bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Mark 15
Mark 15
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
1
Ganama obboro'oon itti gaafatamoonni qeesotaa jaarsotii, barsiisota seeraa, miseensota yaa'ii mara woliin ni mari'atan, kanaan duubatti Yesusiin hidhanii fudhataniiniiti, Philaaxosiif dabarssanii ni kennaniin.
2
Philaaxos'llee, «Ati nugusa worra Yihudotaatii?» jechu'uun, ni gaafateen. Yesus'llee, «Akkuma ati jette» jedheen.
3
Itti gaafatamoonni Yihudotaa garuu Yesusiin waan baayi'e'een, ni himataniin ture.
4
Kanaaf Pilaaxoos, «Waan meeqaan akka si himatan mee laali! Gonkumaa deebii woyiituu hin kennitu moo?» jechu'uun, irra deebi'ee ni gaafateen.
5
Philaaxos haga baaseffatutti amma'llee Yesus, deebii woyiituu hin kennine.
6
Philaaxos woggaa wogga'aan yeroo ayyaana Faasiikaa Yihudotaa titti, nama hidhamaa namoonni akka isaanii hiikamuuf gaafate hidhamaa tokko, isaaniif gadi dhiisa ture.
7
Yeroo sanitti Mootummaa irratti kaka'anii, nama ajjeesu'uun mana hidha'aa ka aseenan, namoota hamaawwantu jira ture, namoota hamaawwan kanniin keessaa'llee tokko, Barabbaan nama jedhamutu ture.
8
Ummanni'llee gara Philaaxosii dhiyaatee dhiifama baratame akka isaanii taasisu, ni gaafataniin.
9
Inni'llee, «Nugusa worra Yihudotaa hiikee gadi akka isiniif dhiisuu barbaadan moo?» jechu'uun, isaan ni gaafate.
10
Kana'llee ka jedheef Itti gaafatamoonni qeesotaa Yesusiin dabarssanii ka kennaniin, hinaaffa'aan ta'uu isaa ni beeka waan tureef.
11
Itti gaafatamoonni qeesotaa garuu, «Bakka isaa Barabbaan nuuf haa hiikkamu» jedhaanii, Philaaxosiin akka gaafataniif namoota ni kakaasan.
12
Philaaxos'llee, «Eegaa, kana nugusa Yihudotaati ka jettaniin, maal haa taasisuun?» jechu'uun, deebi'ee namoota ni gaafate.
13
Isaan'llee, «Fannisiin!» jedha'aa, irra deebi'anii ni iyyan.
14
Philaaxos'llee, «Maali'iif? Balleessaan inni raawwate maal'i?» isaaniin jedhe. Isaan'llee, «Fannisiin!» jedha'aa, baayi'issanii ni iyyan.
15
Philaaxos'llee namoota gammachiisu'uuf jedhee, Barbbaaniin hiikee isaanii gad ni dhiise, Yesusiin garuu dhaansiseeniiti akka fannifamuuf dabarssee, ni kenneen.
16
Lolttoonni'llee Yesusiin gara moonaa bulchaa biyyaa ni fidaniin, lolttoota hafan mara'llee ni waaman,
17
Uffata diimaa'llee itti ni ufisan, gonfata qore'ee'llee maraanii mataa isaa irra ni kaayaniif.
18
«Yaa nugusa Worra Yihudotaa! Nageenni siif haa ta'u!» jedha'aa baldu'uun, nagaya ni gaafataniin ture.
19
Ulee ooya'aatiin mataa isaa keessa ni dhayaniin ture, hancufa isaanii'llee itti ni tufan ture, isa duratti'llee balddu'uun jilbbiiffatanii ni sagadaniif ture.
20
Eega itti balddaniin duubatti'llee uffata diimaa irraa baasanii, uffata isaa itti ni uffisan fannisu'uunuuf'llee ni fidaniin.
21
Uduma deema'aa jiran'llee nama biyya Qareena'aa ka ta'e abbaan Iskindroosiitii fi abbaan Ruufoosii Simooniin, baaddiyya'aa gara magaala'aa yoo galu ni argataniin, fannoo Yesusii'llee akka baadhatuuf ni dirqisiisaniin.
22
Kanaan duubatti Yesusiin hiikkaan isaa (Lafee mata'aa ka ta'ee) gara bakka Golgootaa jedhamuu ni fidaniin.
23
Achitti'llee daadhii woyinni'ii ka qumbbiin itti makame akka dhuguuf ni kennaniif, inni garuu hin dhuginne.
24
Kanaan duubatti'llee ni fannisaniin, uffata isaa'llee eennu maal akka fudhatu beeku'uuf carraa ni buufatanii, ni qoodaman.
25
Yesusiin yoo fannisaniin yeroon ganama keessaa, saa'aatii sadihii ni ture.
26
Yakka isaa'llee muldhisu'uuf, «Nugusa Yihudotaa» barreeffaminni jedhu, barreeffamee ture.
