bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Mark 16
Mark 16
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
1
Guyyaan Sanbbataa eega dabrreen duubatti Maariyaam Magidalaawittiin, haati Yaaqoobii Maariyaam, Saloomee'llee ta'anii reeffa Yesusii dibu'uuf, shittoo urgoofttuu mishaa irraa qophaaye ni bitan.
2
Torbaan keessaa guyyaa jalqabaa dilbbata ganama obboroo, yeroo aduun baatutti, gara awwaalaa ni dhaqan.
3
Isaan'llee, «Dhagaa affaan awwaalaa irraa eennutu nuuf gangalchee banama?» jechu'uun, woliin haasaya'aa ni deeman ture.
4
Kana'llee wonitti jedhaniif dhagaan awwaalli itti cufame haalaan guddaa waan tureef, ol jedhanii'llee yeroo laalanitti garuu, dhagaan gara dalggaa gangalatee ni argan.
5
Gara awwaalaa'llee yeroo aseenanitti dargaggeessi uffata adii uffate, gara mirgaatiin taa'ee arguu isaaniitiin, ni nayan.
6
Inni garuu akkana isaaniin ni jedhe, «Jabaadhaa hin nayinaa, isin ka barbaadan fannifamee ka ture Yesusii Nazireetii akka ta'e ni beeka, inni ka'ee jira, asi hin jiru, bakki itti awwaalame'llee kunoot laalaa.
7
Amma'llee deemaa, barattoota isaatii fi Phexirostti, ‹akkuma asiin duraan Yesus isinitti himetti, inni gara Galiila'aa isin durssee ni deema, achitti'llee ni argitaniin› jedha'aatii, isaanitti himaa.»
8
Dubarttoonni'llee soda'aan hollata'aa bakka awwaalaatii bayanii ni dheessan, haalaan sodaatanii waan turaniif, woma tokkoo eennutti'llee hin dubbanne.
9
[Yesus torbaan keessaa guyya jalqabaa Dilbbata ganama obboroo eega du'aa ka'een duubatti, jalqaba ta jinniiwwan torbaa baaseef Magdalaawittii Maariyaaamtti ni muldhate.
10
Isiin'llee deemittee, worra gaddaa fi booya irratti argaman horddofttoota isaa titti ni himtte.
11
Isiin'llee «Yesus du'aa ka'ee lubbu'uun ni jira, ani'llee ija kiyyaan argeenii jira» jettee isaanitti ni himtte, isaan garuu isii hin amanneen.
12
Kanaan duubatti'llee gara baadiyya'aa ni deeman worra turan barattoota isaa lamaantti, Yesus bifa bira'aatiin isaanitti ni mulidhate.
13
Isaan'llee deebi'anii barattoota isaa ka hafanitti ni himan, barattoonni isaa garuu kanniin'llee isaan hin amanne.
14
Kanaan duubatti'llee kudha tokkonuu nyaataaf dhiyaatanii uduma nyaata'aa jiran, Yesus isaanitti ni mulidhate, «Yesus du'aa ka'ee lubbu'uun ni jira, ija keennaan'llee isa arginee jirra» jedhanii, isaanitti worra himan amanuu dhabuu isaaniitii fi mata jabuu isaaniitiin'llee, isaan ni ashan.
15
Akkana'llee isaaniin ni jedhe, «Gara biyya lafaa mara deemaa, nama mara wongeela barsiisaa.
16
Ka amanee fi ka cuuphame ni fayya, ka hin amanne garuu itti ni murtteeffama.
17
Worri anatti amanan marrinuu baasota kanniin ni taasisan, maqaa kiyyaan jinniiwwan ni baasan, afaan haarawaan'llee ni dubbatan,
18
bofoota yoo qaban, yookiin summii nama ajjeesu'llee yoo dhugan isaan hin miidhu, harka isaanii dhukkubisattoota irra yoo kaayan, dhukkubisattoonni ni fayyan.»
19
Gooftaan Yesus kana mara eega isaanitti dubbateen duubatti, gara sami'ii ol ni deebi'e. Mirga Waaqaatiin'llee ni taa'e.
20
Barattoonni isaa'llee bakka mara deema'aa ni barsiisaan, Gooftaan'llee isaan woliin ni hojjataayyu ture. Aangoo baasota taasisu'uu'llee isaaniif kennu'uun, dhugaa ta'uu barsiisa isaanii'llee ni mirkaaneessa ture.]
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16