bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Samuel 22
2 Samuel 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
1
Daawiti guyyaa Saa'olii fi diintota isaa jalaa Rabbi isa hambise faaruu kana Rabbii faarfate.
2
akkana jedhe, Rabbi hunna kiyyaa fi dawoo kiyya.
3
Rabbi Tissee kiyya waan ta'eef isa abdadha; Rabbi wontee kiyyaa fi gargaaraa kiyya; irkoo kiyyaa fi hulee ani itti dhokadhu; fayyisaa kiyya; ati hammeenna jalaa na oolchita.
4
Rabbii galanni barbaachisuuf waamadha; Inni diintota kiyya jalaa na oolcha.
5
Ciniinsuun du'aa na qabe, lolaan dharaallee na sodaachise;
6
Ibiddi asaabaa na marsee; Siiboo du'aallee natti ijaaran;
7
Hennaa rakkadhe Rabbiin waamadhe; Akka na gargaaruuf Waaqa kiyyallee kadhadhe; Innillee mana woyyuu ufii keessa taa'ee laagaa kiyya dhagaye; iyya kiyyallee naa dhagaye;
8
Lafti sochootee raafamte, utubaan Sami'iillee hin socho'e, Rabbi waan loleef sodaatanii hollatan.
9
Lola inni loleen aarri lolaa isa keessaa baye, afaan isaa keessaa barbadaa ibiddaa ka nama gubutu baya; woramaxatu isa irraa ife.
10
Samiiwwan baqassee gad bu'e, Luka isaa jala dukkanatu jira.
11
Maleekkaa Kiruubeel jedhamuun bararee qilleensa keessa ol lixe.
12
Huleen inni itti dhokate dukkana, duumessi jimiin isa marse, duumessa keessa jiru bisaan godhe.
13
Sababaa ifa isa afoo jiruutiin gubatan.
14
Rabbi samiiwwan irraa gigisse, Rabbiin jiraataan jecha ufii kenne.
15
Rabbi eboo ufiitiin darbatee isaan bittinneesse; bakakkaa ergee, isaan raase,
16
Lola Rabbiitiin Hafuura ibiddaa ka afaan isaatii bawuun galaanni yaa'u mudhate, bu'uurran adunya'aallee hin mudhatan.
17
Rabbi hiixatee harka na qabe, Qilee galaanaa keessaallee butee na baase.
18
Diintota kiyya ka jabaatan jalaa na baase, worra na jibban jalaa na hambise, waan natti jabaatanii turaniif.
19
Hennaa ani rakkadhe natti ka'an; Rabbi garuu irkoo naa ta'e.
20
Waan na jaalateef na fayyise, Gara raasaa badha'aa na baase.
21
Rabbi akka qajeellummaa kiyya laalee naa kaffala, akka qulqullummaa harka kiyyaatitti naa deebisa.
22
Ani seera Rabbii eegeera, Waaqa kiyya hin dhibne.
23
Ani seera Rabbii maraa hin raawwadha; Seera Rabbii kabajjuu hin dhiifne.
24
Ani isa afo'otti qajeelaa ture; cubbuu irraa uf eege.
25
Rabbi akka qajeellummaa kiyyaa, akka qulqullummaa harka kiyyaatitti gatii naa deebise
26
Yaa Rabbii kiyya! Nama arja'aaf hin arjoomta, Nama qajeela'aaf ati qajeela'a.
27
Nama qulqullu'uuf ati qulqullu'u. Nama hama'aaf ammo gatii hammeenna isaa kennitaaf.
28
Ati banii miidhame hin fayyifta, Worra uf tuulan garuu hin salphifta.
29
Rabbii kiyya! Ati ifa kiyya, Rabbi dukkana kiyya hin ibsa.
30
Hunna keetiin diintota kiyya injifadha, Ati Waandhi kiyya akka dallawa utaalu na taasifta.
31
Karaan Rabbii qulqullu'u, Dubbiin isaa adda, Worra isa amanatan maraaf inni wonte'e.
32
Rabbiin malee Waandhi eennu? Waaqa keenna malee ka dawoo namaa ta'u eennu?
33
Ka hunna naa kennu, ka karaa naa qajeelchu Rabbi.
34
Luka kiyya akka luka kuruphe'eetitti jabeessa Rabbitu gaara irra na dhaaba.
35
Harka kiyya lolaaf leenjisa; harka kiyya akka buundhee lolaa harkisuu danda'utti jabeessa.
36
Ati wontee fayyinnaa kee naa kennite, Hunni kee na jabeessa.
37
Deemsa kiyya hin midhaassite, Lutti kiyyallee hin mucucaanne.
38
Diintota kiyya ari'ee balleessa, Uduu isaan hin balleessine uf irra hin deebi'u.
39
Akka lafaa hin kaanetti isaan dhaya; isaanillee na jalatti kufan.
40
lolaaf hunna naa kennita, worra na caalan na jalatti gad deebifta.
41
Akka diintonni kiyya dheessanii duubatti dacha'an goote; worra na jibban maraa hin balleessite.
42
Isaan hin iyyan, ka isaan gargaaru hin argamne, Rabbitti iyyatanii, Rabbillee isaan hin dhageenne.
43
Akka daara'aatitti isaan bulleesse Akka duduba karaa keessaatitti isaan dhiite
44
Mormii bani'ii jalaa na hambifte worra Yihuudota hin taane irratti na muudde baniin ani hin beenne na jalatti bula
45
Waaqoleen tolfamaan naa sagadan, Gurra kiyya dhagayanii na jalatti bulan
46
Worri waaqa tolfamaa waaqeffatan hin badan; hulee itti dhokatanii dafanii hollata'aa dhufan.
47
Rabbi jiraata'a, tissee kiyya eebbifama'a. Waandhi tisseen kiyya ka na fayyise haa kabajjamu
48
Waandhi haluu naa baasu worra Yihuudota hin taane ka na jalatti bulchu
49
Diintota kiyya jalaa ka na oolchu isa worra naa ol ta'an irra na aansita, nama hamaa jalaallee na oolchita.
50
Gooftaa kiyya! Kanaafuu banii jiddu'utti si galatoonfadha, maqaa keetiifillee hin faarfadha.
51
Mootii ufii moosisee mootee kennaaf; ka ufii muude jaalala bara baraa itti mudhisa; Daawitii fi fiixaa isaatiif baraa haga bara baraa kana godha.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24