bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Samuel 8
2 Samuel 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
1
Achiin maayessa Daawiti worra Filisxeemii injifatee uf jala galche; qachaa «Meeteeg aamaa» jedhamtu isaan jalaa fudhate.
2
Ammallee mootichi Daawiti worra Moo'aabii injifate; worra hidhaman akka lafa irra ciciisan godhee namoota sadihii keessaa namoonni lamaa akka du'an taasise.
3
Kanaafuu worri Moo'aabii garboota isaa ta'anii gabbara'aa turan; Achiin maayessa Daawiti biyya laga Eefraaxisi ladda jiru qabachu'uuf hennaa deeme ilma Ra'aabii mootii Suuba'aa Adir'aazaariin dhayee ajjeese.
4
Daawiti isa irraa worra farado'oo kuma tokkoo fi dhibba torbaatii fi worra miilaan deeman namoota kuma diddamaa booji'ee moorgaya faradoo isaanii kukkutee konkolaataa fardaa dhibbaa callaa hambise.
5
Worra Sooriya'aa ka Damaasqoo keessa jiraatan Adir'aazariin gargaaru'uuf loltoota erginaan Daawiti lolee loltoota kuma lamaa ajjeese.
6
Achiin maayessa Daawiti Damaasqoo keessatti hulee lolaa qopheesse worri Sooriya'aallee isaa garboota ta'anii gabbaraniin; Rabbi Daawitiin hulee inni dhaqe marattuu akka injifatu taasise.
7
Daawiti ajajoonni Adir'aazarii hidhatan wontee worqii irraa hojjatame booji'ee gara Yerusaalemii fide.
8
Mootichi Daawiti qachoota Adir'aazarii Beexahina'aa fi Biruutaayiin keessaa sibiila diimaa baay'ee fudhate.
9
Mootiin Hamaatii Too'u akka Daawiti loltoota Adir'aazarii maraa injifate dhagaye.
10
Too'u waan Adi'aazariin wol lola'aa tureef sababaa kanaaf mootichi Adir'aazar waan injifatameef isaa gammadee ilma ufii Uraamiin gara Daawitii erge; innillee meeshaa worqi'ii, birri'ii fi Sibiila diimaa qabatee dhaqe.
11
Mootichi Daawiti orma injifate keessaa Eedoom, Moo'aab, Amoon, Filisxeemiif birri'ii fi worqii worra Amaaleqii irraa fudhate akkasuma boojuu Adir'aazar booji'e woliin kanniin Rabbiif adda baase.
13
Daawiti hulee dhooqa sooqiddaa jedhamtee waamamtutti worra Eedoomii kuma kudha saddeetii ajjeesee hennaa deebi'e nama gurraa ta'e.
14
Biyya Eedoomii maratti hulee loltoonni itti quphatan baay'ee ijaare; namoonni achi jiraatan isa jalatti bulan; Rabbi Daawitii hulee inni deeme maratti mootee kenneef.
15
Daawiti Israa'elii mara irratti mooye banii maraaf hennaa maraa murtii dhuga'aa akka argatu xaara'aa ture.
16
Ilmi Xuru'aa Iyyoo'aab ajajaa loltootaa yoo ta'u ilmi Ahiluudii Iyyoosaafixi barreessaa seena'aa ture.
17
Ilmi Akixoobii Saadooqii fi ilmi Abileeqii Abiyaataar gadoota turan; Sarayaanillee barreessaa ture.
18
Ilmi Yoodaahe'ee Banayaas worra Kaltaawotaatii fi worra Filiitotaa irratti ajajaa naannoo mana mootumma'aa ture; ijoolleen Daawitiillee worra gorsa isaa kennan turan.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24