bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Samuel 7
2 Samuel 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 8 →
1
Mootichi Daawiti waan Rabbi diintota naannoo isaa jiran maraa irraa isa eegeef mana mootummaa ufii keessatti sodaa malee jiraate.
2
Achiin maayessa mootichi Naataanii raattichaan «Ani kunoo mana muka birbirsaatiin ijaarame keessa jiraadha; saanduundhi waadaa Rabbii ammo daasee keessa jiraata!» jedheen.
3
Naataan Daawitiin, «Rabbi waan si woliin jiruuf waan garaa kee keessatti yaadde godhi» jedheen.
4
Garuu halkan san Rabbi Naataaniin
5
«Deemii garbicha kiyya Daawitiin waan ani sitti himu akkana jedhii itti himi; ‹Mana qulqullumma'aa ka ani keessa jiraadhu situ ijaaraa?
6
Urga banii Israa'elii biyya Misirii keessaa bilisa baase irraa jalqabee haga ammaa daasee keessa jiraata'aa hulee tokkoo gara hulee tokkoo jijjiirama'aa jiraadhe malee mana keessa hin jiraanne.
7
Ijoollee Israa'elii maraa woliin hulee gaye maratti maaf mana muka birbirsaatiin naa hin ijaarre jedhee banii Israa'elii akka bulchaniif bulchoota filadhe keessaa namni gaafadhe hin jiraa?
8
kanaafuu garbicha kiyya Daawitiin Rabbi Gooftaan banii maraa akkana jedha jedhii itti himi; ‹ani hulee ati hoolota tissituu si fuudhee bulchaa banii kiyya ka Israa'elii si taasise;
9
hulee ati deemtu marattuu si woliin ture; diintota kee maraa si afo'oo balleesse; asiin maayessallee akka worra bulchoota adunyaa irratti beekkaman beekkamaa si taasiseera.
10
Banii kiyya Israa'eliin hulee isaan itti jiraatan qopheessee hulee ufii akka jiraatan isaan taasisa; guyyaa abboota murti'ii isaanii muude irraa jalqabee worri hamaa hojjatan akkuma armaan duraa godha'aa turan san isin hin rakkisan; diintota kee maraa jalaa bilisa si baase; Rabbi fiixaa kee keessaa worra teessoo kee dhaalan bakka sii buusa jedhee sitti hima.
12
Barri kee dhumatee hennaa duute ka gudeeda keetii bawu mootii taasisa; mootummaa isaallee hin jabeessa.
13
Innillee mana maqaan kiyya itti waamamu naa ijaara; mootummaa isaallee baraa haga bara baraa hin jabeessa.
14
Ani abbaa isaa ta'a; innillee ilma naa ta'a; yoo waan hamaa hojjate akkuma abbaan ilma ufii adabu adabaan.
15
Akka Saa'oliin afoo kiyyaa balleessee fi araara kiyya irraa fageesse araara kiyya isa irraa hin fageessu.
16
Manni keetii fi mootummaan kee afoo kiyyatti baraa haga bara baraa jabaata; teessoon keellee baraa haga bara baraa jabaata.› »
17
Akkuma dubbii kanaatiif mudhata maraan Naataan Daawitii ibse.
18
Kanaan maayessa mootichi Daawiti Rabbiin afoo taa'ee, «Rabbi Waaqa kiyya; haga adhaa ka na geessite ani eennu? maatiin kiyyallee maali'i?
19
Rabbi Waaqa kiyya! kun ija kee afo'otti waan diqqo'o; akkasuu ta'ee ammallee waan caalu hojjata'aarta. Waan garboota keetii baroota dhufan keessatti abdii baay'ee dubbatteerta; Rabbi Waaqa kiyya! waan goote kana namoota maraafuu akkasuma gootaa?
20
Eeganaa maal siin jedha? Rabbi Waaqa kiyya! ana garbicha kee hin beetta.
21
Waan guddaa kana akka dubbii keetiitii fi akka fedha keetiititti wonti goote akka garbichi kee beekuuf.
22
Kanaafuu Rabbi Waaqa kiyya! ka akka keetii waan hin jirreef akkuma gurraan dhageenne san maraa si malee Waandhi waan hin jirreef ati gudda'a.
23
Isaaf akka ta'u banii fayyisu'uuf maqaa ufiitiif godhachu'uuf waan ajaa'ibaatii fi waan maalalee godhu'uuf bani'ii fi waaqolee tolfamaa isaa afoo isaaniitii balleessu'uuf Rabbi garbummaa biyya Misirii jalaa isaan baase ka akka banii kee Israa'elii jiru lafa irra banii maaltu jira?
24
Banii kee Israa'eeliin bara baraaf banii kee gootee jabeessiteerta; Waaqa kiyya; atillee Waaqa isaanii taateerta.
25
«Yaa Waaqa kiyya! ammallee garbicha keetii fi mana isaatii waan dubbatte bara baraaf jabeessii akkuma dubbatte raawwadhu.
26
Rabbi Gooftaan banii maraa akka Waaqa Israa'elii jedhamu maqaan kee bara baraan haa guddatu; manni Daawitii ka garbicha keetii si afo'otti ka jabaate haa ta'u.
27
Waaqa kiyya; Waaqa gooftaa banii Israa'elii ati mana sii ijaara jettee garbicha keetitti waan ibsiteertuuf tajaajilaan kee kadhaa kana gara kee dhiyeessu'uuf uggeera.
28
«Rabbii jiraataa'a; ati ammallee Waaquma; dubbiin keellee dhuga'a; abdii mishaa kana garbicha keetitti dubbatteerta.
29
Rabbi Gooftaa kiyya! ati waan dubbatteertuuf eeganaa ammallee baraa haga bara baraa afoo kee akka ta'u mana garbicha keetii yabo'oo eebbisi manni garbicha keetii baraa haga bara baraa ka eebbifame haa ta'u» jedhee faateffate.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24