bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Samuel 20
2 Samuel 20
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
1
Hennaa san ilma Bikirii ka maqaan isaa Saabeehi jedhamu ka gosa Biiniyaamii nama raankee ture; inni «Nu Daawitiin biraa qooda woyiituu hin qabnu; ilma Isseyii biraallee gayee hin qabnu; banii Israa'elii! isin maruu gara daasee keessanii deebi'aa!» jedhee xurumbaa afuufe.
2
Baniin Israa'elii maruu Daawitiin dhiisanii ilma Bikirii Saabeehiin faanaa deeman.
3
Daawiti gara mana ufii Yerusaalemitti gale mootichi dubartoota kudhanii ta mata gala itti galu haa mana isaa eeganiif achitti dhiise fuudhee haa isaan eegu'uuf waardiyya'atti kennee waan isaan barbaachisu maraa akka isaanii kennan ajaje; garuu inni isaan bira hin geenne; guyyaa san irraa jalqabee haga guyyaa du'aniititti manuma keessa akka haadha hiyyeessaatitti jiraatan.
4
Mootichi Ameesaayiin, «Namoota Yihuuda'aa maraa guyyaa sadiin kana keessatti naa waamii atillee isaanuma woliin as turi» jedheen.
5
Ameesaayi namoota Yihuuda'aa maraa waamu'uuf deeme; garuu inni guyyaa haagana'aa dabarse.
6
Kanaaf Daawiti Abiisa'aan, «Amma Abeseloomiin caalaa ka nu miidhu Saabeehii ilma Bikiriiti akka inni qachoota ijaaramte keessatti kushee barbaadee nu jalaa hin milindhe, ati loltoota gooftaa keetii fudhadhuutii isa ari'i» jedheen.
7
Namoonni Iyyoo'aabii worri gosa Kaliita'aa, worri gosa Faliita'aatii fi worri jajjabaan maruu Abiisaa faanaa deeman ilma Bikirii Saabeehiin ari'u'uuf Yerusaalemii bayan.
8
Hennaa hulee dhagaa guddaa gabaa'ooniin bira jiru gayan Ameesaayi gara isaanii dhaqe; hennaa san Iyyoo'aab uffata lolaa uffatee gulloo mata'atti godhatee guraadee qolaa mudhi'itti hidhateera; uduu inni deemu guraadeen isaa luqqa'ee jalaa bu'e.
9
Iyyoo'aab Ameesaayiin, «Obboleessa kiyya! nagaya jirtaa?» jedheenii akka waan dhungatuu ta'ee harka mirgaatiin areeda isaa qabe.
10
Ameesaayi garuu akka guraadeen Iyyoo'aabiin harka jiru hin beenne; Iyyoo'aab garaa isaa woraanee madhumaan isaa lafatti jisse lammeessoo uduu itti hin deebifne du'e; Iyyoo'aabii fi obboleessi isaa Abiisaan Saabeehii ilma Bikirii ari'an.
11
Loltoota Iyyoo'aabii keessaa namni tokko reeffa Ameesaayii bira dhaabatee, «Worri Iyyoo'aabii fi Daawitiin faana deemtan maruu Iyyoo'aabiin faana deemaa» jedha'aa ture;
12
reeffi Ameesaayii akkuma dhiigaan maanxameen karaa irra ciiseera; namni sun uduu loltoonni Iyyoo'aabii maruu dhaabatanii laalan argee reeffa gara lafa qonnaa fidee uffata ufii itti uwwise.
13
Haga reeffa karaa irraa kaasan namoonni maruu ilma Bikirii Saabeehiin ari'u'uuf Iyyoo'aabiin faanaa deeman.
14
Saabeehi garuu gosa biyya Israa'elii maraa keessa lufee qachaa Beetamaakkaa akkasuma gara Beerii maraa lufe; baniin gosa Bikirii maruu wol gayanii Saabeehiin faanaa deemanii gara qachatti'ii seenan.
15
Loltoonni Iyyoo'aabii akka Saabeehi qachaa san keessa jiru dhagayanii qachattii marsan; qachatti'ii jalqabee haga dallawa isi'ii biyyee ol tuulanii akka qachattiin jiddu jala isi'ii qotuu jalqaban.
16
Dubartittiin ogeettiin takka qachaa san keessaa dallawa irra dhaabattee laagaa ufii ol qabattee «Banii dhagayaa'a! dhagayaa'a! Iyyoo'aab akka as dhufu itti himaa'a; ani isa dubbisuu barbaadaa» jettee iyyite.
17
Iyyoo'aab isi'itti dhiyaannaan «Iyyoo'aab si'ii?» jetteen; inni «Ee ana» jedhee deebiseef. Isiinillee «Jecha garbittii teetii dhagayi» isaan jennaan innillee «Maarre hin dhagayaa» isi'iin jedhe.
18
Isiin, «Duraan ‹Namni waa gaafatu Aabeeliin afo'otti haa gaafatuu jedhama wonti gaafatamullee raawwatama'aa› ture.
19
Israa'eliin keessatti qachaan dhuga'aa fi nagaya qabdu qachaa tana; ati garuu maaf qachattii tana balleessu'uuf yaadda? lafa Rabbi nuu kenne diiguu barbaaddaa?» jettee isatti dubbatte.
20
Iyyoo'aab, «Ani qachaa teessan hin diigu hin balleessu.
21
Karoorri keenna kanaa miti; ilmi Bikirii nama biyya Efreemii ka gaara irratti dhalate ka Saabeehi jedhamu mootii Daawitiin irratti lola kaaseera yoo nama kana naa kennitan ani qachattii tana dhiisee deema» jedhee deebiseef. Dubartittiinillee Iyyoo'aabiin, «Morma isaa irraa murree dallawa irraan sii darbina» jetteen.
22
Dubartittiin ogummaa ufiitiin milixxee gara banii qachattii sanii deemte; namoonni garuu morma Saabeehii ilma Bikirii muranii dallawa irraan gara Iyyoo'aabii darban; Iyyoo'aab xurumbaa afuufnaan loltoonni maruu qachattii gad dhiisanii gara mana ufii deeman; Iyyoo'aab garuu mooticha argu'uuf gara Yerusaalemii deeme.
23
Iyyoo'aab ajajaa loltoota Israa'elii ture; ilmi Yoodaahe'ee Banayaas garuu ajajaa loltuu mana Daawitii eeganii ture.
24
Adooniiraam gibira kaffalchiisa'aa ture; ilmi Ahiluudiimii Iyyoosaafixi nama seenaa barreessu ture; Suusaanillee barreessaa ture.
25
Saadooqii fi Abiyaatar gadoota turan;
26
Iri'aas namni gosa Iyyaa'irii nama Daawitiin mari'achiisu ture.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24