27
Yesusiin woliin'llee shifttoota lamaa fidanii tokko mirga isaatiin, tokko'llee bitaa isaatiin ni fannisan. [
28
Haala kanaan'llee, «Hamaaleyyii woliin ni laakkayame» ka jedhu, dubbiin raagaa ni raawwatame.]
29
Namoonni isa biraan ni dabrran turan'llee mataa isaanii itti raasa'aa, akkana jedha'aa ni arrabisaniin ture, «Hayi, ati Mana Waaqeffanna'aa diigiddee guyyaa sadihitti ka ijaarttu!
30
Mee amma fannoo irraa bu'iitii, mataa kee fayyisi!»
31
Bifa kanaan itti gaafatamoonni qeesotaatii fi barsiisonni seeraa'llee, ufii isaaniitii akkana woliin jedha'aa, wolitti ni balddan ture, «Kaanniin fayyisee jira, mataa isaa garuu fayyisu'uuf hin dandda'u!
32
Inni Masihicha nugusa worra Israa'eelii eega ta'e, mee amma fannoo irraa haa bu'uu, nu'llee argineeti, isatti haa amannuu!» Akkuma kana shifttoonni isa woliin fannifaman'llee, ni arabbisaniin ture.
33
Guyyaa keessaa'llee saa'aatii jahaa jalaqabee haga saa'aatii sagalii titti, arddii mara irrattuu dukkana ni ta'e.
34
Saa'aatii sagalii yoo ta'u Yesus, «Elohii, Elohii laamaa sabaqitaanii?» jedhee, qoonqqa ol aana'aan ni iyye. Hiikkaan'llee, «Waaqa kiyya! Waaqa kiyya! Maali'iif ana dhiiftte?» jechu'u.
35
Namoota achi'llee dhaabatanii turan keessaa tokko tokkoon isaanii iyya isaa dhagayanii, «Kunoo! Eliyaasiin waama'aa jira!» jedhan.
36
Isaan keessa'llee tokko fiigeeti dhaadhii dhangaggaayaa waan akka fuutta'aa titti ni guute, akka dhuguuf'llee ulee ooyya'aa irratti rarraasee Yesusii kenneefiiti, «Mee turi, Eliyaas dhufee ka isa gad buusu yoo taate, haa laalluu!» jedhe.
37
Kaniin duubatti'llee Yesus qoonqqa ol aana'aan ni iyye, lubbuun isaa'llee foon isaa irraa ni fooyamitte.
38
Golganni Mana Waaqeffanna'aa'llee olii haga gadii titti tarssa'ee, bakka lamatti ni qoodame.
39
Fannoo duranaan dhaabatee ka jiru ajajaan dhibbaa, lubbuun Yesusii attamitti foon irra akka adda baate yeroo argetti, «Naminni kun dhugamaanuu Ilma Waaqaa ture» jedhe.
40
Fagoo ta'anii ka laalan dubarttoonni tokko tokko'llee, achi ni turan. Isaan keessaa'llee Magdalaawittiin Maariyaam, haati Yaaqoobii maandhichatii fi haati Yoosa'aa Maariyaam, Salomeen'llee ni argaman ture.
41
Isaan'llee yeroo Yesus Galiilaa turetti, isa ni horddofaniinii fi ni tajaajilaaniin turan. Akkuma kana Yesusiin woliin gara Yerusaalemii ka dhufan, dubarttoonni baayi'een bira'aa'llee ni turan.
42
Guyyaan dhiyee waan tureef jala bulttii Sanbbataatii fi yeroo qophaayinnaa ni ta'e,
43
yeroma sanitti miseensa yaa'ii Yihudotaa ka ture Yooseef ka jedhamu, kabajamaa naminni biyya Armaatiyaasii ni dhufe. Inni'llee nama Mootummaa Waaqaa abddi'iin eeggatu ni ture. Uggiinsaan'llee Philaaxosiin duranatti dhiyaateeti, reeffa Yesusii akka isaa kennamuuf ni kadhateen.
44
Philaaxos'llee, «Attam akkanatti daddafaan du'e?» jedhee ni maalale. Ajajaa dhibaa'llee waamsisee, «Dhugamaanuu eega du'ee turee jiraa?» jechu'uun, ni gaafateen.
45
Du'uu Yesusii'llee ajajaa dhibbaa irraa eega dhagayeen duubatti, reeffa akka fudhatuuf Yooseefii ni eeyyame.
46
Yooseef'llee uffata kafanni'ii haarawa biteeti, reeffa Yesusii fannoo irraa buusee ni kafaneen, awwaalaa dhagaa siida'aa irraa bocamee qophaaye keessatti ni awwaalleen. Dhagaa guddaa'llee gangalchee awwaalaa ni cufe.
47
Magdalaawittiin Maariyaamii fi haati Yoosa'aa Maariyaam'llee, Yesusiin eessatti akka awwaalaniin ni laalan turan.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16