuuf dubbisuu, gorsu'uu fi barsiisuu irratti jabaadhu.
14
Kennaa hennaa manguddoonni harka si irra kaayanii sii kadhatan sii kenname, raaga sii dubbatamee fi kennaa badhaadhaa ka si keessa jirutti lash hin jedhin.
15
Guddinni kee waan maraanuu akka mudhatu yaadi; waan kanniinitti hennaa maraa jabaadhu.
16
Waan keetii fi barumsa kee midhaassii qabi; kanniin irrattillee jabaadhu kana yoo goote ufii fi worra si dhagayanillee hin oolchita.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6